Waggoota 10 dhufan eenyutu Mesiifi Ronaaldoo bakka bu’a laata?

Mesiifi Ronaaldoo

Madda suuraa, Philipp Schmidli

Ibsa waa'ee suuraa, Mesiifi Ronaaldoo

Kiristaanoo Ronaaldoofi Liyoneel Mesiin bara 2010 hanga 2020 kanatti mataa kubbaa miilaa addunyaa ta'anii dabarsaniiru. Namoonni waggoota kana keessa taphattoota kunneen lamaan keessaa abbaa caalu waldorgomsiisuun falmaa turaniiru.

Taphattonni kunneen badhaasa gurguddaa kubbaa miilaa akka lamaan isaanii gidduutii hin baane gochuun dorgommii addaa taasisaa turaniiru.

Garuu kanaan booda waan itti fufan miti.

Yeroo ammaa Kilaba Xaaliyaan Juveentuusiif taphachaa kan jiruufi umuriin isaa ganna 34 kan ta'e Kiristaanoo Ronaaldoon, akkasumas kilaba Ispeen Baarseloonaaf kan taphaachaa jiruufi umuriinsaa ganna 32 guute Liyooneel Mesiin bara baraan turuu hin danda'an.

Haata'u malee, eenyufaatu bakka isaanii bu'uu danda'a laata?

BBC'tti kutaan Ispoortii taphattoota bakka isaan bu'uu danda'u jedhee file tarreesseera.

Short presentational grey line

Kiiliyeen Imbaappee (PSG fi Faransaay)

Kiiliyeen Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiiliyeen Imbaappee

Kiiliyeen Imbaappee (PSG fi Faransaay)

Guyyaa Dhalootaa: Mudde 20/1998

Sarara irra taphatu: Fuuldura

Imbaappeen yeroo umuriin isaa ganna 21 irra jiruu ture kan garee biyyaalessaa Faransaay waliin Waancaa Addunyaa bara 2018 mo'achuu danda'eera. Waancaa argachuu qofa osoo hin taane, akka biyyi isaa mo'atuuf gahee guddaa baheera.

Saffisa baayyee cimaafi dandeettii uumamaa goolii lakkoofsisuu danda'uu waan qabuuf addunyaa kana irratti taphataa baayyee barbaadamaafi gati jabeessa ta'eera.

Waggoota 10 itti aanan kanattis miira jaallattoota kubbaa miilaa addunyaa kanaa haalaan akka hawwachuu danda'u shakkiin tokkollee hin jiru. Taphataa Ronaaldoofi Mesiitiin bakka bu;uu danda'u ta'uu keessatti namni isa gahu waan jiru hin fakkaatu.

Yeroo ammaa Kilaba Faransaay PSG tiif taphataa kan jiru Imbeeppeen, waqtii jijjiirraa yeroo Gannaa gatii akka addunyaatti hundaa ol jedhamuun kilaba guddicha Ispeen Riyaal Maadiriidiitti makamuuf jira jedhamee eegamaa jira.

Tarii Ronaaldoofi Mesiin hanga bara dhufuutti bakka taphataa cimaa filatamaa addunyaa kanaa qabachuu waldorgomuu danda'u ta'a.

Haata'u malee, baroota isaan booda jiraniif, Imbeeppeen badhaasa taphataa cimaa addunyaatti filatamaa ta'uun badhaasa guurrachuun isaa waan hin oolle fakkaata.

Short presentational grey line

Jaawoo Feliiks (Atileetikoo Maadiriidiifi Faransaay)

Jaawoo Feliiks

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaawoo Feliiks

Guyyaa Dhalootaa : Sadaasa 10/1999

Sarara irra taphatu: Fuuldura

Taphataa ganna 20 kan ta'e Feliiks, jijjiirraa waqtii darbe keessa ture kan Benefikaarraa Atileetikoo Maadiriiditti Yuroo miliyoona 112 baasii ta'uun makame. Yeroo sanatti baasiin kun baasii gatii jabeessummaa isaatiin addunyurraatti sadarkaffaa sadaffaadha.

Akkuma Ronaaldoon garee biyyaalessaa Poorchugaal keessatti gahee taphataa ture taphataan kun xiyyeeffannoo kanaan akka hojjetus taasifamaa jira.

Feliiks bara darbellee taphattoota ol-adeemoo keessaa taphataa cimaa addunyaa kanaa ta'uun filatamee badhaasa argateera.

Short presentational grey line

Jordaan Saanchoo (Boorsiyaa Doortimondiifi Ingiliiz)

Jordaan Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jordaan Saanchoo

Guyyaa Dhalootaa : Bitootessa 25/2000

Sarara irra taphatu: Cinaan fuulduratti kan marmaaru

Taphataan kun Doortimond keessatti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisaa jira. Kubbaawwan goolii ta'an hedduu hiriyyootasaaf kennuun alatti yeroo darbn keessa gooliiwwan hedduus lakkoofsiseera.

Miirri ofitti amanamummaa inni qabus dirree keessatti sirriitti irraa mul'ata.

Short presentational grey line

Ansuu Faatii (Baarseloonaafi Ispeen)

Jordaan Saanchoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jordaan Saanchoo

Guyyaa Dhalootaa: Onkoloolessa 31, 2002

Sarara irra taphatu: Cinaan fuulduratti kan marmaaru

Faatiin saffisa baayyee ajaa'ibaafi kubbaa ammoo fuulduratti geessuu dandeettii qabuun addatti beekama.

Taphataan kun kubbaawwan baayyee rakkisoodha jedhamaniillee akka gara gooliitti jijjiiramtu dandeettiin taasisuu isaa guddaadha.

Wanti caalaa abdii namaaf kennu ammoo taphataan ol-adeemaa kun kilaba Baarseloonaaf kan taphataa jiru ta'uu isaati.

Isa waliin taphattoonni ciccimoo akka Liyooneel Mesiin jiraachuun akka inni dandeettii isaa baasee fayyadamu isa dandeessisa jedhamee yaadama.

Umuriin isaa ganna 17 kan ta#e Faatiin, seenaa Baarseloonaa keessatti taphataa umurii xiqqaadhaan goolii lakkoofsisedha. Shaampiyoonsi Liigiirrattis Baarseloonaaf goolii lakkoofsisuufi kubbaa gooliif taate tolchee kennuun kilabicha keessatti seenaa hojjeteera.

Short presentational grey line

Tireenti Aleksaader Arnoold (Liiverpuuliifi Ingiliiz)

Tireenti Aleksaader Arnoold

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tireenti Aleksaader Arnoold

Guyyaa Dhalootaa: Onkoloolessa 7/1998

Sarara irra taphatu: Marmaaraa ittisa karaa mirgaa

Taphataan Liiverpuul umuriin isaa ganna 21 ta'e kun bara darbe Liiverpuul waliin Shaampiyoonsi Liigii taphachuun shaampiyoonaa ta'eera.

Tapha mo'atanii darbuu Baarseloonaa waliin tureen ga'ee inni gumaache eenyuyyu kan dagatu miti.

Ittisuurrattis dandeettii gaarii kan qabu taphataan kun kubbaa inni gara gaaliitti dhiyeesullee taphattooota garee isaa qajeelaatti qaqqaba.

Dandeettii amma irra jiru kanaan itti fufee jennaan taphataan kun itti gaafatamummaan isaa inni guddaan sarara ittisaarra ta'ullee, sochii inni gara fuula duraatti sosocho'uun taasisu kan abdatamu isa taasiseera.

Short presentational grey line

Kaay Havertiiz (Baayer Muniikiifi Jarman

Kaay Havertiiz

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaay Havertiiz

Guyyaa dhalootaa: Waxabajjii 11/ 1999

Sarara irra taphatu: Sarara gidduu

Yeroo warri Jarmanii kubbaa nama hawwatuufi gammachiisaa ta'e arguu dhaabanitti taphataan dargaggeessi kun argamuun isaa akka abdii horatan taasiseera.

Beekumsa kubbaa ol-aanaa qaba kan jedhamu Havertiiz, waggaa 20 irra osoo jiruu Bondosliigaa keessatti taphoota 100 ol taphachuu danda'eera.

Short presentational grey line

Riil Fooden (Maanchester Siitiifi Ingiliiz))

Fiil Fooden

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fiil Fooden

Guyyaa Dhalootaa : Caamsaa 28/2000

Sarara irra taphatu: Sarara gidduu

Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti tooftaa ittiin leenjisuun taphattoota ciccimoo baasuun dandeettii ol-aanaa akka qabu kan himamuuf leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa jala ta'uun isaa ol-adeemaa kanaaf carraa gaariidha jedhaaa jira.

Dabalataanis taphattoota ciccimoo akka Keviin Debiruyiinee, Deeviid Silvaafi Bernaardoo Silvaa warra fakkaatan ilaalaa taphachuun isaa gara fuula duraatti waan hedduu akka gochuu danda'u kan agarsiisudha.

Kana malees, taphataan Riyaal Maadiriid Roodiriigeeziifi kan Maanchester Yunaayitid Meseen Giriinwuudis waggoota 10 itti aanan keessatti taphattoota cicimoo addunyaa keessa galuun dorgomuu wara danda'amanidha.