Raashiyaan waraanni akka hin xumuramneef 'dubbii waliin dhahaa jirti' - Zeleniskiin

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu diduunshee akkaataa waraanni kun itti xumuramuu danda'u wal-xaxaa taasiseera jechuun himatan.
''Raashiyaan waamicha dhukaasa dhaabuu irra deddeebiin dhihaatuuf diddeetti. Ajjeechaa raawwachaa jirtu dhaabuuf kutannoon irraa hin mul'atu. Kun adeemsa jiru daranuu wal-xaxaa taasisa,'' jechuun X irratti barreessan.
Zeleniskiin Wiixata gara Waashingitan DC imaluun Tiraamp waliin ni mari'atu. Walga'ii isaanii kanarratti dureen Yukireen kun akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhatan Pirezidant Tiraamp dhiibbaa irratti uumuuf jedhu.
Tiraamp erga Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Alaaskaatti arganii booda waliigalteen kun kan dhukaasa dhaabuurra darbee guutummaatti waraanicha dhaabuu ta'uu akka qabu dhiibbaa akka uuman himaniiru.
Ergaa miidiyaa hawaasummaasaanii Truth Social irratti dabarsaniin ''adeemsa kanaan waraana balaafamaa kana xumuruun danda'ama,'' jedhan.
Garuu mariisaanii kanaan dhukaasa dhaabuurrattillee waliigalteerra hin geenye.
Kora Tiraamp fi Puutin booda bilbilaan Tiraamp waliin kan haasa'an Zeleniskiin nageenyi waaraa inni dhugaa ta'e akka dhufu gaafataniiru.
Yukireen nageenya barbaachisu argachuuf wantoota ammaaf biyyattiif murteessoo ta'an keessaa ijoon ''wabii nageenyaa amansiisaa ta'e'' argachuudha jedhan Zeleniskiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas daa'imman daangaarratti loltoota Raashiyaan butaman jedhan akka deebi'an dhiibbaa akka uuman Tiraampitti himaniiru.
Tiraamp walga'ii Alaaskaa dura guyyaa Jimaataa dhukaasa dhaabuurratti hatattamaan akka waliigalamu ibsuun, yoo kun hin raawwatamne ammoo Raashiyaarra qoqqobbii kaa'uuf dhaadatanii turan.
Fedhiin Yukireen inni guddaan dhukaasi hatattamaan akka dhaabbatu ture. Tiraamp galmi kora kanaa dhukaasa dhaabuun akka mirkanaa'u gochuu akka ta'e aanga'oota Awurooppaatti himanii turan.
Puutin nageenyi akka bu'uuf yaada isaan Tiraampiif dhiheessan keessaa tokko loltoonni Yukireen iddoo bulchiinsa Doonbas jalatti argamtu Doneskii keessaa akka ba'anidha.
Bakkasaa isaan ammoo loltoota Raashiyaa Zoopporeezhiyaa fi Keerson irraa akka dhaaban waadaa seenan.
Raashiyaan iddoon Doonbas jedhamu lafa daangaashee akka ta'e himatti. Luhansk fi kutaalee Dooneskii dhibbeentaa 70 to'attee jirti.
Guutummaatti Yukireen weeraruu waggaa saddeet dura bara 2014 Kireemiyaa humnaan fudhatteetti.
Tiraamp duraan waliigaltee nageenyaaf mariin taasifamu kamuu daangaa wal jijjiiruu of keessaa hin dhabu jedhanii turan. Kora Alaaskaa boodas Zeleniskiif bilbilanii kanuma hubachiisan.
Korri Alaaskaa eegalamuu guyyoota dura Zeleniskiin biyyisaanii daangaashee dabarsitee akka hin kennine dubbataniiru. Keessattuu dhimma ijoo ta'ee kan ka'e Doonbas akka hin kennine ibsan.
Yoo amma dabarsanii kennan iddoon kun fuulduraaf iddoo mijataa Raashiyaan irraa haleellaa raawwattu ta'a yaaddoo jedhu ibsan Zeleniskiin.
Michuu BBC kan ta'e CBS akka gabaasetti aanga'oonni Awurooppaa Tiraamp walga'ii Alaaskaa booda Zeleniskii irratti dhiibbaa uumu sodaa jedhu qabu.
Tiraamp kora Alaaskaa booda yaada kennaniin pirezidantii Yukireeniif gorsi qaban ''walgalteerra ga'uu,'' akka ta'e dubbatan.
''Raashiyaan biyya guddoo humna guddaa qabdudha, Yukireen akkas miti,'' jedhan Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisan irratti.

Madda suuraa, Getty Images
Gareen hoggantoota Awurooppaa prezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon, Chaansilara Jarmanii Firiidrich Merz fi pirezidantii Komishinii Awurooppaa Ursulaa von der Leyen dabalatee ''tarkaanfiin itti aanu marii Pirezidant Zeleniskii dabalate ta'uu qaba,'' jedhan.
Hoggantoonni kunneen deeggarsa Awurooppaatiin yaa'ii biyyoota sadeen gidduutti gaggeeffamu ''mijeessuuf qophii'' ta'uu ibsaniiru.
"Dhiibbaa Raashiyaa irratti taasifamu cimsinee itti fufuuf qophii qabna," jechuun, "dhimma naannoo ishee irratti murteessuun kan Yukireen ta'a. Daangaawwan idil-addunyaa humnaan jijjiiramuu hin qaban," jechuun Raashiyaa akeekkachiisan.
Ministirri Muummee UK Keeyir Istaarmar tattaaffii Tiraamp waraana kana xumuruuf taasisan galateeffachuun ''tattaaffiin kun yeroo kamiyyuu caalaa dhukaasa dhaabuutti nu dhiheesseera '' jedhan.
"Amma fooyya'iinsi argameera, tarkaanfiin itti aanu marii dabalataa Pirezidaantii Zeleniskii hirmaachise ta'uu qaba. Daandiin nagaa Yukireen isaan malee mirkanaa'uu hin danda'u," jedhan.
Akkasumas Kiiv keessatti lammiileen Yukireen waan Alaskaa irraa arganiin "hamileensaanii cabuu" ibsaniiru.
"Mariidhaaf harka wal fuudhuun waanuma jirudha, yeroo Puutin dhufu fuula isaa kabalaa kan jedhu hin eegnu. Garuu daawwannaan kun kaarpeetii diimaa fi loltoota jilbeenfataniin dabaalamuun kabaja addaan ta'uunsaa baay'ee suukaneessaadha, hiika hin qabu," jedha Baha Doneski irraa ga'eessi ganna 50 Serhii Orlyk.












