Joosee Moriiniho: Leenjisaa jabaa addunyaa duuba haadha warraa jabduu

Madda suuraa, Getty Images
Milkaa’ina Joosee Moriinihoo keessatti namni shoora olaanaa taphate eenyu kan jedhuuf tarii leenjistoota jajjaboo akka Sir Aleeksi Fergusan, Sir Boobii Roobsan fa’aa maqaa dhahuu dandeessu taha.
Dubbiin akkas miti. Jooseen ijoollummaadhaan kan ishee bare, kan ganda tokko keessatti waliin guddatan, jaalala ijoollummaa irraa hanga man-guddummaa kan waliin dhamdhaman, haadha warraa isaa Maatiildee Faariyaati.
Gorsi haadha warraa Moriinihoo akka inni of danda’ee hojii leenjisummaa jalqabu gochuurraa jalqabee kilaba kam leenjisuu, kam ammoo dhiisuu akka qabu keessatti bakka olaanaa akka qabu dubbii yeroo adda addaatti miidiyaaleef kenne keessatti eerera.
Jooseen waancaa Piriimer Liigii Ingilizii, Serie A, fi Shaampiyoonsi Liigii kilaboota akka Poortoo, Cheelsii fi Inter Miilaan fa’aa waliin injifachuun leenjisaa seenaa guddaa qabudha.
‘’Icciitiin milkaa’ina hundaa jaalaladha. Namani milkoofteetta yoo tahe, jaalalli hojiikeefi maatii keessatti qabdus guddaa taha,’’ jechuun gaaffiif deebii xiinxalaa kubba miilaa Deevid waliin taasise irratti hime.
'Icciitiin milkaa’ina hundaa jaalala'-Joosee Moriinihoo
Joosee Moriinihoo fi haati warraa isaa jaalatamtuu Maatiildee Faariyaa ijoolummaatti magaalaa xiqqoo Poorchugaal keessaa Seetubal jedhamtu keessatti wal baran.
Seetubaal ganda dhalootaa Joosee uummata kuma 150 gadi qabdudha. Joosee fi haati warraa isaa Maatiildeen bara 1989 wal fuudhuun ijoollee lama horataniiru.
Morinihoon kana dura gaaffiif deebii miidiyaalee waliin godhe irratti ‘’jireenya koo keessatti waanti baay’ee murteessaan maatiikoo fi ijoolleekoof abbaa gaarii tahuudha,’’ jedhe.
Milkaa’ina nama guddaa tokko duuba dubartii jabduun tokko jirti akkuma jedhamu, milkaa’ina Joosee duuba haati warraa isaa akka jirti ofumaan raga bahaa ture.
Inumaayyoo yeroo tokko Jooseen garee biyyaalessaa Ingilaandi akka leenjisuuf gaafatamee ture.
Garuu haati warraa isaa ‘lakki kun hojii siif tahu miti,’ jechuun akka inni tole jedhee hojicha hin fudhannee gooteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waa’ee kanaa bara 2014 Jooseen yoo dubbatu akkas jedhe. ‘’Laampaardi, Teerii, Jee Kool fi taphatootni kaan ‘adaraa koottu, koottu,’ naan jechaa turan.
Taphattootni koo kunneen,’’ taphattootni Maanchister Yuunaayitid fi Liiverpuul nuuf bilbilanii, ‘leenjisaan keessan akka garee biyyaalessaa Ingilaandi qabatu itti nuuf himaa’ nuun jedhan jechuun natti himaa turan.
''Akkan hojicha fudhadhuuf wantootni ana amansiisan hedduutu turan.
''Garuu haati warraakoo hojicha hin fudhatiin, naan jette, yaadni ishees sirrii ture,’’ jechuun Jooseen waa’ee murtoo isaa himeera.
Dhugumaan leenjisaan akka Joosee waggaa lama eeguun dorgommii tokko irratti hirmaatu jedhamee hin eegamu.
''Murtoo sirrii ture. Waa’ee wagga torba dura taheen dubbataa jira…. Dorgommii cimaan hanga dhufutti akkamiinan wagga lama eegaa, hangasittiyyuu biyyoota akka Kaazaakistaanii fi Saan Maariinoo waliin tahadha!’’ jechuun ibse.
Jooseen yoo kana jedhu waancaan Awurooppaa wagga lamaan akka gaggeeffamuu fi isumaayyuu Ingilaandi fa’a waancichaaf darbuuf biyyoota akka Saan Maariinoo fa’a waliin akka taphatan ibsuuf yaadeeti.
Tarii amma osoo hin taane kana booda waggoota torba fa’aa booda hojiin hojjedhu tahuu mala jechuun himan.

Madda suuraa, Getty Images
Morkii Joosee Morinihoo fi leenjistoota kaan gidduu
Jooseen ‘’the Special One’’ jechuun of waama. Yeroo Cheelsii leenjisaa turetti Sir Aleeksi Fergusanii fi Arseen Wenger waliin morkii cimaa gaggeessaa ture.
Hariiroon Joosee fi Arsene Weenger gidduu hammaataa dhufuun hanga wal loluutti yeroon gahan ture.
Jooseen Arsen Wenger dubbiidhaan tuquu yoo barbaadu, ‘ani nama addaati [special one], waancaan an mo’adhe ilaalaa jedha. Wengeriin ammoo ‘’kufaatiidhaan nama ispeeshaaliitii hojjete’’ jechuun ajandaa tahanii ture.
Arseen Wengeriis ‘ leenjisaa namaaf kabaja hin qabne, dhugaa irraa kan fagaate,’’ jechuun ibsanii ture.
Bara 2004 yeroo Jooseen leenjisaa Chelsii tahuun jalqabe tapha jalqabaan Cheelsii fi Arsenaal qixa 2 fi 2’n xumuran.

Madda suuraa, Getty Images
Jooseen wagga 50 booda Cheelsiin yeroo jalqabaaf waancaa akka mo’atu godhe. Poortoo yeroo turettis waancaa Piriimera Poorchugaalii fi Shaampiyoonsi Liigii mo’atee waan tureef Jooseen leenjistoota kaan dubbii xiinsamuu isaanii tuquun haamilee buusa.
Kanaaf Arsen Weenger ‘’al takka takka nama gowwaatti milkaa’ina yeroo kennitu nama jabaa gochuurra ittuu gowwaa godha," jechuun dubbii jabduun Josee tuqan.
Joosee fi Arsen Weenger ergasii wal dhabdee jabduu keessa galan.
Joosee fi Sir Aleeksi Fergusan ammo michuu waliiti. Guyyaa tokko leenjistootni lameen waliin wayinii unatanii ture.
Gabaasa Mirror hojjete irraa akka odeeffannetti Jooseen yeroo sana akkas jechuun yaadata.
‘‘Wayinii sana garee haala mijeesitoota Cheelsii bitee ture. Wayinii sadarkaa isaa eeggate olaanaa kann nama akka isaaniif tahu tahuu batus waliin unanneerra.‘‘

Madda suuraa, Getty Images
Joosee fi Sir Aleeksi Fergusan erga guyyaa jalqaba wayinii unatanii, yeroo hundaa tapha Cheelsii fi Maanchister booda bu’aan qabxii isaanii waan fedhe tahus wayinii waliin osoo hin unatiin adda akka hin baane hime Joosee.
'‘Nama gaarii, hiriyaa gaarii, nama gara laafessa, hojii isaa akka malee kann jaalatuu fi waan hojjetu kann beeku nama ajaa’ibaati,‘‘ jechuun Fergusaniin ibse.
Siir Aleeksi Fergusan, Arsen Weenger fi Joosee Moriinihoo leenjistoota jajjaboo kubbi miilaa Priimer Liigii Ingiliizii akka jabaatu godhaman keessaatti argamu.
Morkiin Joosee Moriinihoo fi leenjisaa duraanii Liiverpuul, Cheelsii fi Riyaal Maadirid Raafaa’el Beeniteez gidduu tures salphaa miti.
Beeniteez kileboota Jooseen leenjisaa ture akka Cheelsii, Inter Miilaanii fi Riyaal maadirid leenjisaniiru.Yeroo tokko ammoo Joosee Moriinihoo fi haati warraa Raafaa’el Beenitez afaanii wal bahan.
Haati warraa Raafaa’el Beenitez Joosee dubbiidhaan tuqnaan akkas jechuun barruu ‚Mirror‘ irratti gaaffiif deebii taasiseen deebiseef.
‘‘Dubartiin kun xiqqoo waan hin hubanne qabdi. Abbaan warraa ishee Cheelsii kan qabate Roobertoo Di Matiw bakka bu’uunidha. Riyaal Maadirid kan qabate Kaarloo Anchelootii bakka bu’uunidha. Kan bakka koo bu’uun leenjise Inter Miilaan qofaadha."
"Ani achitti waancaa Seria A, Shaampiyoonsi Liigii, fi Koppaa Itaaliyaa mo’adhee dhufee ji’a jaha keessatti kilaba guddaa kana fakkaatu kuffisee ari’ame,‘‘ jedhe.
‘‘Waa’eekoo yaaduu fi dubbachuu irra nyaata madaalamaa abbaa warraa isheef qopheessuu irratti osoo xiyyeettatte wayya. Yoo akkas goote waa’ee koo yaaduuf yeroo hin argattu," jechuun dubbate.
Imala leenjisummaa Joosee Moriinihoo
Joosee Moriinihoo maatii galii giddugaleessaa qaban irraa Amajji 26, bara 1963 dhalate.
Leenjisaan lammii Poorchugaal kun abbaan isaa taphataa kubba miilaa fi leenjisaa waan turaniif carraa kilaba tokko abbaa isaa jalatti leenji’uus argatee ture. Haa tahu malee Jooseen kubba miilaa sadarkaa kileboota gurguddaatti hin taphanne.
Maatiin isaa barumsa irratti akka xiyyeeffatus barbaadu. Harmeen isaa barsiiftuu mana barumsaa sadrkaa tokkoffaa waan turaniif akka barnoota dhimma biizinesiis baratu barbaadu ture.
Joosee Moriinihoo sana dhaabuu saayinsii ispoortii baratan. Barsiisummaanis yeroo xiqqoo hojjetanii ture.
Jalqaba leenjisaa kilaba Poorchugaal Ispoortiingii fi Poortoo kan turan Sir Boobii Roobsaniif afaan hiikuun hojii isaanii jalqaban.
Sana booda Baarseloonaatti leenjisaa yeroo Sanaa kan turan Luwis Vaan Gaaliif gargaaraa tahuun hojii isaanii idilee jalqaban.
Akka jedhamutti Jooseen falaasama kubba miilaa qaban ofiin hojiitti hiikuuf waan rakkataniif leenjisaa olaanaa kan turan Vaan Gaal waliin walii hin galan ture.
Akka dirree irraa deebi’een haadha warraa isaatti waan isa mudataa oolu yoo himu, ‘’maaf isa jalaa baatee ofiikee leenjisaa taatee hin hojjettu’’ akka jetteen odeessaleen tokko tokko eeru.
Kanumaan Jooseen Benefiikaa fi kilaba Leeraa jedhamutti yeroo muraasa erga dabarseen booda bara 2002 leenjisaa Poortoo tahuun hojii isaanii jalqaban.
Achitti waancaa Piriimera Poorchugaal, Taca de Poorchugaalii fi Shaampiyoonsi Liigii mo’atan.
Sana booda bara 2004 Cheelsii qabachuun waggaa 50 booda waancaa Piriimer Liigii akka injifatu gargaaran.
Jooseen Cheelsii, Inter Miilaan, Riyaal Maadiridii fi Maanchister Yuunaayitid keessatti leenjisaa milkaa’ina gaarii argachuun beekamanidha. Dhiyeenya ammo erga Tootenahaamii gaggeeffamanii kilaba biyya Xaaliyaanii Roomaa leenjisaa jiru.
Kun seenaa isaanii guddaa keessaa muraasa qofa.












