Jila Gadaan Karrayyuu tibbana raawwate irratti keessummoonni hirmaatan maal himu?

Namoota uffata aadaa Oromoo Karrayyuu, halluu adii fi diimaa qabuun, faayamuun dhaabatan. Haalli namoonni itti rifeensa midhaaffatan wal fakkaata. Rifeensa haala kanaan sirreeffachuun aadaa Oromoo Karrayyuuti

Madda suuraa, Oromia Culture and Tourism Bureau

Ibsa waa'ee suuraa, Warri Baasoo tibbana jila Buttaa Qaluu ardaa isaanii Tarree leediitti milkiin gaggeeffataniiru

Ilmaan Karrayyuu lamaan keessaa Quxusuu kan ta'e, warri Baasoo tibbana jila Buttaa Qaluu ardaa isaanii Tarree leediitti milkiin gaggeeffatan.

Jilli Gadaa, kan Warri Karrayyuu 'cidha Buttaa Qaluu' yookan 'Irreessa kennuu' jedhanii waaman kun, Gadaan Baallii of harkaa qabu yeroo ganna 6ffaa gahu Gadaa Baallii irraa fudhachuuf deemuuf yeroo shaakalaa waggoota lamaa kan itti kennu.

Warri Baasoo jila kana magaala Matahaaraa irraa fageenya kiiloomeetira muraasa ta'u irratti kumaa kitilaan bahanii sirna Gadaa isaanii akkaataa duudhaa ganamaatiin milkiin goolaban.

Warra jilaa kanaan alattimmoo keessummoonni hedduunn, Abbootii Gadaa kutaalee Oromiyaa biroo dabalatee Karrayyuu waliin jila kana hirmaataniiru.

Namoota jila Karrayyuun ardaa Tarree Leediitti raawwate kanarrati hirmaatan keessaa tokko barsiisaa fi qorataa akkasumas barreessaa Dr. Asafaa Tafarraa Dibaabaati.

Hojii qorannoo aadaatiif Jila Karrayyuu kanarratti hirmaachuu kan himan Dr. Asafaan, Gadaan Karrayyuu sirna Oromoon kutaa biraatuu irraa barnoota fudhatu jechuun jeju.

"Akka Hayyuu fi qorataa aadaa Oromoo tokkootti yeroo waamichi jila kanaa nagahu gammachuudhaanin achitti argame. Kanaan alammoo ani waggaa 30 dura Karrayyuutti waggaa tokkoof barsiisaan ture"

"lafa sana, hawaasa sanan beeka. Waggaa dheeraa kana booda jila kanarratti yoon argamee ilaalu waan hedduu nama malaalchudha. Wanni Karrayyuun itti cichee jiru kan uummanni kaanuu irraa barachuu qabu" jedhan.

Oromoon jaarraa tokkoo oliif aadaa fi afaan isaa dhiibbaa jala turuu kan eeran hayyuun kuni, Karrayyuun warra aadaa isaa ganamaatti cichee aadaa ganamaasaa dhaloota dhaalchisaa jiru jechuun ibsu.

"Karrayyuun kuni dhiibbaa irra tureen bakka dur qubatee jiru naannoo Wanjii, naanno qarqara Laga Awaash kanarraa buqqa'eetu bakka ammaa kana akka qubatu ta'e. bakki inni qubate kunimmoo bakka dhiibbaa qabu"

"Karaa afaaniitiin, karaa aadaatiin, karaa amantiitiin dhiibbaatu irra ture. Kana hundayyuu dandamateetu asiin gahe. Kuni mallattoo cichoominaati" jedhan.

Dhiibbaa kallattii hedduun ture kana keessatti 'Karrayyuun akkamiin aadaa isaa kana hanga ammaatti cichoominaan turfachuu danda'e?' kan jedhu dhimma qorannoo barbaadu ta'uus akeeku.

Jila Gadaa Karrayyuu

Madda suuraa, Oromia Culture and Tourism Bureau

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barreessaa Wabii Kabbadaas warra jila Gadaa Karrayyuu miilanaa kana jalqabaa hanga dhumaatti waliin godaananii dinqisiifatan keessaayi.

Guyyaa jalqabaa 'Ilaala' irraa gara Tarree leediitti Godaanan irraa sagantaa kanarra akka ture himuun, jila Gadaa Karrayyuu kanarratti wantoota hedduun raajamuu dubbata.

"Sagantaa kanarratti hirmaachuu kiyyaan waan hedduutu naraaje. Wanni fageenyarraa waan Gadaa kana kitaabarraa dubbisnee beeknu waan xiqqoo qofa akka ta'en bare. Sirni kuni sirna guddaa akka ta'e bareera" jedha.

Keessummoota hedduu sirna kanaaf achitti argamaniif haala mijeessuu fi sagantaa guddaa kana bifa qindoomina qabuun gaggeessuu danda'uunis waan inni sirna kanarraa ajaa'ibsiifate.

"Nama hangana baay'atu bakka qubsumaa mijeessuun, akkaataa nyaataa mijeessuun, akki itti keessummeeffame barnoota guddaa fi waan baayyee nama ajaa'ibu. Akkaataan itti keessummaa simatan, osoo ofii hin nyaanne keessummaa nyaachisan baayyee adda" jedha Wabiin.

Dr. Asafaanis qindoomina jila Gadaa karrayyuu kanarratti taajjaban dinqisiifataniiru. Keessumaa haala mijataa hin taane keessatti sirna namoota kana hunda hirmaachise keessummeessuun cimina Gadaa karrayyuu kan mul'ise akka ture eeru.

"Tarreen Leedii kuni dirree ulfooti. Aspaaltii irraa fageenya qaba. Uummanni fagoo irraa haala mijataa hin taane kana keessa dhufu. Karaan rakkisaadha. Karaan irra deeman qoreen weeraree jira. Qoreen kuni naannoo sanaa muka ulfoo dhaalee lafa weeraree jira"

"silaa karaan bakka ulfoo geessu kuni tolfamuu qaba. Waan arginerraa uummanni guyyaa hedduu achi oolanii bulanii qoree kana karaarraa ciruu yaalaniiru. Kanarraa kan hafe akka gaariitti jila kana hirmaannee deebine" jedhan.

Karrayyuun Caaseffama Bulchiinsaatiin Shawaa bahaa keessa irra hedduu Fantaallee fi Boosat keessa kan qubate yoo ta'u,Gosti kuni aadaa uffannaa, tolfannaa rifeensaa (Gunfura) fi akkaataa sirba isaaniitiin warra adda bahanii beekamani.

Irra hedduun horsiisee bultoota kan ta'an warri Baasoo fi Dullachaa, daangaa lafa isaanii kabachiisuuf warra wareegama guddaa kanfalaa turan ammalleen itti Jirani.

Jila Gadaa Karrayyuu

Madda suuraa, Oromia Culture and Tourism Bureau