'Hamma waliigalteerra hin gahamnetti waliigalteen hin jiru' - Tiraamp, maaltu ittaana?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Antoonii Zarkar
- Gahee, Gabaasaa Ameerikaa Kaabaa,
Pireezidantii Ameerikaa Donaaldi Tiraampiifi gitnisaanii Vilaadmiir Puutiin Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuuf otoo walii hin galiin adda bahan.
Sa'atii sadiif marii'achuun booda hogganooti kunneen ibsa kennanii gaazexeessitoota irraa gaaffii otoo hin fudhatiin gargar deeman.
Gaazexeessitoonni BBC sadii magaalaa guddoo Alaaskaa Ankooreej irraa marii kana xiinxalaniiru.
Mariin kuni Raashiyaafis tahe Ameerikaaf maal jechuu dha? Waraana Yukireen kanarratti ittaanee maaltu taha?
Walgahii maqaa Tiraamp irratti xalaa buuse
''Hamma waliigateerra hin gahamnetti waliigateen hin jiru,'' jechuun Tiraamp walgahii Alaaskaan booda dubbatan
Jechi isaanii kunis marii sa'atii dheeraan booda, waliigaltee, dhukaasa dhaabuufi bu'aan qabatamaa akka hin jirre al-kallattiin kan mul'ise dha.
Tiraamp marii gita isaanii Vilaadmiir Puutiin waliin taasisaniin booda ''jijjiiramni gaariin jira,'' jechuun ibsa bal'aa otoo hin kennin addunyaan isa hafe yaadee akka itti guutu dhiisaniiru.
Gaazexessitoota dhiibbaan lakkaa'aman galma ibsi kennamutti dhiisanii erga bahaniin booda Tiraamp ''iddoo sana hin geenye,'' jechuun waliigalteen akka hin jirre akeekan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tiraamp haasaa isaanii irratti jijjiirama amalaa guddaa agarsiisaniiru. Waa ofiin murteessanii dubbachurra of qusachuu isaaniin michooti isaanii Awurooppaa fi qondaaloti Yukireen haaragalfii waan argatan fakkaata.
Akka amala isaanii waa ofiin murteessanii dubbataniiru otoo tahee marii gara fuulduraatti taasifamu danquu mala.
Nama akka isaanii abbaa nagaa fi waliigateetti of ilaalutti, gochaawwan lameen kunneen otoo hin godhiin Alaaskaa irraa deeman.
Puutiin ''yeroo dhuftu ammoo Moskootti wal-agarra'' jechuun qoosanillee Pireezidantii Yukireen waliinis yeroo dhihootti mariin jiraachuu waanti akeeke hin jiru.
Tiraamp marii adeemsifamaa jiru kana keessatti waan dhabaniifi argatan hamma Yukireeniif Raashiyaa tahuu baatus, mariin dura carraa marichi itti hin mikoofne %25 qofa jedhanii dubbachuun booda bu'aan argame maqaa isaanii, biyyattis tahe addunyaa duratti hamma tahe xalaa irra buusuun hin hafu.
Kan caalu ammoo ibsi seensaa bal'aan otoo hin keennamiin Puutiin ibsa yeroo kennaa turanitti Tiraamp callisnii dhaabataa turan.
Kuni waajira isaaniitti waan godhanirraa akkaan waan adda tahe dha. Yeroo baayyee pireezidantiin Ameerikaa dubbataa, gitnisaanii biyyaa alaa ammoo homaa yaada otoo hin kenniin callisanii ilaalu ture.
Alaaskaan daangaa Ameerikaa haa taatuyyuu malee Puutiin waan akka mana isaaniitti waan ilaalan fakkaata.
Qondaaloti Raashiyaa Alaaskaan jaarraa 19ffaa dura kan Raashiyaa akka turte yaadachiisuuf ''Raashiyaa ishee kan Ameerikaa'' jechuun yaadachiisuu barbaadu.
Gaaffiin inni guddaan amma- Tiraamp qoqqobii ittiin sodaachisaa turaniin Raashiyaa adabuu moo hin adaban kan jedhu dha.
Pireezidantichi Alaaskaa irraa bahuun dura tarkaanfii qoqqobbii kana ''torbee lamaafi sadii keessatti'' hojii irra oolchuu akka danda'an miidiyaa Fox News'tti yeroo dubbatan akeekaniiru.
Tahus pireezidantichi Raashiyaan dhukaasa dhaabuu yoo didde ''waan hamaatu eeggatanii'' namni jedhan, haasaa adda hin baane dubbachuun isaanii deebii kennuurra gaaffii baayyee kaasa.
Puutin xiyyeeffannoo addunyaa argachuu
Ibsi qondaalotaa ibsa kan hin jedhamne yoomi? Yeroo gaazexeessitoota irraa gaaffii fudhachuu didan.
Tiraampiifi Puutiin battaluma ibsa isaanii xumuraniin gaaffii otoo hin simatiin galma dhiisanii bahuun waan hin eegamne ture.
Miseensonni jila Raashiyaa illee akkasuma gaaffii gaazexeessitoonni itti iyyaa turan otoo hin deebisiin bahan.
Mallattoon ifa tahe tokko waraana Yukireen ilaalchisee Puutiinifi Tiraamp garaagarumma guddaa akka qabanidha.
Donaaldi Tiraamp Raashiyaan waraana akka dhaabdu dhiibbaa gochaa turan. Puutin garuu waan Tiraamp barbaadan hin kennineef.
Guyyaa yeroo Puutin Alaaskaa qaqqaban faara adda tahetu ture. Tiraamp akka hogganaan Raashiyaa Puutiin keessummaa kabajaa tahan tokkootti afata diimaan isaan simatan.
Pireezidantiin Raashiyaa hogganaa biyya guddoo addunyaa kanaa wajjin wal-tajjii qooddachuun xiyyeeffannoo guddaa argatan.
Tiraamp taatee kana irratti maal jedhu laata? Puutin waraana kana akka dhaabuuf amansiisuu hin dandeenyee?
Kanaan dura Raashiyaan yoo dhukaasa dhaabuu didde akeekkachiisa, qoqqobbii akkasumas carraa dhumaa kennuun doorsisaa turan.
Amma kana itti hin fufne
Kana booda hoo?
Yukireeniif irraa mallattoo haaragalfii fi bor maal tahinnaa
Waan Alaaskaatti tahe gariin namootaaf waan bu'aa qabatamaa hin qabne tahuu mala. Yukireeniif garuu waliigateen gatii ishee hin baasifne hundi haaragalfii dha.
Uummanni Yukireen waliigalteen Raashiyaa wajjin kana dura taasifame hundi waan dhumarratti cabeef, Alaaskaa kanatti waliigateen wayii otooma godhameera taheellee ija shakkiin ilaalu ture.
Tahus Puutin ibsi isaanii TV'tti yeroo dhiyaatan ammallee ''sababni ijoo'' lola kanaa yoo hin hiikamne nagaan waarawaa hin jiraatu jechuu isaanii uummanni Yukireen rifachuun isaanii hin oolu.
Kana jechuun Puutin kaayyoosaa jalqabaa ''oppireeshinii waraan addaa'' jedhuun Yukireen akka biyya walabaattti jiraachu diiguu fedha. Tattaaffiin biyyoota Lixaa walgahii Alaaskaa dabalatee ejjennoo isaaniirra hin sochoofne.
Walgahiin booda faarri ''maal tahinnaa'' itti fufuun yaaddessaa taheera. Bor maaltu taha? Raashiyaan haleellaa itti fuftii?
Baatii darban biyyooti dhumaa Raashiyaaf carraa dhumaa jechuun doorsisuun bu'aa hin buusne, waan hojiirra oolchanis hin jiru. Lammiileen Yukireen kana Puutin haleellaa raawwachuu akka itti fufu eeyyama kennuu akka tahetti ilaalu.
Alaaskaa, Ankooreejitti jijjiiramni addaa akka hin jiraannes mul'ateera.












