Filannoo garee taphattoota ciccimoo torbee kanaa: Oozil, Saancheez fi Saalaah
Xiinxalaa kubbaa miilaa
Gaarz Kiruuksiin

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchistar Siitiin Leestar Siitii 2-0, Maanchistar Yunaayitid Niiwukaasiliin 4-1 moo'uun dursummaa isaanii yoo cimsan Arsenaal 2014 booda yeroo jalqabaaf darbii Kaaba Landaniin injifachuun qabxiisaanii fooyyeffatanii jiru.
Mohaammad Saalaadhaan kan kaka'an Liivarpuulis Saawuzihaapitaniin 3-0 yoo moo'an Eevartan boodaa ka'uun Kiriistaal Paalsaas waliin 2-2 walqixa ba'ee jira.
Galchii eegaa - Hiiwureeloo Goomeez (Waatfoord)

Madda suuraa, Getty Images
Goomeez tapha Weestihaam waliin taasisan irratti galchiin osoo itti hin lakkaa'amin ba'uuf kubbaa 5 qoleera.
Galchi eegdonni garee isaanii moo'amuurraa hambisuuf dirree seenu gaafa sana godhanis gammachuu hunda caaludha.
Kubbaa lama Arnaatooviich irraa qole ammoo waan Boorana keessa hin jirre dha.
Ittisaa - Kiriistiyaan Kaabaaseel (Waatfoord)

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota torbee kanaatiin ittistoonni kubbaa galuu malan yoo deebisan argeera, garuu kan akka Kaabaaseel gaariin hin turre.
Haala ittisaa miira garee faallaa cabsu ture kan mullise.
Ittisaa - Shikoodraan Mustaafii (Arsenaal)

Madda suuraa, Getty Images
Mustaafiin ittistoota 3 kan Tootanhaam diigee seenuu hin danda'u ture. Garuu sochii bareedaa akka sanaa yoo uumuu dandeesse, sun hiika qabaa? Yeroo tokko tokko taphataan Jarman kun gaafa biraas sochii akkasii agarsiisuu danda'aa laata? Jettee gaafachuu malta.
Deebiin isaas: egaa kun kubbaa miilaati kan jedhu dha.
Mustaafiin kubbaa sana yoo lakkoofsisu taphaan ala turee? Akka ragaan viidyoo agarsiisutti, eeyyee, dha. Garuu sun rakkoo Mustaafii hin turre, Tootanhaamis qabxii galmaa'eef komachuu hin danda'ani.
Ittisaa - Viinseent Kompaanii (Maanchistar Siitii)

Madda suuraa, Getty Images
Jabaataa, itti fufiinsa kan qabu, amanamaa, fi gidduu ittisaarra kan jiru, taphataa akkasiitiin taphataa cimaa adduunyaa kanaa jedhuun. Kana caalaa maal jechuutu narraa eegama?
Taphataa Gidduu - Keevin Da Biruuyine (Maanchistar Siitii)

Madda suuraa, Getty Images
Osoo Caamsaarra ta'uun hafee amma taphataa cimaa bara kanaa filadhu naan jedhanii, Keeviin Da Biruuyine laphee guutuunan filadha. Kanas namni mormi jira jedhee hin yaadu.
Maanchistar Siitii keessumaa Da Biruuyine irraa wanti ilaa jirru, aartii dha.
Iddoo amma jirurra ga'uuf yeroo itti fudhatee jira. Kan harkaa qabu ammoo leenjisaa taphataa cimaa adduunyaa kanaa isa taasisuu danda'u dha.
Taphataa Gidduu - Pool Poogbaa (Maanchistar Yunaayitid)

Madda suuraa, Getty Images
Haala rifeensaa fi agarsiisa shubbisaaf yeroo hin qabu. Isaan kan iddoo dorgommii miidhaginaati.
Kan na bohaarsu, taphataa kubbaa miilaa sochiiwwan ajaa'ibaa yeroo mullisu dha.
Poogbaan gara dirreetti deebi'uunsaa tapha Niiwukaasil waliin taasisan irratti gumaata guddaa qabaachuun isaa shakkii tokko hin qabu, miidhagaas ture.
Gareewwan ciccimoo irratti sochii kana akka agarsiisuuf nan fedha, yeroo waan qabuufis kanaaf shakkii hin qabu, Poogbaan garee faallaa ni barbadeessa.
Taphataa Gidduu - Meessuut Oozil (Arsenaal)

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Tootanhaam irratti gama Arsenaalirraa, dadhabaa dha, taphataa garee miti, fedhii hin qabu komii jedhu hin dhageenye.
Kanin arge yeroo deeggartoonni taphataa gahumsa cimaa agarsiise kanaaf dhaabbatanii faarsani dha.
Taphataa Gidduu - Mohaammad Saalaah (Liivarpuul)

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan kun gahumsa addaarra jira. Saalaah taphoota jalqabaa Piriimeer Liigii irraatti galchii 9 lakkoofsisee jira.
Akka taphatu nan beeka, garuu akkasitti galchii fuulduratti guutuu ta'a jedhee yaadee hin beeku. Akka taphataa galchii lakkoofsisuun amala isaa hin taane tokkotti kun waan ajaa'ibaati.
Galchiin jalqabaas adduma turte, roga irraa ka'ee dhufuun haala sanaan lakkoofsisuun isaa cimina isaa mullisa.
Taphataa Fulduraa - Eedan Haazaard (Cheelsii)

Madda suuraa, Getty Images
Haazaardiin akka taphataa fuulduraa lammaffaatti ilaalee hin beeku, ammaaf akkasitti taphachaa jiraatus. Akksitti sodaachisaa ta'ees argamee waan beeku hin se'u.
Alvaaroo Mooraataa waliin hedduu kan walsiman fakkaatu. Sirriitti wal ilaalu, hiriyyummaan isaanii tapharraa taphatti dabalaa jira.
Taphataa Fulduraa - Kaaluum Wiilsan (Boornimaz)

Madda suuraa, Getty Images
Wiilsan Piriimeer Liigii baranaa irratti haat-tiriikii lakkoofsisuuf taphataa Iingilaand jalqabaa ta'eera.
Galchii sadii lakkoofsistee ammoo, garee cimaa koo torbee kanaa keessatti hammatamu dhabuun haqa natti hin fakkaatu.
Forward - Alexis Sanchez (Arsenal)
Taphataa Fulduraa - Aleeksiis Saancheez (Arsenaal)

Madda suuraa, Getty Images
Tootanhaam gaafa taphicha jalqaban qabxii tokko argachuun gahaa dha waan jedhanii dirree seenan fakkaatu ture, Arsenaal ammoo akka waan jireenyi isaanii tapha kana irratti hundaa'eetti ture.
Taphataan Chiilee kun ammoo gahumsa taphattoonni ciccimoo adduunyaa qofti agarsiisuu danda'an agarsiisuun tapha qabxii qofa argachuu irratti hin xiyyeeffanne kana akka injifatan taasiseenii jira.












