Taphataan sarara ittisaa Liiverpuul taphataa cimaa Awurooppaa bara dorgommii xumuramee ta'e filatame

Virjil Vaan Daayikii fi pirezidaantii UEFA, Aleeksaander Seferiin

Madda suuraa, Eurasia Sport Images

Ibsa waa'ee suuraa, Virjil Vaan Daayikii fi pirezidaantii UEFA, Aleeksaander Seferiin

Taphattuun Ingilaandi Luusii Biroonzii fi taphataan sarara ittisaa Liiverpuul Virjil Vaan Daayik taphattota cicimoo bara dorgommii darbee Awurooppaa tahuun filataman.

Taphattuun ittisa cinaa Ingilaandi miiltoo ishee Liyonitti waliin taphatan Ada Hegerbargii fi Amandaayin Heenerii caaluun badhaasicha injifachun taphattuu cimtuu dubartoota Awurooppaa tahuun filatamte.

Biroonzi lammii Ingilaandi yeroo jalqabaaf badhaasicha injifatte yoo taatu waancaa Adunyaa Dubartootaa baranaa irratti gareen ishee gara walakkaa xumuraatti akka darbuuf shoora ol-aanaa taphatteetti.

Taphaataan sarara ittisaa Liiverpuul Virjil Vaan Daayik ammoo Liiverpuul tapha Shaampiyoonsi Liigii irratti Tootenaamiin injifachuun waancaa akka injifatuuf qooda ol-aanaa bahateera jedhamuun filatame.

Vaan Daayik taphattota akka Liyonel Mesii fi Kiristaanoo Roonaaldoo caaluun badhaasicha mo'ate.

Vaan Daayik erga Mesii fi Roonaaldoon badhaasicha gidduu isaaniitti injifachuu jalqabanii taphataa sarara ittisaa yeroo jalqabaaf badhaasicha mo'ate taheera.

Bara 2011 as Andires Ineshtaa bara 2012, Firaanki Riiberii bara 2013, Lukaa Moodirich bara 2018 yoo injifatan sana dura ammoo walitti aansuun Mesii fi Roonaaldoon si'a sotu injifate.

Vaan Daayik erga bara 2018 Saawuzhapitan irraa £75m'n Liiverpuul galee kilebicha ittisa irratti hedduu cimseera.

''Badhaasa kana argachuukoof hedduu gammadeera. Namoota na deeggaran hundaaf gatii guddaa qaba'' jedhe Vaan Daayik.

Gareekoo hedduun galateeffadha isaan malee badhaasa kana injifachuu hin danda'u ture jedhe.