Zelensikiin waliigaltee dhukaasa dhaabuuf jecha bulchiinsa Doonbaas Raashiyaaf hin dhiisnu jedhan

Pirezidantii Yujkireen Volodmiir Zeleniskii

Madda suuraa, Reuters

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin walgahii pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Jimaata dhufaa gita isaanii Raashiyaa waliin Alaskaatti gaggeessan irratti Yukireen maddii akka dhaabbataniif dhiibbaa gochuuf hoggantoota Awurooppaa waliin ta'uun marii taasisaa jiru.

Hoggantoonni kunneen marii toora interneetiin Roobii har'aa Tiraamp waliin taasisaniin, Yukireen bakka hin jirreetti, daangaa biyyattiii humnaan jijjiiruu dabalatee, murtoon kamiyyuu fudhatamuu akka hin qabne irra deebi'anii ni dubbatu jedhamee eegama.

Tiraamp waliigalteen nagaa kamiyyuu ''naannoo tokko tokko jijjiiruu'' kan of keessaa qabu ta'uu himuun, gaaffii pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin keessaa tokko Kiiv kutaalee Donbaas kan ammallee to'ataa jirtu akka dhiiftuuf akka ta'e amanama.

Kibxata darbe Zeleniskiin, laafinni akkasii kun haleellaa gara fuula duraa Raashiyaan yeroo dhiyoo asitti bu'aa argachaa turteef akka ka'umsaatti fayyadamuu akka danda'u dubbataniiru dubbatan.

Kun osoo kanaan jiruu, loltoonni Raashiyaa dhiheenya baha Dobropiiliiyaatti haleellaa tasaa banuudhaan yeroo gabaabaa keessatti kiilo meetira 10 seenuu danda'an.

Zelensikiin sochiin loltoonni raashiyaa taasisaa jiran kun addawwan waraanaa hedduu irratti ta'u amanuudhaan, haata'u malee waraanni isaanii yeroo dhiyootti ofiiraa ni qolata jedhan.

Duubartii baqataa jirtu

Madda suuraa, EPA

Tarkaanfiin Raashiyaa gadi buusuudhaan Puutiin osoo Tiraamp waliin hin mari'atiin dura ''Raashiiyaan gara fuulduraatti tarkaanfachuun, Yukireen injifatamaa jirti'' odeeffannoo jedhuun qaawa ''uumuudhaaf akka ta'e nuuf ifaadha jechuun dubbatan.

Guyyaa Jimaataa Tiraampii fi Puutiin marii taasisaniin dursaan Raashiyaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuudhaaf maal gaafachuu akka danda'anodeeffannoon ifa ta'e omtuu hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaan hanga ta'e guutummaa Luhaansik fi magaalaa Donetiksi kan harka 70 ta'u to'attee kan argamtu yoo ta'u, haata'u malee Zeleniskiin guyyaa Kibxataa yaada guutummaan dhiisuuf dhiyaatu kamuu akka hin fudhannee irra deebiin mirkanneessaniiru.

''Har'a dahoowan Donbaas keenya irraa, lafa keenyarraa, ol ka'insawwan to'ataa jirruu keessaa guyyaaf osoo gadi dhiifnee baanee Raashiyaadhaaf karra haleellaa ijoo banuudha'' jedhan.

Zeleniskiin kanaan dura lammiileen Yukireen lafasaanii weerartootaaf dabarsanii akka hin kenniinee kan cimsanii dubbatan yoo ta'u, biyyattiiin osoo jijjiraa daangaa hin taasisiin dura haaluma heera mootummaatiin murteen ummataa dirqiidhaa jedhaniiru.

Zelensikiin guyyaa Kibxataa ibsa gaazexessitootatti himaniin, Raashiyaan addawwan waraanaa sadiin haleellaa haraa banuudhaaf qophiirratti kann argamtu ta'u dubbatatanii ture.

Torban darbe keessaa Tiraamp Raashiyaafi Yukireen ''wal jijjiraa daangaawwan muraasaa taasisuun akka danda'a'' dubbataniiru.

Haalli kun ammoo Kiiv fi Awurooppaa hunda irraa Raashiyaan humnaan akka daangaa Yukreen qooddattuuf ni hayyama jechuun yaaddoo itti uumuu ibsaa turan.

Raashiyaan yeroo ammaatti daangaa Yukireen keessaa kan gara harka 20 ta'u to'ataa jirti.