Puutin doorsisa qoqqobbii Tiraampiin akka hin raafamne himame

Madda suuraa, SPUTNIK/KREMLIN POOL/EPA/Shutterstock
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen waliin nagaa buusuuf abdiin akka jiru himanillee, gama bairaan ammoo loltoonnisaanii ''gara fuulduraatti akka adeeman,'' jala muranii himaniiru.
Kunis Ameerikaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu yoo hin raawwanne qoqqobbii kaa'uuf doorsisuun booda dha.
''Dallansuun kan dhufu waan guddaa eeguurraan kan ka'e dha,'' jedhan puutiin kunis isa Tiraamp hogganaan Raashiyaa waraana dhaabuu dhiisuun ''na gaddisiisee'' jechuu isaaniif deebii yeroo kennanii dha.
Haleellaa qilleensaa Raashiyaan Kiiv irratti guyyaa tokko dura raawwatteen booda Puutiin irra deebiin Yukireen dhiibbaa biyyoota lixaa irraa walaba tahuufi iddoowwan qabatanii jiran akka beekamtii argatan barbaadu, Yukireen ammoo kana booji'amuu dha jetti.
Pireezidantiin Yukireen Vooloodmiir Zeleenskii Puutiiniin arguudhaaf ''yoomiyyuu qophii dha,'' jedheera.
Puutiin Jimaata darbe gadaamii Valaam kaaba-lixa Raashiyaatti argamurraa yoo dubbatan Yukireen waliin mariin araaraa akka itti fufu himuun ''mariif'' ilaalcha gaariin qabaa jedhan.
Haa tahu malee dhukaasa dhaabuu waarawaaf waliigaluu irratti dhiibbaa Yukireeniifi michoonnishee lixaa taasisaniif, ''kanaan dallansuun jira yoo taheef, gaddi kuni kan maddu waan guddaa eeguurraa kan ka'e dha,'' jedhan.
''Diinoti keenya waan gaarii hin hawwan...amma hawwiin isaanii adeemsa keenya gara fuulduraa -gara Yukireen taasifnu, karaa kamiiniyyuu dhaabsisuu barbaadu,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yukireeniifi michootishee Raashiyaan mariin nagaa fuulduratti akka hin deemne gochuu, dhukaasa dhaabuu hiika qabu diduun daangaa Yukireen dabalataa qabaachuu barbaaddi jechuun himatu.
Mariin nagaa Raashiyaa-Yukireen Istaanbulitti baatii muraasa keessa al-sadii adeemsifame, bu'aa guddaa otoo hin argamsiisiin hafeera. Tahus biyyooti lamaan loltoota danuu wal-geeddaruuf waliigalaniiru.
Yaada Puutiiniin booda kan dubbatan Zeleenskiin Raashiyaan ''waraana kana dhaabuun nagaa dhugumaan waarawaa tahe fiduuf, '' qophii tahuu gaaffii keessa galchaniiru. Puutiin qoqqobbii boodatti harkisuufi waraana itti fufuuf yeroo bitachaa jira jedhan.
Torbanoota muraasa darban Raashiyaan dirooniifi misaayelaan haleellaa jabeessiteetti.
Kamisa darbe Raashiyaatti namoonni 31 ijoollee shan dabalatee haleellaa Raashiyaan Yukireen keessatti ajjeefamaniiru.
Donaaldi Tiraamp gochaa Raashiyaa kana balaaleeffataniiru, qoqqobbii akka kaan'anis himan.
''Raashiyaan, kana gochuun jibbisiisaa dha,'' jechuun gaazexeessitootaatti himan.
Adoolessa jalqabarratti Tiraamp Raashiyaan waraana akka dhaabduuf guyyaa 50 yeroo kennan, Puutiin deebii hin kennine ture. Ammas guyyaa 10-12 yeroo taasifamu Puutiin homaa hin jenne.
Gaafa Jimaataa garuu Raashiyaan guyyaa Waayit Haawus kennaa jiru kanaan akka hin raafamne shakkii hin hambisne.
Hogganaan Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoo odola Valaam Puutiin turan irratti keessummaa kan turan yoo tahu, guyyaa Tiraamp kennaa jiran irratti yaada kallatti dubbatan.
''Guyyaa 50,60,10. Siyaasni akkasiin hin hojjetamu,'' jedhan.
Miidiyaaleen Raashiyaa akka gabaasanitti namoonni Moskoo baayyeen Waayit Haawus qoqqobbi jabaa yaaddeessaa kaa'a kan jedhurratti shakkii qabu.
Puutiin Jimaata kaleessaa gara fuulduraattti bobba'uu, gara Yukireen deemuu jechuun dabalataan dhukaasa dhaabuun yeroo ammaatti fedhii Moskoo fayyadu mitii jedhaniiru.
Qondaaloti Yukireen gama biraan qoqqobbii haaraa kaa'amuuf jiru ilaalchisee Ameerikaa irraa ''mallattoo gaarii'' argachuu himaniiru.
Guyyaa tokko dura dippiloomaatiin Ameerikaa Jooh Keelii Mana Maree Nageenyaa UN'tti Raashiyaafi Yukireen ''dhukaasa dhaabuufi nagaa waarawaaf'' marii'achuu qabu jedhe.
''Amma yeroo waliigalteen raawwachuu qabu dha,'' jedhe.
Ergamaan addaa Tiraamp Istiiv Wiitkoof yeroo ammaa Israa'el kan jiran yoo tahu dhihootti Raashiyaa daawwachuu akka danda'an Tiraamp himaniiru.












