Israa'el erga hundooftee waggaa 100 hin guutne, garuu attamiin riijinichatti humna cimaa ijaarratte?

Madda suuraa, Getty Images
Israa’el biyya taatee erga hundoofte reefu waggaa 76 guutti- unurii manguddoo tokkoo jechuudha. Waraana Addunyaa Lammaffaarratti Yihudoonni Awurooppaa keessa jiran miliyeena 6 ta’an Hitilariin duguuggan sanyii irratti raawwachuu hordofee hedduunsaanii gara Baha Giddu Galeessaa biyya amma Israa’el jedhamtuutti baqachuu eegalan.
Bara 1948tti walabaa ta’uushee labsatte. Guyyaa bilisummaa labsattee kaasee Israa’el waraana garaa garaa keessummeessiteetti.
Waggoota 76 darbaniif, hangi isaa garaa gara haa ta’u malee, yeroon itti Israa’el lola hin keessummeessine muraasa.
Israa’el osoo biyya taatee hin hundaa’in dura Yihudoota muraasafi Araboota heddutu laficharra jiraataa ture.
Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa lafa Filisxeem jedhamu Biriteen Impaayera Otoman Turkii irraa fudhachuun bulchuu eegalte. Waraana Addunyaa lammaffaa booda lakkoofsi Yihudoota Awurooppaafi bakka garaa garaa irraa garas qubachuu hordofee Filisxeemotaafi Yihudoota gidduutti wal-dhabdeen jabaataa deemun humna Biriteenii ol ta’e.
Keessumaa Yihudoonni humna waraanaa “Hagana” kan amma Humna Waraanaa Israa’el (IDF) jedhamu dhoksaan ijaaraa waan turaniif humnoota Biriteen akka bahaniif haleellaa garaa garaa gaggeessaa turan.
Dhumarratti Biriteen yaada UNdhaaf dhiyeessiteen Filisxeem bakka lamatti: kan Israa’elifi Arabootaa jedhamuun akka qoodamu murtaa’e.
Israa’el murtee kana duraanuu ni barbaaddi waan ta’eef gammaddee fudhatte; kanarraa ka’uun bara 1948tti pirezidaantii jalqabaa Israa’el kan ta’na Deevid Beengooriyoon walabummaa biyyattii labsan.
Murteen UN, addumatti ammoo Israa’el biyyummaashee labsachuun Filisxeemotaafi biyyoota Arabaa naannawa sana jiran hin gammachiifne. Murtee kana kufaa gochuun Waraanni Arabootafi Israa’eel jalqabaa eegale.
Waraana kanaan Israa’el Filisxeemota kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eessanirraa buqqiste. Kuni Filisxeemota biratti “Naqba” jedhamuun beekama. “Gada hamaa” akka jechuuti. Yeroo itti Filisxeemonni 700, 000 ol qe’eesaanirraa buqqa’an hanga ammoo qe’ee isaanitti hin deebine.
Rakkoo nageenyaa Israa’elifi Filisxeem gidduutti walakkaa jaarraa oliif deemaa jiruuf bu’uurri Filisxeemonni biyya mataasaanii hundeeffachuuf carraa dhorkamuu akka ta’etu himama.
Haa ta’u garuu Israa’el biyya erga hundooftee waggaa 100 hin guunne, waraana garaa garaa keessa dabarte taatee akkamitti Baha giddu galeessaa keessatti humna waraanaa, diinagdeefi dimokiraasii cimaa ijaaruu dandeesse?
Teeknolojii, kalaqa garaa garaafi siyaasa cimaa akkamiin ijaaruu dandeesse? Kan jedhu qixeessineerra.
Gahee diyaaspooraa biyyyoota guddatan keessaa dhufanii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijaarsi biyya Israa’el biyyoota kaan heddu irraa kan adda godhu hawaasa biyya garaa garaa irraa dhufeen ijaaramuu isheeti.
Waraana Addunyaa Lammaffaa dura biyya amma Israa’el jedhamte kana keessa turan lakkoofsan muraasa. Bulchiinsa Biriteen (Biritish Mandate) jalattis haa ta’u Impaayeera Otoman Turkii jalatti lakkoofsi Yihudootaa achi turan lakkoofsan muraasa.
Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda biyyoota Awurrooppaa keessatti jibbi sanyummaa, keessumaa Yihudoota irratti xiyyeeffate, babal’ataa deemunsaa Yihudoonni biyya keenya jalqabaati bakka jedhan Filisxeemitti godaanuu eegalan.
Waraanni Addunyaa Lammaffaa irratti Zaazii Jarman Yihudoonni biyyoota Awurooppaa keessaa adamsamanii akka jumlaan ajjeefaman gochuunsaa “biyya mataa keenyaa qabaachuu qabna” jedhanii akka murteessan isaan taasise.
Lakkoofsi namoota Awurooppaa irraa gara Filisxeem baqatanii daran dabaluun biyya mataasaanii akka hundeessan taasise.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota garaa garaa irraa hanga ammaattuu Yihudoonni gara Israa’elitti godaanu.

Madda suuraa, Getty Images
Keessumaa Yihudoonni biyyoota Awurooppaa irraa garas imalan beekumsaafi dandeettii garaa garaa qabaniin guddina biyyattiif akka gumaachantu himama.
Qonna ammayyaa, ijaarsawwan bu’uuraa, jallisii ammayyaa, geejjibaafi walumaa galatti diinagdee Israa’el sadarkaa amma irra jiruun gahuu keessatti shoora olaanaa akka qabantu himama.
Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa akka ibsetti, bara 2024tti GDPN Israa’el dolaara biliyeena 530 akka ta’e gabaasa isaa keessatti ibseera.
Sababa waraana Gaazaafi Libaanos keessatti gaggeessaa jirtuun diinagdeenshee daddaaqamus, Baha Giddu Galeessaa keessatti biyya diingadee jabaa qabduudha.
Kalaqaafi teeknolojii
Israa'el biyyoota teeknolojiifi kalaqa adunyaaf gumaachan keessaa tokkoodha. Addunyaarratti biyyoota kalaqaafi teeknolojiin beekaman 10 keessaa tokko akka taate ragaalen ni agarsiisu.
Abbaan Taayitaa Kalaqaa Israa'el Gabaasa Dorgommii Addunyaa World Economic Forum wabeeffachuun fuula Marsariitii isaarratti akka barreessetti, bara 2016-17tti Israa'el addunyaarratti biyya kalaqaan sadarkaa lammaffaa irratti argamtuudha.
Intarpiruunaroota teeknolojiifi kalaqa irratti hojjatan heeddu qabaachunis beekmati.
Akkasumas mala qonna ammayyaarratti kala Israa'el ittiin beekmatu keessaa tokko 'Diriip Irrigeeshinii' yoo ta'u, qonna ammayyaa keessatti warraaqsa guddaa fide akka fide The Time of Israel ibse.
Dhaabbanni Israa'el Nefatim jedhamu yeroo jalqabaaf mala qonna jallisii Diriip Irrigeeshinii addunyaaf kan beeksise yoo ta'u, lafa hanqinni bishaanii jirutti mala ammayyaan hurka gara bishaanitti jijjiirun lafa gammoojjii keessatti keessumaa omisha fuduraafi muduraaf kan ooludha.
Gaazexaan Israa'el Hareetz ammoo waggaa 73ffaa hundeeffamuu Israa'el ilaalchisee gabaasa Ebla 13, 2021 baasen, kalaqawwan biyyattiin ittiin addunyaarratti beekamte 73 tarreessee ture.
Kalaqawwan tarreeffaman keessaa tokko USB flash drive (filaashii jedhamee beekamu) yoo ta'u, bara 2000 lammii Israa'el Doov Moraan jedhamuun kalaqabame.
Gama waranaa, saayibarii, teeknolojiiwwan birootinis Israa'el biyya beekamtii horatteedha.
Humna waraanafi basaasa
Israa'el Baha Giddu Galeessaa keessatti biyya humna waraanaafi basaasaa cimaa qabduudha. Hundeeffama isheerraa kaasun waraana jajjabaa heddu keessummeessiteetti.
Erga bara 1948 hundooftee as lolli biraa hafee kan hin beekne Israa'el, humna waraanaa lafooo, qilleensaa, ganaanafi saayibarii cimaa akka qabdutu himama.
Haa ta'u garuu Waraana Yom Kuppur (The October War) bara 1973tti gaggeefameefi bara darbe Hamaas haleellaa gaggeesse irratti jabinni humna waraanaa isheen qabdu yeroo gaaffii keessa gale ture.
Keessumaa bara 1973tti Masiriifi Sooriyaan lafa Waraana Guyyaa Jahaa (Six Day War) jedhamuun Israa'eliin irraa fudhatame deefachuuf yeroo dheeraf qophii erga godhanii booda haleellaa tasaa irratti bananii ture.
Israa'el Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967 irratti mo'icha argatteen, deebi'ee humni ishee qoccolu akka hin jirre isheetti dhagahamee ture.
Haa ta'u garuu, haleellan Masiriifi Sooriyaa torbanoota jalqabaa waraanni itti eegaletti kasaaraa waraanaafi hamilee guddaa Israa'eliiti fidee ture.
Boodarra Israa'el humna eeggataa bobbaasun, dadhabina qondaalota waraana Masiriifi sooriyaa dabalatee, haleellaa gaggeessiteen waraanicha mo'atte.
Bara darbes haleellan tasaa Hamaas Israa'el irratti gaggeesse, biyya keessumaa humna tikaa jabaa qabdi jedhamtu gaaffii keessa galchee ture.
Garuummoo haleellan Israa'el ji'oota muraasa darban gaggeessaa jirtu, keessumaa qondaalota olaanoo Hamaasifi Hezbollaa ajjeesuushee booda, humni tikaashee ammayyuu dandeettii cimaa akka qabu kan ragaa baheedha.
Humni tikaa Israa'el 'Mosaad' biyyoota garaa garaa keessatti haleellaa dhoksaa (covert operation) gaggeessun beekama.
Israa'el dhaabbata basaasaa Mosad dabalataan, dhaabilee waraana saayibarii gaggeessan kanneen akka Unit 8200 jedhaman fa'aa qabdi.
Gareen kun waraana saayibarii biyyattiin qaamolee diina kooti jetturratti gaggeessuf itti fayyadamti.
Raadiyoo qunnamtii miseensonni Hezbollaa itti fayyadaman kuma heddu torbanootan dura dhodhohee miseensota Hezbollaa heddurraan miidhaa gahee ture.
Haleellaa saayibarii kana kan raawwate garee waraana saayibarii Israa'el Unit 8200 jedhamu akka ta'e Rooyitars gabaasee ture.
Gama waraana idileen ammoo Israa'el humna waraanaa idilee lakkoofsan heddu ta'an qabaachuu baattus humna leenji'ee taa'u ykn eeggataa heddu qabdi.
Yaaddon nageenyaa biyyattii yoo mudate, ykn waraanni yoo labsame humni eeggataa kun sa'aatii 24 hanga 48 gidduutti waamamee adda waraanatti bobba'uu danda'a.
Gama kaanin ammmoo lammiilen biyyattii waggaa 18 guutan kamiyyuu tajaajila waraanaa dirqamaa (compulsory military service) kennuu qaba.
Waggaatti bajata guddaa ramaduun humna waraanaashee mayyeessaa deemta.
Dhaabbanni Istatista akka gabaasetti Israa'el bara 2024tti humna waranaaf qofa bajata dolaara biliyeena 30.5 rammadde.
Baha giddu galeessaa keessatti xayyaarota waraanaa amayyaa Ameerikaan omishte F-15, F-16fi F-35 qabaachudhaan qilleensa naannichaarratti olaantummaa qabdi.
Humna lafoonis ta'u, taankii ammayyaa Makava jedhamu kan ofiishee omishte qabdiu.
Ifatti amanuu baattus, boombii nikularaa ni qabdi jedhamtee hamatamti. Haa ta'u garuu BBCn odeeffannoo kana ifatti hin mirkaneeffanne.
Sirna ittisaa Iron Dome kan haleellaa qilleensarraa fageenya gabaabaatii hanga Devid Sling haleellaawwan misa'elaa fageenyaa dheeraa qolachuu danda'u omishtii qabdi.












