Tiraamp fi Puutin Jimaata dhufu Alaaskaatti walarguuf beellamatan

Tiraamp Jimaata darbe Raashiyaa fi Yukireen gidduutti ''daangaa wal jalaa fudhatan wal jijjiiruu hanga ta'e akka eegan'' dubbatanii turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Jimaata darbe Raashiyaa fi Yukireen gidduutti ''daangaa wal jalaa fudhatan wal jijjiiruu hanga ta'e akka eegan'' dubbatanii turan

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp fi Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin egeree waraana Yukireen irratti mari'achuuf Jimaata dhufutti beellama qabataniiru.

Hagayya 15 akka Puutin waliin walargan jalqaba kan beeksisan Pirezidant Tiraamp yoo ta'an, ergaa isaan miidiyaa hawaasummaasaaniirratti dabarsan hordofuun Kireemliinis yaada kana mirkaneessite.

Dubbi-himaan Kireemliin Alaaskaan birqabaan Raashiyaatti dhihoo waan taateef ''bakki filatames sirriidha,'' jedhan.

Dubbi himaan kun dabaluun qondaalonni lameen Alaaskaatti erga walarganii booda walga'ii lammataaf Tiraamp Raashiyaatti akka affeeramanii jiran ibsan.

Dhimma kanarratti Yukireen daftee yaada kennuurraa of qusatteetti.

Oduun kun kan dhagahame erga Tiraamp waraana kana xumuruuf Yukireen daangaa madda waldhibdee ta'ee jiru dhiisuu qabdi jedhanii sa'atiiwwan muraasa keessatti.

Waraanni weerara Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen irratti raawwatteen eegalame kun amma waggaa afraffaaf deema.

''Waggaa sadii fi walakkaa oliif daangaa irratti wal lolaa jiraachuu argaa jirra. Lammiileen Yukireen fi Raashiyaa hedduun dhumaniiru,'' jedhan Tiraamp Jimaata darbe wayita dhimma kanarratti Waayit Haawusitti dubbatan.

''Dhimma baayyee walxaxaadha. Kaan kenninee kaan fudhachuuf deemna. Iddoo waljalaa fudhatan waliif deebisuun waan ta'uuf deemudha. Kun lamaan isaaniifuu waan gaariidha.''

Tiraamp dhimma daangaa fi bulchiinsa Raashiyaa fi Yukireen irratti wal hadhaa jiranii ilaalchisee karoorri isaanii maal akka ta'e bal'inaan ibsuu baatanis, michuu BBC kan ta'e CBS News akka gabaasetti waliigalteen isaanii biyyoonni Awurooppaa, Raashiyaan bulchiinsa baha Yukireenitti argamu, Donbas, guutummaatti akka oolfattuu fi Kiriimiyaas qabattee akka turte akka tole jedhan of keessaa qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jimaata darbe Wall Street Journal akka gabaasetti Pirezidant Puutinis wayita ergamaa addaa Pirezidant Tiraamp, Istiiv Witkof waliin walargan karooruma kana lafa kaa'an.

Ammoo Yukireen fi michoonni isaanii Awurooppaa yaada dhihaate kanarratti walii galuu fi dhiisuun isaanii ammatti hin beekamne.

Ammatti Putiin fi Zeleniskiin gama waliigaltee nageenyaarraa ga'uutiin baayyee walirraa fagoo jiru.

Qondaalli gameessi Waayit Haawus tokko Jimaata dhufu dureewwan biyyaa walarguun mirkana ta'uu dubbachuun, Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiinis walga'ii kana keessatti akka hammataman himan.

Mariin marsaa sadiif Turkii Istaanbulitti Raashiyaa fi Yukireen gidduutti gaggeeffamaa ture furmaata tokkollee utuu hin fidin hafe.

Waraana kana dhaabuuf ulaagaa Raashiyaan dhiheessite hedduudha. Yukireen fi michoonnishee ulaagaa Raashiyaan dhiheessite Yukireen weeraruuf kan karoorfamedha jechuun balaaleffataniiru.

Tiraamp ji'a darbe keessa waraanni kun xumuramuu dhabuusaaf ykn nagaan bu'uu dhabuuf Putiin komatan.

''Putiinitti baayyee mufadheera. Garuu isa waliin ammallee hin xumurre,'' jechuun BBCtti himan.

Putiin yoo waraana dhaabuurratti walii hin galan ta'e qoqqobbii akka kaa'an doorsisan, akkasumas doonii nukilara baatu garasitti siqsuus ibsaniiru Tiraamp.

Puutin yeroo dhumaaf bara 2021 Suwiizarlaand, Genevaatti Pirezidantii duraanii US Joo Baayidan waliin walargan. Ergasii waggaa afur keessatti yeroo jalqabaaf pirezidantii US waliin walarguuf jedhu.