Baarseloonaa hanga Itihaad- Mallattoo milkaa'inaa kan tahe Peep Gaardiyoolaan eenyu?

Peep Gaardiyoolaa, haadha warraa isaa Kiristinaa fi ijoollee isaa dubaraa waliin bara 2023 yeroo Maan Siitii waanchaa Shaamoiyoonsi Liigii Awurooppaa mo'atu

Madda suuraa, Getty Images

-Peep Gaardiyoolaan tibbana dubbii ijoo miiidyaalee hawwaasaa taheera. Waa'een gaa'ila isaa isa jalqabaati.

Haadha warraa waggoota 30 oliif waliin jiraatan, qabeenya guddaa horatan waliin adda bahuu himamaa jira. Peep nama hojii isaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun beekamudha.

Daily Mail akka gabaasetti ammoo haati warraa Peep Gaardiyoolaa Kiristina Seeraa erga isarraa adda bahuu odeeffamee qofaa ishee Baarseloonaa keessatti osoo meeshaalee adda addaa bitattuu argamteetti.

Gaazexeesitoonni itti dhiyaachuun haala irra jirtu yoo gaafatan ''galata isaa, hunduu gaariidha!'' jechuun akka deebisteef gabaase.

Diizaayinera beekamtuu kan taate haati warraa Peep dedeebitee Ingilizitti isa dubbisaa turte.

Bara 2019 ture intala ishee tokko wlaiin Baarseloonaatti deebi'uun hojii ishee kan itti fufte. Bara 2021 magaalaa Baarseloonaa keessaa mana jireenyaa paawondii miliyoona 8.4 tahuun akka bitatanii ture gabaasni kun ni eera.

Gaardiyoolaan kilaba isaa duraanii Baarseloonaatti deebi'a jedhamees eegamaa ture.

Garuu kunis hin taane. Adda bahuu isaaniif sababa kan jedhamu isheen lammii Ispeen warraa Kataalanotaa waan taateef gara magaalaa Baarseloonaatti deebi'uu barbaaddi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Peep akkuma kontiraanni isaa Maanchister Siitii waliin xumurameen kilebicha gadhiisee baha jedhamee eegamaa ture.

Yeroo kilebichi qormaata keessa galu ammoo Pep yaada isaa jijjiiruun achuma turuu filate. Hanga bara 2027tti yeroo inni mallatteessu isheen kanatti akka hin gammadne Daily Mail gabaase.

Yeroo gara maatii isaafi magaala dhaloota isaatti deebi'a jedhamee eegamutti Gaardiyoolaan Maanchister Siitii keessa turuuf murteessuu isaa hordofee isheenis adda bahuuf akka murteesite gabaasichi eera.

Jooseef peep Gaardiyoolaan eenyu?

Leenjisaa dogogora xiqqoo uumuutti hin amanne, kubba miilaa keessatti milkaa'ina guddaa argatee fi leenjisaa jabaa adunyaa dhiibbaa guddaa uumuun beekaman jedhamanidha, Jooseef Peep Gaardiyoolaan.

Inumaayyuu Gaardiyoolaan waan haaraa tokko fidanii taphatanii morkataa isaanii mo'achuuf humnaan ol yaadu jedhamu.

Peep, Baarseloonaa, Baayern Munikii fi Maanchister Siitii yeroo leenjisan waliigalaan taphoota 900 leenjisaniiru.

Bara muuxannoo guddaa hin qabneyyuu akka baranaa garuu tahanii hin beekan.

Taphoota jaha walitti aansuun mo'achuu hin dandeenye. Garuu tapha 3-0 dursan mo'amaniis tahe qixa bahanii hin beekan. Feeynoordi irratti garuu kanatu isaan mudate. Mudannoo jalqabaati.

Waancaa hedduu injifatanis ammayyuu nama milkaa'ina beela'an, ammas mo'achuu barbaadanidha.

Cichoomina isaanii kan agarsiisu ammoo yeroo mo'amaa jiranitti inumaayyuu kileba kana dhiisee hin bahu nan jijjiira jedhanii kontiraata waggaa lamaa dabalataa mallatteessuu isaaniiti.

Leenjisaa seenaa maan Siitii jijjiiraniifi Piriimer Liigii, liigii adunyaa irraa leenjistootaa fi taphattootaaf ulfaata jedhamuyyuu kan dhuunfaa isaanii godhatanidha.

Peep, Baarseloonaa keessatti Meesii waan qabuufidha. Baayern Munik keessatti ammoo Jarmanii kilebni jabaan isa qofa waan taheef malee hagas hin milkaa'u jedhamaa ture.

Garuu yaada namootaa kana kan fashaleessu waancaa Piriimer Liigii, FA fi Shaampiyoonsi Liigiis bara tokkotti injifachuun Maanchister Yuunaayitiditti aanuun seenaa haaraa Piriimer Liigii keessatti galmeesse.

Injifannoofi milkaa'inni galma isaaniiti. Kubba miilaanis jireneya dhuunfaanis. Hanga injifatanii taphni xumurameera jedhamutti isaaniif hin xumuramne. Osoo galchii hedduu galchaniyyuu.

Garuu Peep eenyu?

Ispeen maatii warra Kaataalaanotaa tahan irraa Baarseloonaa naannoo Santpedor jedhamutti dhalate Peep Gaardiyoolaan, qabsoo warra Kaataalanotaas nama deeggarudha.

BBC'n waa'ee leenjisaa kanaa dookimantarii hojjete irratti taphattootni Gaardiyoolaan leenjisaa ture, gaggeesitootni isa waliin hojjetaa turanii fi namootni itti dhiyaatan kaan dubbataniiru.

Leenjisaa falaasama kubba miilaa mataa isaa qabatee dhiyaachuun guutummaa kubba miilaa Awurooppaa irratti dhiibbaa uumedha.

Baarseloonaa, Baayern Munikii fi maanchister Siitii keessatti Gaardiyoolaan leenjisaa hamma gahu adunyaatti agarsiisedha.

Baarseloonaa waggoota afur leenjisuun waancaa Laaliigaa sadii, Shaampiyoonsi Liigii lama fi Koppaa del Rey lama dabalatee waliigalaan waancaawwan 14 injifateera.

Maanchister Siitii keessatti waggoota jaha keessatti waancaa Piriimer Liigii shan, bara darbe ammoo waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Cup injifachuun Maan Siitii keessatti seenaa haaraa galmeesse.

Ingiliz keessatti waggaa tokko keessatti waancaa sadan injifachuun ammo Sir Aleeksi Fergusanitti aanuun leenjisaa lammaffaa seenaa wal fakkaataa galmeesse tahe.

Gaardiyoolaan morkattoota isaa caalaa kubba to'achuun taphachuutti amana.

Kun ammoo akkaataatti kubbi miilaa Awurooppaa taphatamu irratti dhiibbaa gaarii tahe fiduun leenjistootni kaan akka falaasama isaanii ilaalanii fi jijjiiraniif sababa taheera.

Gaardiyoolaan leenjisaa tapha keessatti dogogorri xiqqoon akka uumamtu hin eeyyamnedha.

Jaalala waggaa 20 booda walfuudhan

Peep Gaardiyoolaan gaazexeesituu fi barreessituu lammii Biraazil taate Kiristinnaa Seeraa jedhamtu waliin gaa'ila dhaabbatanii ijoollee horataniiru.

The Sun akka gabaasetti, Peep fi Kiristinnaan yeroo Peep umuriin isaa waggaa 18 tahee jalqabanii jaalala keessa turan.

Kan isaan wal fuudhan garuu bara 2014 erga waggoota 20 tahaniif jaalalaan waliin jiraatanii akkasumas ijoollee horatanii boodadha.

Kiristinnaan Ispeen keessatti dhalachuun maatii ishee waliin hojii biizinesii gddaa hojjechaa turte. Magaalaa Baarseloonaa keessaa mana kuusaa faashinii beekamaa fi guddaa Seeraa Kilaret jedhamu qabu.

Peep yeroo Baarseloonaaf taphachaa ture asitti Kiristinaa waliin wal bare. Peep ofiiyyuu dhiira bareedaa jedhamu waan taheef hojii modelii hojjechaa ture.

Dukkaana [suuqii] Seeraa kan maatii Kiristinaa fa'aa keessatti diizaayinera beekamaa Antooniyoo Miiroo jedhamuuf hojii modelii ykn agarsiisaa hojjechaaf ture.

Yeroo kana ture iji Gaardiyoolaa kan Kiristinaa irra bu'ee fuulaa fuulatti wal ilaalan.

Lameenuu jaalalaan kan kufan Gaardiyoolaa fi Kiristinnaan waggoota dheeraaf jaalalaan erga waliin turanii bara 2014 wal fuudhan. Ijoollee dubaraa sadiis qabu.

Peep Gaardiyoolaa, leenjisaa Maanchister Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Gaardiyoolaan taphataa Baarseloonaa waan tureef yeroo hunda wal arguun isaan rakkisa ture. Garuu osoo hin turiin Baarseloonaa keessatti mana bituun waliin jiraachuu jalqaban.

Kiristinaan yeroo hedduu waa'ee jireenya ishee icciitiin qabachuun beekamti jedhama. Guyyaa kamirra akka dhalatte ifatti beekamuu aatus bara 1973 tahuu ni beekama.

Peep Gaardiyoolaa fi Kiristiinaan ijoollee sadii Maariyaa, Maariyuusii fi Vaalentiinaa jedhaman horataniiru.

Intalli hangafaa isaanii Maariyaa jedhamti. The Mirror yeroo tokko akka gabaasetti Maariyaan ganna 22 yoo taatu abbaa isheedhaan hedduu boonti, hedduu isa jaalatti.

Yeroo taphni jirus akka inni mo'atu taphoota hedduu ni daawwatti.

Erga peep Gaardiyoolaan gara Maanchister Siitii dhufee bara 2021 keessa intalli isaa Maariyaan taphataa duraanii Tootenhaam Dele Alii waliin argamaa akka turte The Mirror barreessee ture.

Haa tahu malee erga yeroo muraasa waliin argamanii [jaalala jalqabanii] akka isarraa adda baate hime.

Gaardiyoolaa fi faashinii

Gaardiyoolaan leenjistoota jiran keessaa uffata diizaayinii addaa qabuu fi miidhagaa uffachuun beekama.

Akka leenjistoota tokko tokkoos uffata akka tuuttaa uffatee dhaabachuun tapha hin gaggeessu.

Fakkeenyaaf Yargan Kilooppi leenjisaa uffata ispoortii salphaa uffachuun yeroo hundaa argamudha.

Yeroo tokko akka Pep Gaardiyoolaatti uffata diizaayina addaa qabu akkasii uffadhee bahee taphattoota gaggeessuuf obsa isaa hin qabu jedhanii ture.

Faashinii uffachuun kan beekamu Gaardiyoolaa tahuus dubbataniiru.

Peep Gaardiyoolaan uffata akkamii uffachuun guyyaa dorgommii jiru tapha dursuu akka qabu kan murteessuu fi uffata isaaf filu haadha warraa isaa Kiristinnaa tahuu Daily mail barreessera.

Manni faashinii Seeraa Kilaaret biraandii ittiin beekamu hedduu qaba. Isaan keessaaa uffattota Peep Gaardiyoolaan yeroo taphaa uffachuun qarqara dhaabbatee tapha gaggeessu ilaaluun ni danda'ama.

Isaan keessaa faashinii Dsquared2, CP Kaampaanii fi Armaanii jedhaman fa'a caqasuun ni danda'ama.

Peep ofuma isaanuu akka haati warraa isaa guyyaa dorgommii irra maal akka uffachuu qabu filtuuf himeera.

Leenjisaa kubba miilaan osoo hin taane uffata faashinii uffachuun miidhagee dhiyaachuun beekamudhas.

Yeroo fi waan akkamii irratti gorsa argachuu akka qabdu beekuu qabda jedhe Gaardiyoolaan. Faashinii hordofuuf haadha warraa isaa akka hordofu, kubba miilaaf ammoo falaasama mataa isaatti akka amanu himuuf.

Kiristiinaa Seeraa faashiniin marfamtee guddatte. Kun ammoo jireenya ishee irrattis dhiibbaa gaarii tahe fiduun ofiis hojii faashinii kana keessatti argamti.

Qabeenya guuddaa Doolaara miliyona 40tti tilmaamu akka qabdus miidiyaaleen ni himu.

Kiristiinaan hojii modeliingii irrattis yeroo baay'ee hirmaataa turte.

Peep Gaardiyoolaa, leenjisaa Maanchister Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Gonfoo leenjisummaa hin eegamne

Peep Gaardiyoolaan akkaadamii guddattoota Baarseloonaa keessaa kan bahe yoo tahu falaasmani tapha Baarseloonaa yeroo hundaa dhiiga isaa keessa jira jedhama.

Leenjisaa Baarseloonaa jaalatamaa Yohaan Kiraaf garee xumura 1980 ijaare keessaa tokko ture.

Sarara gidduurra taphataa kan ture Gaardiyoolaan ijoollee tahee yeroo taphatuyyuu nama sammuu leenjisaa qabu ture jedhama.

Tapha kubba miilaan taphataa hagas mara faarfame hin turre. Garuu gaggeesitootni Baarseloonaa leenjisaa isaanii fuulduraa akka tahu waan isa keessatti argan qabu fakkaata.

Gaardiyoolaan tapha kubba miilaa irraa yeroo soorama bahu waggaa tokkoof qofa garee B Baarseloonaa leenjise. Sana booda yeroo sana umuriin isaa waggaa 37 yoo tahu leenjisaa Baasreloonaa tahuun qacarame.

Kileba guddaa hagas gahu ijoolleetti kennan jechuun kan qeeqan turan.

Baarseloonaan yerootti taphattoota jajjaboo adunyaa irratti faarfaman qabu ture.

Roonaaldinoo Goochoo, Saamu'eel Etoo, Yaayyaa Turee, Ziilaataan Ibirahimovich fa'aa kaasuun ni danda'ama.

Garuu taphattootni kunneen leenjisaa muuxannoo homaa kileba guddaa keessttti hin qabnee fi ganna 37 taheen leenji'u kan jedhu garuu waan yaadamu hin turre.

Bara 2008 Baarseloonaan leenjisaa qoramee hin ilaalamnee fi muuxannoo hin qabne Gaardiyoolaa leenjisaa isaa godhee qacaruuf murteesse.

Gaggeessaa jabaa waan hojjettoota isaa keessa jiru fageessee arguu danda'u yoo tahe malee murtoo kana fudhachuun ulfaataa ture.

Firaank Raayikaardi Baarseloonaa leenjisaa ture. Gaardiyoolaan ammoo ramaddii C keessa kan ture Baarseloonaa B leenjisaa ture.

Hojii kanaaf leenjistootni biraa kaadhimaman keessaa tokko Joosee Moorinihoo ture.

Bara 2008 yeroo Baarseloonaan leenjisaa haaraa qacaruu barbaadaa ture ammoo Jooseen Cheelsii waliin waancaa Piriimer Liigii lama injifachuun kilebichaaf seenaa haaraa galmeessera.

Isa dura bara 2004 Poortoo waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateera.

Joosee Moorinihoon leenjisaa jabaa Baarseloonaa waliinis hariiroo gaarii qabuu fi waancaa injifateen gahumsa isaa mirkaneesse ture.

Peep Gaardiyoolaa fi Joosee Moorinihoo

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1990'oota keessa Jooseen Baarseloonaa keessatti gargaaraa leenjisaa Luwis Vaan Haalii fi Sir Boobii Roobsan tahuun hojjeteera.

Haa tahu malee gaggeessaan Baarseloonaa yeroo sanaa Zhaaviyer Saalaa-i-Maartiin ''akka carraa tahee'' Joosee Moorinihoon isa nuti ''DNA Baarseloonaa'' jennee waamnu sana of keessaa hin qabu ture jedhan.

Gaardiyoolaan akkaadaamii guddattoota Baarseloonaa La Masia irraa kan eebbifame yoo tahu taphataa Baarseloonaa tahuun bara 1992 garee Yohaan kiraaf jaboo jedhaman waliin waancaa Awurooppaa tokko mo'ateera.

Gaardiyoolaan erga garee Baarseloonaa B ramaddii C keessaa gara Btti guddisee garee olaanaa qabatee namoota isa shakkan akka dogogoran amansiise.

Leenjisaan waan huda qixa sirriin dirree irratti akka raawwatamu barbaadu kun waggoota afur keessatti waancaa 14 Baarseloonaa waliin mo'ate.

Gaardiyoolaan taphattoota akka Liyonel Mesii, Zhaavii Hernaandez, Ineshtaa fi Serjiyoo Buskeet fa'aa adunyaatti baase.

Liyonel Mesiin sadarkaa har'a irra gaheerra gahuuf peep sababa akka tahe himama.

Bakka inni taphatuu fi haalatti taphachuu qabu jijjiiruun leenjisaa akka esiin dandeettii adda qabu baasu taasisedha jedhamu.

Sana booda gara baayern Munik deemuun Shaampiyoonsi Liigii irraa kan hafe waancaa hundayyuu mo'ateera.

Qeeqxonni isaa Piriimer Liigiin liigii ulfaataa waan taheef osoo as dhufe hin milkaa'u jechaa turan.

Inumaayyuu Gaardiyoolaan waancaa Piriimer Liigii jaha keessaa shan mo'achuun liigii dhuunfaa isaa fakkeesse.

Jooseef Pep Gaardiyoolaa leenjisaa jabaa kubba miilaa adunyaa irratti falaasama adda tahee fi dhiibbaa gaarii fidedha. Maanchister Siitiidhaa yoo bahu garam imala laata?