Moo Saalahaan Liiverpuuliif mallatteessuun magaalattii keessatti jibba Islaamummaa hir'ise

Madda suuraa, David Blunsden
Moo Saalahaan Liivarpuuliif mallatteessuusaatiin walqabatee jibbi Islaamummaa hir'achusaa qorannoon mul'ise.
Qorannoo Yunvarsitiin Staanford gaggeesseen, Mohaammad Saalaah kilaboo kubbaa Miilaa Liivarpuuliif mallatteessun isaa magaalaa Liivarpuul keessatti jibbi Isilaamummaaf ture kallattiin akka hir'atu taasisuusaa mirkaneesseera.
Saalaah waggoota lamaan dura erga Liivarpuuliif mallatteessee booda yakkiwwan jibba Isilaamummaan walqabatan maagalattii keessatti parsantaa 18.9n hir'ateera.

Madda suuraa, NurPhoto
Yunivarsitichis qorannicha kan gaggeesse kallattii 'Namoota beekamoo beekuufi leellisuun jibbaa sababii malee ni hir'isaa laata? Mohaammad Saalaah amalaafi ilaalcha jibba Isilaamummaa geedaruuf gaheen bahu jiraa laata? jedhuun akka ta'e barameera.
Biyya Ingiliizii keessatti yakkiwwan jibba bu'urreefataniifi ergaawwan tiwiitarii miliyoona 15 qorannichaan ilaalamaniiru.

Madda suuraa, John Powell
Qorannichi akka ibseetti naannoo gareen kubbaa miilaa Liivarpuun keessatti argamuutti yakkiwwan jibba Isilaamummaatiin walqabatanii raawwataman hirrachuusaanii alattis, qabiyyeen jibba isilaamummaa ergaan tiwiitarii deeggartoota Liiverpuul wallakkaan hirrateera.
Jijjiramni gaariin kunis kan dhufe hubannoon namoonni waa'ee amantaa Isilaamaa irratti qaban dabalu isaatiin jedha qorannichi.











