'Guyyaa tokkotti nyaata jahaa…tapha tokkotti goolii jahaa' - Haalaand

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Zelalem Duressa
- Gahee, Broadcast Journalist
Erliing Haalaand guyyaatti nyaata gosa jaha nyaata. Hiriyyootni isaa 'akka namaatti osoo hin taane akka bineensaatti nyaata' jedhuun.
Tiruufi onnee horii nyaachuun kan beekamu Haalaand, haalli soorata isaa namoota hedduu raajeffachiiseera.
Guddinni qaama isaas taphattoota sarara ittisaaf yaaddoo kan tahe Haalaand, umurii isaa ganna 22'n rikardii hedduu harka galfataa jira.
Haalaand guyyaatti nyaata kaaloorii 6,000 qabu soorata, kun baay’ee guddaadha jedhu ogeessotni. Garuu warra Noorweey hojjaa dhedheeraafi ulfaatina guddaa qaban akka Haalaandiif kun nyaatuma gahaa jedhamudha.
Dookimantarii waa’ee jireenya Haalaand himu, ‘The Big Decision’ jedhu tajaajila tamsaasaa Iskaandineeviyaa ‘Viaplay’ jedhamu irratti darbe irratti, Haalaand waa’ee nyaata isaa himeera.
Onneefi tiruu horii akka sooratu kan himu Haalaand, ‘’tarii isin kana hin nyaattatan taha, ani garuu qaamakoof ofan eeggadha waan taheef nan nyaadha. Nyaata naannooma keenyaa argamuufi madalawaa tahe nyaachuun ba'eessa. Namoonni foon nyaachuun gaarii miti jedhu. Foon isa kam? Foon isa McDoonaald bitamumoo? Moo kanuma horii asumaa marga dheeduu nyaachuutu gaarii miti? Ani onneefi tiruun nyaadha.’’
Tiruufi onneen ayiranii guddaa of keessaa qabu. Haalaand dhugaatii lallaafaa sukkaara of keessaa qaban tasuma hin fayyadamu. Nyaata firiijii [diilalleessituu] keessa tures hin nyaatu. Waanuma amma hojjetameefi ho’aa tahe malee.
Bishaan yeroo hundaa calaluun akka dhugu kan himu Haalaand, ganama ganama ammoo aduu keessa ho’ifachuu jaalata. Kana garuu erga gara Maanchister Siitii dhufee argachuun itti ulfaateera.
Abbaan Haalaand bara 2000 hanga 2003 Maanchister Siitiif taphataa turan.
Miidiyaaleetti akka himanitti, Haalaand nyaata isaa haala kanaan kan jalqabe erga taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Paatiris Evraan haala nyaataa Kiristaanoo Roonaaldoo itti himeeti.
Abbaan Erliing Haalaand ‘ani yeroon taphataa ture irra caalaa dirree keessattan gahumsakoo agarsiisa. Erliing Haalaand garuu aarsaa hundaa kaffala. Barii sa’a 10:00 ka’ee shaakalaaf gara kilaba isaa ijoolummaa Moldee deema ture. Inni ana caalaa taphataa piroofeshinaalaati’ jechuun barruu The Star jedhamutti himan.
Evraan ammoo nyaata laaqana irratti mana Kiristaanoo Roonaaldootti waliin nyaatan gaafa itti himu, qurxummii malee homaa hin qabu jedheen. Ergasii Roonaaldoon ammayyuu gahumsa guddaa irra waan jiruuf ilmikoo Erliing Haalaandis akkasuma jalqabe jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan lammii Noorweey fi duraan Waatfoordiif taphataa ture Joosh Kiing, sagantaa poodkastii Beenfoster ‘The Cycling GK’ jedhamu irratti ‘’ani takkaa nama akkasaatti nyaatu argee hin beeku,’’ jedhe.
Akkuma bineensa ‘Bear’ nyaata jedhe. Lamaan isaaniiyyuu biyya isaanii Noorweyiif waliin taphatu.
Garuu Haalaand hammuma nyaatu gaha yoo jennehoo.
Nyaatota galaana keessaa argaman gosa qurxummii addaa akka sooratu kan himamu Haalaand, tiruufi lukkuus nyaata isaa keessaa akka hin dhibamne himama.
Waayillan isaa miidiyaaleetti akka himanitti, ammoo foon lukkuufi paastaa ashaboofi zayita malee bilcheeffame soorachuu jaalata.
Haalaand daa’ima tahee kilaba kubba taphachuu itti jalqabe Mooldee, achiis RB Saalzibarg, Booruushiyaa Doortimondiifi amma Maanchister Siitii keessatti maashina galchii [goolii] oomishu taheera.
Tarii Haalaand kan ceepha’amu akka taphattoota kaanii galchii yoo lakkoofsisuu dadhabe osoo hin taane galchii lamaafi isaa ol akkamiin lakkoofsisuu dadhabe jedhamuuni jedhan leenjisaan isaa Peep Gaardiyoolaan.

Madda suuraa, Getty Images
Imala kubba miilaa Erliing Haalaand
Erling Haalaand umurii isaa ganna sadii yeroo tahu kilaba magaalaa maatiin isaa keessa jiraachaa turan Biriyaan gale. Yeroo wagga 15 guutu ammoo kilaba Biriyaan jedhamu kana keessatti waliigaltee mallatteesuun taphataa pirofeshinaalaa tahe.
Waggaa tokko erga turee ammoo kilaba taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Ole Guunaar Soolshaayer yeroo sana leenjisaa ture Moldee gale. Kun bara 2016tti yoo tahu, waggoota lama turuun galchii 20 kilabichaaf lakkoofsiseera.Osoo hin turiin ammoo kilbni biyya Oostiriyaa RB Saalzibarg bara 2018 keessa isa mallatteessise.
Barri dorgommii jalqabaa isaa hangas mara bu’aa qabeessa hin turre. Garuu dorgommii umurii 20 gadii biyyi isaa Noorweey Honduraas waliin taphatte irratti galchii sagal yoo lakkoofsisee deebi’u kilabni isaa amantaa irratti godhate.
Tapha Shaampiyoons Liigii jalqabaa isaa irraatti galchii sadii kilaba Genki jedhamu irratti lakkoofsisuun seenaa haaraa hojjete. Waggaa lammaffaa isaa irratti ammoo taphoota 22 taphachuun galchii 28 lakkoofsise.
Ija kileboota hedduu akka Maanchister Yuunaayitid fa’a kan bu’e Haalaand bara 2019 kilaba biyya Jarman Booruushiyaa Doortimoondiif mallatteesse.
Yeroo sana Maanchister Yuunaayitid taphataa kana mallattesisuuf fiixeerra gahus Doortimoond guddina kubba miilaa isaaf haala mijataa qabna jechuun amansiisuun fudhatan.
Tapha jalqabaa isaa Amajji 18,2020 Booruushiyaa Doortimoondiifi Oogsibarg taphatan irratti daqiiqaa 23 keessatti galchii sadii lakkoofsisuun Pere Emirik Obaamiyaangitti aanee Doortimond keessatti taphataa lammaffaa tahe.
Baruma sana Haalaand taphoota Shaampiyoons Liigii 12 irratti galchii 15 lakkoofsisuun taphataa jalqabaa taphoota muraasaan galchii 15 gahe jalqabaa tahe.
Erliing Haalaand bara 2020 keessa badhaasa taphataa cimaa ol adeemaaf kennamu ‘Golden Boy’ mo’achuun taphataa lammii Noorweey jalqabaa tahe.
Dabalataan bara 2020-21 taphoota 27 irratti galchii 28 lakkoofsisuun taphataa cimaa Bundisliigaa tahuun filame.

Madda suuraa, Getty Images
Maatii
Erliing Haalaand Amajji, 2000 Lixa Yoorkishaayer magaalaa Liids keessatti dhalate.
Yeroo umuriin isaa wagga sadii tahu maatiin isaa gara Noorweeyitti deebi’an.
Abbaan isaa Maanchister Siitiifi Liids Yuunaayitidiif taphachaa turan.
Haalaandis akkuma abbaa isaa Liidsiif taphachuu akka barbaadu himaa ture.
Erliing Haalaand ammatti bultoo hin dhaabbanne.
Haalaand Piriimer Liigii keessatti taphataa jalqabaa yeroo gabaabduu keessatti galchii 15 darbe taheera.
Amma waliigalaan galchii 42 kan lakkoofsise Haalaand, rikardii Piriimer Liigii kana dura bara dorgommii tokkotti galmaa’e cabsuuf fiixeerra jira.
Haalaand Maanchister Siitiif galchii 42, Boorushiyaa Doortimondiif galchii 86, Red Bull Saalzibargiif galchii 29, Moldeef galchii 20 lakkoofsiseera.
Amma ganna 22 kan tahe Haalaand, faana Liyonel Mesiifi Kiristaanoo Roonaaldoo fa’a bu’uun rikardii haaraa galmeessuun isaa waan oolu miti.












