Taphoonni hafan Arsenaaliifimoo Maanchester Siitiif salphatu?

Maayikil Arteettaa fi Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Taphni Pirimiyeer Liigii Ingilizii akkuma qalbii namoota hedduu booji’etti ittifufeera.

'Kilaba kamtu Waancaa fudhata?' kan jedhee walgaafatu namoota danuudha.

Arsenaal Sambata darbe Kiristaal Paalaas istaadiyeemii Emireetitti 4 fi 1’n hurreesse.

Pirimiyeer Liigii Ingiliziirraatti Waancaa erga fudhatee waggoota 19 kan lakkoofsise Arsenaaliif taphoota 10'n hafe.

Maanchistar Siitiif taphni tokko wayita hafee kanatti Arsenaal qabxii saddeetiin Maanchister Siitii dursa. Haa ta’u malee, FA fi Chaampiyeensi Liigiirrattis hirmaataa jira.

Maanchistar Siitiin istaadiyeemii Itihaaditti A.L.I Ebla 16, 2015tti Arsenaal simata.

Waancaa barana eenyuutu fudhata laata? Tapha fooyyee qabu garee lamaan keessaa kamtu qaba?

Taphoota eegaman

Arsenaal Morkataasaa Maan Siitii waliin wal cina wayita madaalamu Arsenaalif taphoota salphaatu hafe jedhamee raagama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maanchistar Siitiin taphoota hafeef hunda injifata jennee yoo tilmaamne, Arsenaal taphoota hafaniif 10 irraa qabxii 26 argachuu qaba.

Arsenaal maayiirratti Woolvis waliin dirreesaarratti taphata.

Garee Peep Gaardiyoolaaf taphoota 11tu hafeef.

Siitiin Chaampiyeensi Liigii fi FA irratti marroo lamaaf Baayer Muunik waliin taphata.

Waancaa FA irratti ammoo Shefildi Yuunayid waliin taphachuuf jiran.

Maanchistar Siitiin taphoota hundumaa otoo injifatee akka lakkooofsa Awurooppaatti ji’a Waxabajjii 3 dhufaa jiru kana Waancaa FA xumuraaf taphata, Waxabajjii 10tti ammoo Chaampiyeensi Liigiif Istaanbulitti taphachuun goolaba.

Dhaabbanni kuusaa odeeffannoo Niilsan Giresnotis jedhamu akka jedhutti, taphataan Arsenaal Wancaa Pirimiyeer Liigii fudhachuuf carraa 53% qaba, Maanchistar Siitiin ammoo 47% qaba.

Xiinxalaan ispoortii dhaabbatchaa Saayiman Giliiv akkas jedhe:‘’Arsenaal Liigiicha qabxii kudhaniin dursaa jiraatus, carraan Waancaa fudhachuu 50% gaha.

Arsenaal gareewwan jajjaboo jaha keessaa sadii ( Siitii, Niwukaasil fi Livarpuul) waliin dirreen isaatiin alatti taphata,’’ jedha.

‘’Siitiitti taphni jabaachu malu ji’a dhuftu dirreen isaatin alatti Biraayitan waliin kan taphatu,’’ jedhan.

Xiinxalaan ispoortii kun akka himanitti, dhaabbatichi carraa Siitiin injifachuuf qabu akka raagetti, xumurarratti qabxii 86, Arsenaal ammoo qabxii 87 qabaata jedhe.

Saayiman itti dabaluun akka himetti, tapha hundarraatti kilaboonni lamaan carraa injifachuu, qixabahuu fi injifatamuu isaanii otoo shallagamee gartuuwwan lachuu qabxii 88 argachuun bara dorgommichaa xumuru.

Waxabajjii 16 istaadiyeemii Etihaad irratti Siitii fi Arsenaal morkiin xumuraarratti mul’isan Waancaa eenyu akka fudhatu akeeka.

Tapaha kanarratti Siitiin carraa 66% argateera. Arsenaal qixxee yoo bahe ykn yoo injifate waan baayyee geeddaruuf mala.

Taphattoota Arsenaalliifi Maanchester Siitii

Madda suuraa, Getty Images

Seenaan eenyuuf looga?

Dhaabbanni odeeffannoo ispoortii xiinxalu kan biraan seenaa Pirimiyeer Liigii keessatti qabxii saddeetiin otoo dursanii Waancaa otoo hin fudhatiin kan hafan kilaboota sadii qofa jedha.

Bara faranjoota 1997/98 Maanchistar Yuunaayid gargaarummaa qabxii sagaliin Liigii turuun Arsenaal duubarraa ka’ee injifate.

Waggaa shan booda Maanchistar Yuunaayid Liigii qabxii saddeetiin dursaa kan ture Arsenaal injifachuun haaloo bahe.

Bara dorgommii 2011/12 ammoo Yuunaayitid dursummaa isaatti otoo dhimma hin bahiin Maanchister Siitiin duubaa ka’uun goolii seena qabeessa Aguweeroon galcheen injifate.

Taphoota 30 taphate keessatti qabxii 69 ol kilaboota argatan keessaa Waancaa fudhachuu kan dadhabe kilaba Livarpuul qofa. Barri isaa 2018tti ture.

Taphataan sarara Ittisaa duraanii Arsenaal Maartiin Kewaan dorgommii Waancaarratti morkiin godhu hawwataa akka ta’utu eegama.