Puutin Yukireen waliin dhugumaan marii nagaa barbaaduu mirkaneessuu qaba - MM UK

Zelenskii fi Istaamar

Madda suuraa, Reuters

Sar Keer Istaamar fi Voloodmiir Zeleeniskiin carraan dhukaasa dhaabuu Yukireen jira garuu Vilaadmiir Puutiin ''nagaaf kutannoo qabaachuu isaanii mirkaneessuu qabu'' jechuu isaanii waajirri mootummaa UK Dowuuning Istriit gabaase.

Ministirri Mummee UK ciree irratti Pireezidantii Yukireen waliin walgahaniiru. Gama biraan ammoo Donaald Tiraamp Jimaata har'aa waraana kana dhaabuu irratti marii'achuuf Puutiin wajjin Ameerikaa bulchiinsa Alaaskaa keessatti wal gahuuf jiru.

Zelenskiifi Istaamar ''nagaan haqaan argamuufi waarawaa tahe fiduuf lammiileen Yukireen ''tokkummaa jabaa,'' qabu

Zelenskiifi hogganooti Awurooppaas kanneen kora Alaaskaa irratti hirmaachuu hin dandeenye Roobii darbe Tiraamp waliin bilbilaan haasa'un ejjennoo isaanii irra deebiin himataniiru.

Zelenskiin waajira mootummaa UK Dowuuning Istriit, NO 10'ttii affata diimaa(red carpet) irratti kan simataman yoo tahu, korri Alaaskaa jalqabuuf sa'atiin 24 yeroo hafutti qe'ee warra mootummaa abaaboon lalisetti ministira mummee biyyattii wajjin yeroo deeman mula'taniiru.

Hogganooti lameenuu gaazexeessitoota Dowuuning Istriititti isaan eegaa turanitti dubbachuurra, callisa dippiloomaasii filataniiru.

Hogganooti baayyeen yeroo N0 10 irraa bahan qofaa isaanii gara konkolaataa isaanii kan deeman yoo tahu Istaamar garuu Zelenskii wajjiin bu'uun hammachuufi harka fuudhuun mallattoo murteessaa tokkummaa itti agarsiisaniiru.

Ministirri Mummee UK guyyoota darbanitti miidiyaattii fuulaafi fuulatti dubbachuurraa of qusachuun ibsa barreefamaan yaada isaanii kennaa jiru.

Kunis pireezidantii US waliin yaada wal-dhiitu akka hin kennine akkasumas Tiraamp UK fi Gamtaa Awurooppaa waliin ejjennoo wal-fakkaataa akka qabaataniif tahuu mala.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Zelenskiin walgahii Istaamar waliin taasisaniin booda miidiyaa hawaasaa irratti deeggarsa ministira mummee kanarraa argataniifi ''walgahii bu'aa qabeessa'' jedhaniif galata galchaniiru.

Zelenskiin, ''wabii nageenyaa akkasumas nagaa waarawaa fiduun Ameerikaan Raashiyaadhaan ajjeechaa akka dhaabdu, marii dhugaa irratti akka hirmaattuufi dippiloomasii bu'aa buusuuf akka dhiibbaa gootu mariiyanne,'' jechuun barreessan.

Ibsa waajirri mootummaa kuni baaseen hogganooti lameen kunneen haasaa Pireezidant Tiraampiifi Puutiin har'aa irraa waan bu'aa qabu akka eegan himuun, ''nagaa fiduuf kutannoo qabaachuusaa mirkaneessuu qaba,'' jedhan.

Puutiin qondaalota Raashiyaatti ''tattaaffii dhugaafi onnataa'' waraana Yukireen dhaabuuf Tiraamp agarsiisan ija gaariin akka ilaalan himaniiru.

Kireemliin Tiraampiifi Puutiin walgahii isaanii Jimaata har'aan booda ibsa waloo akka kennan himeera.

Haa tahu malee Tiraamp af-gaaffii Fox Niiwus waliin taasisaniin ibsi kan kennamu yoo walgahiin isaanii milkaa'e akka tahe ibsuun carraan 25 korri isaani fiixaan bahuu hin dandeenya akka jiru ibsuun Raashiyaa irratti qoqqobbii kaa'uun akka hordofus ibsan.

Mariin isaanii har'aa yoo fiixaan bahe Zeleenskii waliin mariin marsaa lammataa akka adeemsifamu himuun Moskoofi Kiiv gidduu yaadni daangaa ''kennuufi fudhachuun'' akka jiraachuu qabu himaniiru.

Yukireen garuu daangaa kennuun dhimma fudhatama hin qabne akka tahe himteetti.

Raashiyaan gama biraan lafa waraana kanaan to'atte qabattee itti fufu akka barbaaddu himte. Kunis Kireemiyaa dabalatee, wabii Yukireen Nato'tti akka hin makamne jedhu barbaaddi.