Luwis Enriikee: Mucaan leenjisaa duraanii Baarseloonaa fi Ispeen umurii waggaa sagaliin boqatte

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Ispeenii fi Baarseloonaa duraanii Luwis Eniriikee mucaa isaa waggaa sagaliin boqotteef gadda itti dhagahame ibse.
Mucaan Luwis Enriikee waggaa sagalii Xaanaa jedhamtu dhibee kaanserii lafeedhaan kaleessa galgala boqatte.
Mucaan leenjisichaa ji'a shan guutuuf yaalamaa turtus lubbuun ooluu hin dandeenye.
Luwis Enriikeen mucaa isaa kana kunuunsuu fi wal'aansisuuf jecha leenjisummaa garee biyyaalessaa Ispeen adda kutuun dhiisan.
''Ati urjii maatii keenya qajeelchitudha'' jedhe leenjisichi mucaa isaa boqatteen.
''Sidhabuu keenyatti hedduu gaddina garuu yeroo hundumaa si yaadanna, fuuldurattis wal argina jennee abdanna'' abbaan mucaa boqattee Luwis Enriikeen.
Federeeshiniin kubbaa miilaa Ispeen du'a daa'ima xiqqoo kanaa dhagahuu keenyatti guddaa gaddina jechuun maatii fi hiriyyootaaf jajjabina hawwina jedhe.
Baarseloonaa kilebii Luwis Enrikeen leenjisaa tahuun waancaa Laaliigaa lamaa fi bara 2015 Shaampiyyonsi Ligii waliin injifatan akkasumas taphatummaan taphoota 301 irratti hiriiranis gadda isaanii maatiif ibsaniiru.
Taphataa cimaan Baarseloonaa Liyonel Mesiinis,''Nuyi siwaliin jirra, jajjabina isiniif hawwina'' jedhe.
Ministira Muummee biyyattii dabalatee taphataan teenesii Raafaa'el Naadaalis akkasuma gadda isaanii ibsaniiru.
Morkataan Baarseloonaa Riyaal Maadiridi yeroo gaddaa hamaa akkasiitti si cinaa jirra jechuun maatii Enriikeef ergaa dabarsaniiru.
Kilebii biraan Luwis Enriikeen leenjisaa turan Roomaan gadda akkasii dhagahuun onnee nama cabsa jedhanii yaadni hunda keenyaa Enriikee fi maatii isaa waliin jira jedhan.

















