Mesiin taphoota idila-addunyaarratti akka hin hirmaanne dhorkame

Dursaan taphattoota Arjeentinaa Li'onel Mesiin ji'oota sadiif tapha idila-addunyaatti akka hin hirmaanne kan dhorkame COPA Ameerikaan maalammaltummaa qabachuu erga dubbate booda.
Taphataan sarara fuulduraa Baarseloonaa ganna 32 kan ta'e Mesiin, tapha Chiilii wajjin taphatan 2-1 injifatamuun sadarkaa 3ffaa argachuun booda 'waancaan Biraaziliif olka'amee' jedhe.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Ameerikaa Kibbaa (Conmebol) sababa kanaan doolaara Ameerikaa 50,000n adabe.
Meesiin murtoon Conmebol kun akka jijjiramu iyyachuuf guyyoota torba qaba.
Sababii uggura kanaatiin tapha michummaa Arjentiinaan fuulduratti Chiilii, Meeksikoo waliin Jarmanitti Fulbaanaafi Onkoloolessa dhufu taphatan irratti hin hirmaatu.
Arjeentinaan Waancaa Addunyaa bara 2022 ji'a Bitootessaa 2020 eegalamuuf darbitus, Mesiin irratti hin hirmaatu.
Arjeentinaan qopheessituu dorgommichaa kan taate Biraaziliin 2-0 injifatamnaan Federeeshiniin kubbaa miilaa Arjentiinaa dogoggora abbaan seeraa 'taphichaa hamaa' jiraachuu komii dhiyeeffataa ture.
Kanaaf yeroo deebii kennutti Conmeboln garuu, himanni amanamummaa COPA Ameerikaan qabu gaaffii keessa galchuuf dhiyaate "dhugaarraa kan fagaatedha" akkasumas "kabaja dhorkachuu'' agarsiisa jedhee deebii kenne.
Mesiin tapha Chiilii waliin morkatan daqiiqaa 37ffaatti wal dhabbii Gireey Meedaal waliin tureen kaardii diimaan dirree keessaa bahe.
Taphataan Mesii waliin waldhabe sunis dirree keessaa har'iameera.
Meesiin ammoo,''Malaammaltummaatti hirmaachuuf dirqamuu hin qabnu.
Tapha kanarratti kabajaa nu dhorkanii," jedhees dubbate.
"Waanti nama gaddisisuu, abbootiin seeraa kubbaa miilaa, malaammaltummaan, namoonni akka kubbaa miilatti gammadan hin hayyaman; isaan balleessaa jiru," jedheen.















