Deeggarsi idil-addunyaa Israa'eliif taasifamu xiqqachaa jiraa?

Taankii alaabaan Israa'el irratti fannifame

Madda suuraa, Reuters

Haleellaa Hamaas irratti raawwateef deebii kennuuf Israa'el Onkoloolessa 7, 2023 Gaazaatti waraana bante. Waraana gaggeessitu kana keessatti ammoo Israa'el meeshaa waraanaa baayyeen isaa Ameerikaan dhiyeessituuf ykn deeggarsa maallaqaa Ameerikaatiin.

Michoonn Israa'el biyyoota lixaa biroos meeshaalee waraan ni dhiyeessuuf. Kanaaf, waraana kana keessatti deeggarsi kun Israa'eliif deeggarsa hamilee jabaafi mallattoo waliin dhaabbachuu ta'uun ishee gargaareera.

Deeggarsi Israa'eliif michootashee biyyoota Lixaarraa kennamuf kun dheekkamsa ajjeechaa lammilee nagaa 1,200 baayyeen isaanii Israa'el ta'anirratti Hamaas yeroo haleellaa raawwate mudate hordofeeti.

Amma garuu deeggarsi hamilee Israa'eliif michootashee biyyoota Lixaarraa taasifamuuf waan xiqqaachaa dhufe fakkaata; keessumaa kan Firaans, Biriteen fi Kanaadaa irraa dhufuuf laaffataa jira.

Biyyoonni kunneen sadan tooftaa Israa'el fayyadamuun Gaazaa keessati waraana gaggeessaa jirtu cimsanii balaaleffataniiru.

Michoota Israa'el biyyoota Lixaa keessaa kunneen sadan Israa'el oppereeshinii waraanaa haaraa Gaazaa keessatti gaggeessitu hatattamaan akka dhaabduuf gaafataniiru.

Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuun ammoo waraanni itti jiran kun hanga Hamaasiin dhabamsiisuutti, lammilee Israa'el Hamaas butee qabatee jiru hanga gadhiifamanitti, akkasumas hanga guutmmaan Gaazaa to'annoo humna waraanaa Israa'el jalatti deebitutti itti fufa jedhu.

Lammileen Filisxeem gargaarsaaf hiriiranii jiran

Madda suuraa, EPA

Biriteen, Firaans fi Kanaadaan ammoo tarsiimoo Netinyaahuu haaraa kana akka hin fudhanne ibsuun, Gaazaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha ifa ta'e taasisaniiru. "Achi keessatti gidiraan dhala namaarra gahu kan nama hin obsisiinedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni kunneen Israa'eloota Hamaasiin butamanii fudhataman hatattamaan akka gadhifamuu qabanis cimsanii gaafachuun, "haleellaa gara-jabinaa" Onkoloolessa 7 booda Israa'el mirga ofirraa ittisuuf beekamtii ni kennina jedhan.

"Haata'u malee, wanti amma taaa jiru gonkumaa madaalawaa miti," jedhan.

Netanyaahuun gargaarsaa nyaataa "baayyee xiqqaa" qofti Gaazaatti akka ergamu hayyames "quubsaa miti" jedhan biyyoonni kunneen.

Biyyoota kanneen sadaniif deebii kan kennan MM Israa'el Netaaniyaahuun, "gaggeessitoonni Biriteen, Kanaadaa fi Firaans qaama Onkoloolessa 7 haleellaa duguuggaa sanyii gaggeesse, ammas akka gocha kana fakkaatu biroo akka gaggeessuuf jajjabeessaa jiru," jechuun fuula X isaaniirratti barreessan.

Netinyaahuun itti fufuun, waraanni kun kan dhaabbachuu danda'u yoo hamaas namoota butee fudhate deebise, yoo gaggeessitoonni isaa [Hamaas] biyyaa baqachuuf waliigalan, akkasumas Gaazaan dirree waraanaa ta'uurraa qulqullooftedha jedhan.

"Biyyi kamiyyu kana gochuun ala waan biraa gochuun irraa eegamu jira jedhamee hin yaadamu; Israa'elis akkuma kana."

Wanti beekamuu qabu Netaniyaahuun yakkawwan waraanaatiin himatamee Manni-murtii Yakka Idil-addunyaa ajaja hidhaa irratti baaseera.

Netaniyaahuun Gaazaatti karra cufuu akka dhaabuuf , keessumaa erga qorannoon dhaabbanni idil-addunyaa amanamaa jiraattonni Gaazaa yaaddoo beelaaf saaxilamuu malu dhiibbaan idil-addunyaarraa itti cimaa jira.

Kora waloo EU-UK Landan keessatti gaggeffamerratti, Pirezidantiin Mana-mareeAwurooppaa Antooniyoo Kostaa haala Gaazaa keessa jiru,"haala gaddisiisaa seerri addunyaa maal na dhibdeedhaan cabaa jira. Guutummaan ummata achi keesa jiru miidhaa tarkaanfii humna waraanaa jala jira," jechuun ibsan.

"Haala danda'ame hundaan deeggarsi namoomaa hatattamaa, kara anagaa ta'eefi dhorkaa malee qaqqabuu qaba," jechuun cimsanii dubbatan aanga'aan EU kun.

Netaniyaahuun dhiyeessiin nyaataa muraasni qofti akka Gaazaa seenu gochuun mormituu isaa cimaa israa'el waliin gamtoomanii (coalition) uumanirraa qeeqa irratti kaaseera.

Bara 2007 garee Yihudoota leellisoota ta'an deeggaruun hokkara sanyummaa kakaasuun kan hidhame, Ministirri Nageenyaa Itmaar Been-Giweeyir, murteen Netaniyaahuu "Hamaasiif kan oksijiinii kennuufi, namoonni keenya butamanii jiran boolla keessa akka turan taasisa," jedhe.

Pirezidantii Firaans Imaanu'eel Maakroon fi MM Israa'el Benjaamiin Netaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Yeroo loltoonni Israa'el oppereeshinii haaraa gaggeessaa jiraniifi haleellaan qilleensarraa Gaazaa keessatti daa'imman dabalatee Filisxeemota dabalataan ajjeessaa jirutti, WIxata konkolaataa nyaata fe'an shan qofaatu Gazaa seene.

Namoonni dhuunfaafi gareen tarkaanfiiwwan Israa'el morman, yeroo Gaazaan manca'aa jirtuufi lammileen nagaa Filisxeem kumaan ajjeefaman mootummoonn Firaans, Biriteen fi Kanaadaan reefuu Israa'eliin mormanii dubbachuun isaanii kan barfatedha jedhu.

Warri waraana kana morman yeroo dheeraan dura ture ajjeechaafi mancaati Gaazaa balaaleffachuun mormaa kan turan.

Lammilee naga Filisxeem guyyaa guyyaan ajjeefaman, West Baank humnaan qabachuu, akkasumas yeroo oppereeshiniin waraanaa gaggeeffamutti lafa saamuufi Yihudoonni hidhataniifi humnoonni waraanaa akka humnaan cabsanii seenan gochuus mormaa turaniiru.

Amma masaanota Israa'el durirraa kaasanii jiran qofa miti, michoonni ishee Awurooppaallee gara dhaabbatanii ilaaluutti deemaa jiru.

Ibsi biyyoota sadaniin Israa'el weerara akka dhaabdu ittiin gaafatan kun erga Gaazaa keessatti waraanni eegalee as qeeqa isa jabaadha.

Dipilomaatiin buleessi Awurooppaa dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofu akka dubbatetti, jechoonni jajjaboo biyyoonni kunneen sadan fayyadamuun ibsa baasan Gaazaa keessatti "balaa guddaa gargaarsa namoomaatiin walqabatee jiru dheekkamsa addunyaa akka kaase mulisa. Kun hacuuccaa gara jabeenyaa mootummaan Israa'el gaggeessu mul'isa".

Ibsa waloo kana keessatti kan ka'e, Israa'eliif baayyee yaaddessaa kan ta'e ammoo, "hanga mootummaan Netaniyaahuu gochawwan hammeenyaa kana itti fufetti nuti ishee [Israa'el] waliin hin dhaabbannu jedha.

"Israa'el tarkaanfii waraanaa fudhachaa jirtu hi dhaabdu yoo ta'e, akkasumas dhorkaa gargarsa dhiyeessuurra keesse hin kaastu oo ta'e, deebii kanaaf ta'u tarkaanfii murteessaa ta'e fudhanna."

Ibsi waloo biyyoota kanneen garuu tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan ifatti hin kaasne. Qoqqobbii Israa'elirra kaa'uun tarkaanfii tokko ta'uu danda'a. Kanarra kan darbu tarkaanfii fudhacuu malan ammoo, Filisxem aka biyya walabaa taatetti beekamtii kenniifiifidha.

Firaans biyyoota 148 kanaan dura Niwu Yoork irratti jalqaba Waxabajjii walga'anii tarkaanfii akkasii fudhatanitti makamuudhaaf yaadaa jiti. Biriteenis waa'ee Filisxeemiif akka biyya walabaatti beekamtii kennuufiifirratti Firaans waliin marii taasifteetti.

Israa'el ibsa biyyoota kanneen sadaniif deebii cimaa kenniteetti. Ibsi waloo Firaans, Biriteen fi Kanaadaa kun mallattoo injifannoo Hamaas jechuun qeeqxe Israa'el.

MM Netaniyaahuun, "gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaa hunduu" mul'ata Pirezidantii US Doonaald Tiraamp hordofuu qabu jedheera.