Waancaan Kilaboota Addunyaa 'yaada badaa' kubbaa miillaa gufachiisu - Kiloop

Madda suuraa, Reuters
Leenjisaan duraanii Liivarpuul Yargan Kiloop dorgommiin Waancaa Kilaboota Addunyaa- Club World Cup jedhamu ''seenaa kubbaa miillaa keessatti yaada badaa'' hojiirra ooledha jechuun qeeqan.
Sababni isaa ammoo taphattoota sodaa fi yaaddoo akkasumas muddama keessa galcha jedhan.
Gameessi kubbaa miillaa lammii Jarmanii ta'an kun yeroo ammaa kubbaaniyyaa Red Bull keessatti hoogganaa damee kubbaa miillaati.
Kilaboota isaanii keessaa tokko, Red Bull Salzburg, dorgommii Ameerikaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jira.
Kiloop dorgommiin kun taphattootarratti hojii dabaluun muddama keessa galcha jechun kanaan duras qeeqaa turan.
Dorgommiin kun eegaluu guyyoota duras yaaduma kana dhiheessaa turan.
Waldaan taphattoota addunyaa Fifpro jedhamu akka gabaasetti Kiloop taphattoonni yoo xiqqaate torban afur boqochuu qabu jedhanii turan.
Dorgommiin waancaa kilaboota addunyaa bara kana yeroo jalqabaaf kilaboota 32 hirmaachise, tapha 48 taphatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kilabni Yargan Kilooppifaa, Salzburg, tapha gulantaa keessatti dorgommii kana keessaa ba'eera.
Kiloop wayita gaazexaa Jarmanii Welt am Sonntag waliin gaaffii fi deebii taasisan ''waa'ee taphaa qofa, waan tapha waliin walqabatee jiru namni ilaalu hin jiru. Kanaafidha dorgommiin waancaa kilaboota addunyaa kubbaa miillaa keessatti yaada badaa hojiirra oole kan jennuuf,'' jedhan.
''Namoonni guyyaa guyyaadhaan hojii isaan dhiphisu hin qabne waa uumanii as ba'u. Hirmaachuuf maallaqa argamutu jira, garuu kilaba hundaaf hin hojjetu,'' jedhan.
''Bara darbe Copa America fi Chaampiyoon Shiippii Awurooppaa ture, barana ammoo waancaa kilaboota addunyaa, bara dhufu Waancaa Addunyaa. Kana jechuun taphattoonni dandamachuuf yeroo hin argatan jechuudha. Qaamaanis sammuunis hin dandamatan.''
Utubaan Maanchistar Siitii Roodiriin miidhamuusaa dura Fulbaana darbe taphi heddummaachuurraa kan ka'e taphattoonni diddaa agarsiisuuf akka deeman dubbatee ture.
Taphataan gareesaa kan biraan Manuweel Akanjii sababa boqonnaa dhabeef umriisaa waggaa 30tti kubbaa akka dhaabu yaada dhiheessee ture.
Onkoloolessa darbe jaarmiyaan taphattoota addunyaa- Fifpro jedhamu sagantaa dorgommii kilaboota addunyaan walqabatee humna taphattootaa qisaasessuu fi taphattoota muddama keessa galchuudhaan Fifa himatee ture.
Komii isaa kana Komishinii Awurooppaaf dhiheessee ture.
Sagantaa tapha kanaarratti Fifpro fi Fifa'n Amajjii darbe walarguun waliin dubbatanii turan.
Kiloop dabaluun ''sodaa cimaan qaba. Miidhamni duraan hin turre taphattoota mudachuu danda'a. Yookiin bara taphaa itti aanu miidhamuu danda'u. Yookiin ammoo dorgommii Waancaa Addunya itti aanee dhufurratti,'' jedhan.
''Akka waan xumura isaanii ta'eetti taphattoonni dorgommii hundarratti akka hirmaatan dirqamsiisaa jirra. Waggaatti yeroo 70 ykn 75 akka taphatan itti himna. Garuu haala kanaan deemuun hin danda'amu.''
''Boqonnaa qabaachuu qabu, nuti kana mirkaneessuu qabna. Yoo akkas ta'e malee ga'umsa barbaachisu fiduu hin danda'an. Yoo ga'umsa gaariirra hin jiran ta'e ammoo duudhaan kubbaa miillaa hundi ni dhabama,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan Kiloop.
Qondaalli gameessi FIfa sagantaa BBC Sport jedhamutti akka himanitti eegumsi dhaabbii fi ga'umsa taphattootaa xiyyeeffannaa olaanaa jaarmiyichaati.
Dorgommiin kun sagantaalee taphaa idilee waggaa guutuuf gaggeeffaman jeeqa ykn muddama keessa galcha yaada jedhu kuffisan qondaalli kun.
Kun dorgommii waancaa kilaboota addunyaatiin uumamuu hin danda'u jedhan maddi kun.












