Biyyoonni lixaa akkamiin waraana Yukireen irratti Raashiyaa maallaqaan gargaaraa akka jiran

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan omisha boba'aa gara biyyoota Lixaatti ergiturraa doolaara biiliyoonotaan lakka'amu argachuu itti fufuushee ragaaleen ni agarsiisu.
Maallaqni kunis weerara biyyattiin Yukireen irratti bantefii waggoota afur lakkoofsise tumsuufis faayidaarra oolaa jira.
Hammi maallaqaa Raashiyaan ji'a Guraandhalaa 2022 yeroo Yukireen weerartee as gurgurtaa boba'aarraa argattes hamma maallaqaa Yukireen bifa deeggarsaan michuuwwansheerraa argatte dacha sadii ol caala.
Ragaan BBC'n argate akka agarsiisutti biyyoonni Lixaa hamma maallaqaa Yukireen gargaaran caalaa bittaa boba'aa Raashiyaaf kaffalaniiru.
Kunneen waraanni biyyoota lamaanii akka dhaabbatuuf watwaatanis, mootummoonni Awurooppaafii Ameerikaa Kaabaa boba'aan Raashiyaa waraana biyyoota lamaanii hammeessuu akka dhaabuuf hojjechuu qabu jedhu.
Raashiyaan gurgurtaa boba'aarraa galii hagamii argatti?
Maallaqni Raashiyaan gurgurtaa boba'a dhangala'aafii gaaziirraa argattu humna waraanaashee humneessuu keessatti shoora olaanaa qabu.
Gurgurtaan boba'aa galii waliigalaa mootummaan biyyattii argatu keessaa dhibbeentaa 33 gumaacha. Galii waliigalaa al-ergiirraa argamu keessaammoo dhibbeentaa 60 ol kan ta'u gurgurtaa boba'aarraa kan argamudha.
Haa ta'u malee barii weerara Guraandhala 2022'tti biyyoonni michuu Yukireen ta'an boba'a haaydirokaarboonii Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'anii ture. Waqtii sanatti Yunaayitid Isteetis (US) fi Yunaayitid Kingidam (UK) boba'a dhangala'aa fi gaazii Raashiyaa guutummaatti qoqqoban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gamtaan Awurooppaa immoo boba'a hinqulqulloofnefii dooniidhaan fe'amee gara biyyoota gamtichaa deemu dhorkus gaazii Raashiyaarraa bituu hindhorkine.
Qoqqobbiiwwan kun Raashiyaarratti kaayamanis biyyattiin yeroo Yukireen weerartee eegalee hanga Caamsaa 29, 2025'tti gurgurtaa boba'aarraa galii doolaara biliyoona 973 yookiin birrii tiriliyoona 127.4 argatteerti.
Maallaqa birrii tiriliyoona 127.4 kana keessaa tiriliyoonni 33 ol immoo boba'aa biyyattiin biyyootuma qoqqobbii irra kaayanitti gurguruun argatte akka ta'e Giddugalli Qorannoo Anniisaa fi Qilleensa Qulqulluu (CREA) hima.
Akka giddugalichaatti bittaa boba'a Raashiyaa keessatti biyyoonni Gamtaa Awurooppaa harka guddaa kan qaban yemmuu ta'u, biyyoonni miseensota gamtichaa ta'an hanga Yukireen ji'a Amajjii 2025 keessa sarara daddabarsa boba'aa kutetti boba'aa Raashiyaa ujummoodhaan geejibsiifamee isaan bira gahu bitaa turaniiru.
Ammallee boba'aan Raashiyaa gara biyyoota akka Haangaarii fi Islovaakiyaatti ujummoodhaan daddabarfamaa jira.
Gama biraatiin boba'aan gaazii Raashiyaa gama Tarkiitiin gara biyyoota Awurooppaatti daddarbu yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jirus ragaan giddugalichaa ni agarsiisa.
Haaluma kanaan biyyoonni lixaa boba'a Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'anis galiin biyyattiin gurgurtaa boba'aarraa bara 2024 keessa argatte kan bara 2023 waliin yeroo madaalamu dhibbeentaa shan qofaan hir'ise.
Gama biraatiin tilmaamni gama Raashiyaan jiru akka agarsiisutti hammi boba'aa gaazii biyyattiin bara 2024 keessa gara Awurooppaatti ergite dhibbeentaa 20'n dabaleera.
Keessattuu al-ergiin gaazii uumamaa gara dhangala'aatti geeddaramee (liquefied natural gas) haala kana dura mul'atee dabaleera. Al-ergii gaazii uumamaa gara dhangala'aatti geeddaramee kana keessaa walakkaa ol kan ta'us biyyoota Gamtaa Awurooppaatti kan grugurame akka ta'e ragaan CREA kan agarsiisu.
Hoggantuun imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa, Kaayaa Kallas, miseensonni gamtichaa muraasni yaaddoo qoqqobbiin walitti bu'iinsicha caalmaatti hammeessuu danda'a jedhu waan qabaniif fi gatiin boba'a Raashiyaarraa ittin bitan bushaa'aa ta'uunsaa gamtichi Raashiyaarratti "qoqqobbii cimaa" kan hin keenye sababa ta'uu himu.
Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii marsaa 17ffaa dhiyeenya kana Raashiyaarratti kaayeen bittaa gaazii uumamaa gara dhangala'aatti geeddaramee (LNG) hindhorkine. Garuummoo karoora hanga dhuma bara 2027'tti Raashiyaarraa boba'a bituu guutummaatti dhaabuu jedhu ofkeessatti qabateera.
Haa ta'u malee dheebuun boba'aa biyyoonni Lixaa qaban boba'a Raashiyaarraa bituu dhaabuuf akka rakkatan kan taasisu yemmuu ta'u, kunis baasii Raashiyaan waraanaaf baastu daangessuu akka hindandeenye isaan taasiseera.
Dhaabbata Gilobaal Witnas (Global Witness) jedhamu keessatti ogeettii olaantuu kan ta'an Maayi Rosner, imaammata baaftonni Lixaa baay'een boba'a Raashiyaarraa bituu dhaabuun yaaddoo gatiin boba'aa akka dabalu taasisa jedhu qabaachuu himu.
"Dandeettii omishaa fi gurgurtaa boba'aa Raashiyaa daangessuuf mootummoonni baay'een fedhii qabatamaa hin qaban. Sababnisaas dhiibbaa inni gabaa boba'aa addunyaarratti qabu ilaalchisee sodaa guddaatu jira" jechuun BBC'tti himan.
Gahee biyyoota sadaffaa…
'Qaawwa qulqulleessuu'
Boba'aa Raashiyaan kallattiidhaan biyyoota Lixaaf gurgurtuun cinatti boba'a biyyattiin gara alaatti ergitu keessaa hammi ta'e biyyoota sadaffaa biroo keessatti erga qulqullaa'e booda deebi'ee gara biyyoota lixaatti ergama. Yeroo tokko tokkommoo boba'aan Raashiyaa kun boba'a biyyoota biroo waliin makamee gara biyyoota lixaatti ergama.
Giddugalli CREA, Tarkii fi Hindii keessatti buufataalee boba'an Raashiyaa itti qulqullaa'ee gara biyyoota lixaa Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'anitti itti ergamu lakkoofsaan jaha ta'an adda baafachuusaa himeera.
Ministeerri boba'aa Hindii garuu "yaalii dogongorsiisaa fakkii Hindii balleessuuf taasifamedha" jechuun gabaasa CREA kana qeeqee jira.

Madda suuraa, Getty Images
Gama biraatiin kunneen waraanni Yukireen akka dhaabbatuuf duula gaggeessanfii ogeeyyiin, mootummoonni Lixaa galii Raashiyaan gurgurtaa boba'afii gaazii irraa argattu dhaabsisuu akka danda'an himu.
Ministira itti aanaa anniisaa Raashiyaa kan turanfii yeroo ammaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimir Putin mormuun kan beekaman Vilaadimir Milov, qoqqobbiin daldala haayidirokaarboonii biyyoota G7'niin Raashiyaarratti kaayamefii "hojiirra hin jirre" haalaan hojiirra ooluu akka qabu kaasu.
Haa ta'u malee jijjiiramni Doonald Tiraamp mootummaa US keessatti taasisaa jiran dhaabbilee biyyattii qoqqobbicha hojiirra oolchuu danda'an kan akka Ministeera Faayinaansii fi Waajjira To'annoo Qabeenya Alaa (OFAC) kan danqu akka ta'e himu.
Malli galii Raashiyaan gurgurtaa boba'arraa argattu itti xiqqeessuun danda'amu inni biraan immoo dhiibbaa dooniiwwan Raashiyaa karaa dhoksaa ta'een boba'a geejibsiisan irratti taasifamu cimsuu akka ta'e qondaalli duraanii Raashiyaa kun kaasu.
Gama biraatiin Dhaabbata Gilobaal Witnas (Global Witness) jedhamu keessatti ogeettii olaantuu kan ta'an Maayi Rosner, boba'a uumamaa gara dhangala'aatti geeddaramefii Raashiyaan gara biyyoota Awurooppaatti ergitu dhorkuufii buufataalee biyyoota lixaa keessa ta'anii boba'a Raashiyaa qulqulleessuun daddabarsan cufuun barbaachisaa akka ta'e himu.
"Kun imala biyyoonni lixaa bittaa haayidirokaarboonii Raashiyaarraa garagar cituuf eegalanitti xummura gochuu keessatti tarkaanfii guddaadha" jedhan.
Karoora gatii boba'aa Tiraamp waraana dhaabuuf
Yaadni Tiraamp 'yoo biyyoonni miseensa Dhaabbata Biyyoota Boba'a Alatti erganii (OPEC) gatii boba'a gadi buusan waraanni Raashiyaafii Yukireen dhaabbachuu danda'a' jedhu waan jijjiirama qabatamaa fiduu danda'u akka hintaane ogeeyyiin BBC'n haasofsiise himu.
"Angawoonni Raashiyaa yaada kanatti kolfaa jiru, sababnisaas tarkaanfii kanaan miidhamuu kan danda'u indaastirii boba'a Ameerikaa gabaa addunyaarratti morkataa hin taanedha" jechuun Milov BBC'tti himaniiru.
Giddugala CREA'tti xiinxalaa kan ta'an Vaayibahaav Raahunaandaan gama isaaniitiin, baasiin Raashiyaan omisha boba'aaf baaftu kan biyyoonni miseensa OPEC ta'an baasanirra xiqqaa waan ta'eef gatiin boba'aa yoo hir'ate biyyoonni kun Raashiyaa dursanii akka miidhaman himu.
"Saawudi Arabiyaan yaada kanaan waliigaluu hindandeessu. Kuni kana durallee yaalamee ture. Dhimmi kun Saawudi Arabiyaa fi US gidduutti waldhabdee uumee ture" jedhan.
Maayi Rosner gama isaaniitiin warri lixaa osuma Yukireen deeggaranuu Raashiyaarraa boba'a haaydirokaarboonii bituunsaanii hanqinana hamileefii gochaa qabatamaa kan qabudha jedhu.
"Waraana balaaleeffachaa jirru keessatti qaama isa weeraru (Raashiyaa) humneessaa jirra, gama biraan immoo qaama ofirraa ittisaa jiru (Yukireen) gargaaraa jirra" jechuunis himaniiru.












