Meeshaa waraanaa haaraa sodaachisaa waraana Yukireen keessaa jijjiiraa jiru

Diroonii 'Fiber Optics'

Madda suuraa, Getty Images

Magaala Xiqqoo Yukireen Rodeniskii jedhamtu wayita geenyu foolii baaruda meeshaa gurguddaatu nu simate. Yeroo gara keessa magaalattiitti konkolaachisaa seenne fooliin kuni eessaa akka dhufe kan barre.

Boombiin kiiloogiraama 250 ulfaatu gamoo bulchiinsa magaalattii dhukkee godhee gamoowwan mana jireenyaa sadii ammoo diigeera.

Bakka haleellaan kuni itti raawwatame kan geenye haleellichi raawwatamee guyyaa tokkoon booda ta'ulleen, ammayyuu caccabaa gamoowwanii kana keessaa aarri bahaa jira.

Bahiinsa magaala kanaarraa ammoo sagaleen madfii fi qawwee haalan dhagahama. Sagaleen kuni loltoonni Yukireen diroonii haleelanii yoo kuffisan kan dhagahamudha.

Magaalli Rodeniskii tuni magaala lolli cimaan itti adeemsifamu Pakirooviik irraa kiiloomeetira 15 qofa fagaattee argamti.

Raashiyaan magaala Rodeniskii tana too'annaashee jala oolchuuf ji'ootaaf lolaa turte. Ta'ulleen loltoonni Yukireen Raashiyaan magaala tana akka hin seenne mudhii hidhatanii lolanii ittisaa jiru.

Amma Raashiyaan toftaa lolaashee jijjiirteetti. Magaalattii marsanii qabachuuf yaaluurra daandiiwwan gara magaalattii seenan kutuu irratti xiyyeeffatte.

Torbeewwan lamaan darbe Raashiyaa fi Yukireen gidduutti nagaa buusuuf yaaliiwwan taasifaman hin milkoofne. Kana gidduutti ammoo Raashiyaan erga Amajjii darbee asitti injifannoowwan murteessoo ta'an gonfachaa jirti.

Magaala Rodiniskiittis taateewwan waan kana mirkaneessan taajjabneerra. Magaalattii seennee daqiiqaawwan keessatti haleellaan diroonii Raashiyaa kan walirraa hin cinne raawwatame. Gareen gabaasaa keenya gara bakka dahoo taha jedhutti dhokate. Dahoon dhihootti arganne ammoo gaaddisa mukaa jala.

Nama meeshaa hiikee hidhaa jiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sochii keenya faallaa kallattii diroonii gochuudhaan ilaamaa diroonii jalaa oolleerra. Baayyee osuma hin turre haleellaan diroonii marsaa lammaffaan jalqabee dhohiinsi guddaan dhagahame. Dirooniin mataa keenyarra balali'u garuu sakattaa itti fufeera.

Daqiiqawwan walitti fufaniif sagalee meeshaa waraanaa barbadeessaa ta'e kuni dhageessisu walitti fufiinsan dhagahaa turre.

Sagaleen suni badee jennaan bakka dahoo fooyya'aa ta'e itti argachuu dandeenyutti fiigne. Fageenya tilmaamaan meetira 30 ta'urratti gamoo mana jireenyaa tajaajila kennaa hin jirre tokko argannee isatti olseenne.

Gamoo kana keessa dhokannee sagalee diroonii sanaa irra deebiin dhagahuu jalqabne. Tarii sochii keenya hubatee sakatta'uu deebi'ee ta'uu danda'a.

Magaalli Rodiniskii dirooniiwwan Raashiyaatiin weeraramteetti. Kana kan mirkaneessu ammoo haleellaawwan magaalattii irratti raawwataman ka'umsi isaanii wiirtuun ajaja haleellaa diroonii Raashiyaa dhiheenyarratti argamuu isaati.

Haleellaawwan diroonii kuni ka'umsi isaanii lafa Yukireen kan Raashiyaan dhiheenya too'atte keessaas ta'uu mala.

Gamoo keessa dhokkanne keessa daqiiqaawwan 30 ta'uuf erga tureen booda sagaleen diroonii bade jennaan saffisaan gara konkolaataa keenyaatti fiigne. Konkolaataan keenya muka jala dhaabbattee ture. Saffisaan konkolaachisaa magaalattii keessaa baane.

Karaa keenyarratti abiddaa fi aara argaa turre. Tarii dirooniiwwan rukutamanii kufan ta'uu malu.

Dirree lolaa kana keessaa baanee imala keenya gara magaala Baayiliksitti taasifne. Karaa keenyarratti manneen haleellaa misaa'elaatiin gubatan hedduun nimul'atu. Manneen kana keessaa manni maanguddoo ganna 61 Siveetilaanaa isa tokko.

"Haalonni daran hammaachaa deeman. Duraan sagalee dhohiinsaa kan dhageenyu fageenyarraa ture. Amma garuu magaalli keenyas qiyyaafannaa haleellaa taateetti. Sagaleen duraan fagootti dhagahaa turre amma balbala keenyarra gaheera" jedhu.

Loltuu taa'ee meeshaa qorataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ruskili Siveetilaanaa mana isaanii haleellaan gubate keessaa meeshaalee yoo kakaasan ture arginee kan dubbisne. Haleellaan suni yeroo raawwatamu mana keessa hin turre.

"Mee gara gidduu magaalaa deemaatii ilaalaa. Badii kana caalu argitu. Manneen daabboo fi beelladootni osoo hin hafne gubataniiru" jedhan.

Bakka qiyyaafannaa fi haleellaan diroonii hin qaqqabne taanee Loltoota birgeedii madfii argannee dubbisne. Loltoota kana keessaa tokko kan ta'e Seeriin haala keessa jiran akkas jechuun nuhubachiise.

"Haleellaan Raashiyaa dabalaa akka dhufe nihubattu jedheen yaada. Daandiiwwan gara magaalaa seensisan kutuuf Rookeetiidhaan, Moortariidhaan, Diroonii fi waan qaban hunda fayyadamaa jiru" jedha.

Miseensonni Birgeedii kanaa bakka ramaddii isaanii gahuuf dahoowwan uumamaa argachuuf guyyoota sadii eeguutu isaanirraa eegama.

Ilaamaa Diroonii jalaa bahuuf duumessi yookaan bubbee cimaan hanga dhufutti eeguu qabu.

Loltoonni ammaan dura lola keessatti hirmaachuun muuxannoo hin qabne lola amma deemaa jiruu fi teeknolojii yeroo yeroon jijjiiramu kana waliin tarkaanfachuutu isaanirraa eegama. Yeroo nuti achi geenyetti teeknolojii haaraan Dirooniiwwan 'Faayiber Ooptikiiti'.

Faayiber Ooptiik

Dirooniiwwan Faayiber Ooptikii 'Eegee' isaanii irratti funyoo kiiloomeetira 10 dheeratutu irratti marama. Fiixee isa kaaniin ammoo Diroonicha meeshaa bakka too'annaa isaa waliin kan walqunnamsiisutu itti hidhama.

"Viidiyoowwanii fi signaalonni too'annoo gara diroonichaa dhufanii fi diroonicharraa ergaman kan daddabarfaman funyoo elektiriikii kanaani malee akka dirooniiwwan kaanii dambalii raadiyootiin miti.

Kana jechuun sirna ittisa elektiroonikiitiin imala diroonii kanaa fashalsuun hin danda'amu jechuudha" jedhan Mahaandisni Diroonii Yukireen tokko.

Waraana keessatti yeroo lolli diroonidhaanii hojiirra oolutti gareen waraanaa biroo ammoo mala ittisa diroonii hojiirra oolcha. Dirooniin Faayiber Optikii amma Raashiyaan hojiirra oolchaa jirtu kuni garuu mala ittisaa amma dura ture bilaasha godha.

Yukireenis teeknolojii kana omishuuf tattaaffii gochaa jirti.

"Raashiyaan teeknolojii kana nudursitee haala fooyya'aan fayyadamaa jirti. Nuti garuu yaaliirra jirra. Dirooniiwwan akkanaa olka'iinsa baratamerraa bakka gadi siqaa ta'etti fayyidaaf oolchina. Maneen keessa olseennee qiyyaafannaa adda baafachuufuu fayyadamuu dandeenya" jechuun Ogeessi diroonii Yukireen Veeyinaa jedhamu dubbata.

Dirooniiwwan faayiber ooptikii kuni garuu hanqina hin qaban jechuu miti. Saffisni isaanii suuta ta'uun hanqina isaanii keessaa tokko. Kan biraa funyoon isaan baatan kuni muka yookan waan biraatti maramuu danda'a.

Waan fedhes ta'u, Raashiyaan dirooniiwwan kana bal'inaan hojiirra oolchaa jiraachuu hordofe loltoonni yeroo bakka tokkoo bakka biraatti socho'an wareegama dirree lolaatti kanfalan caalaa baasaa jiru.

"Bakka ramadamtetti wayita deemtu ilaamaa keessa ta'uu fi dhiisuukee hin beektu. Kanaaf ilaamaa keessa taatee sa'aatiiwwan hedduuf hojiikee itti fufuu dandeessa" jechuun miseensi waraana Yukireen Olsi jedhamu dubbata.

Yaaddoon dirooniin faayibet Ooptik jedhamu kuni uumeenis loltoonni bakka ramaddii isaanii hamma eegamuun ol akka turaniif dirqamsiiseera.

Sababa kanaanis Gaazexeessitoonni iddoowwan akkasiitti imaluun ulfaataadha. Nutis loltoota Yukireen Olsii fi Maksiim lafa baadiyyaa bakka boqonnaa fudhatanii dukkaana keessa turanitti argannee kan dubbisne.

"Bakka ramaddii tokko guyyaa 31f tureera. Kuni anaaf yeroo ramaddii isa dheeraadha. Loltoonni bakka ramaddii tokko guyyoota 90 hanga 120 turan akka jiranis dhagaheera. Diroononni faayiber ooptikii kuni osoo hin dhufin dura bakka ramaddii tokko guyyaa sadii hanga torbaa qofa turra" jedha Maksiim.

Bakka haleellaa dirooniin manca'e

Olsin, Raashiyaan toftaa lolaa jijjiiraa jirti jechuun ibsa. " Kana dura haleellaa kan raawwatan gareedhaan ture. Amma nama tokko yookan lamatu ergama. Yeroo tokko tokko doqdoqqee fayyadamu. Darbee darbeemmoo saayikiliis fayyadamuu malu" jedha.

Kana jechuun lolli ammaan dura dirree lolaatti fuulaa fuulatti lolamu haalan hir'achaa dhufeera jechuudha. Haalli kuni ammoo garee lamaaniifuu fuulduratti tarkaanfachuu rakkisaa godheera.

Raashiyaan yeroo dhihoo asitti injifannoo gonfachaa jiraattulleen, Paakirovoski kan itti argamtu kutaa bulchiinsa Donteeksi guutumatti too'achuun dhihootti yookan salphaatti waan ta'uuf hin fakkaatu.

Yuukireen gara boodaatti dheenfaa jirti. Lolicha itti fufuuf deeggarsa meeshaalee waraanaa barbaaddi. Lolli kuni ganna afraffaatti cehaa jira. Loltoonni lafoo Yukireen kan Raashiyaarra waliin yoo walbira qabamu xiqqaa ta'uunsi haala rakkisaa uumeera.

Loltoonni nuti arganne irra hedduun isaanii loltummaatti kan makaman erga lolli eegaleen booda. Leenjii kan fudhatan yeroo gabaabaaf ta'us lolicharraa barachaa jiru.

Maaksis loltuu ta'uusaan dura dhaabbata dhugaatii omishu tokko keessa hojjechaa ture. Amma maatiin isaa haala akkamii keessa akka jiran gaafadheera.

"Baayyee rakkisaadha. Dhugumaan ulfaataadha. Maatiinkoo anaan nagargaaru. Mucaa waggaa lamaan qaba. Isa haala gaariin yeroon ilaalulleen hin arganne. Viidiyoodhaan nan dubbisa. Kanaaf haala amma jiruun haalonni akkuma gaarii ta'anittin jiraachaa jirra" jechuun yeroo naaf deebisu ijisaa imimmaan guuteeti.