Ajjeechaa gogeessota Gadaan booda jila guddaaf qophaa'aa kan jiru Gadaan Karrayyuu maal keessa jira?

Gosoota lamaan, Dullachaa fi Baasootiin kan caaseffamu Karrayuun warra aadaa fi duudhaa ganamaatti cichanii eenyummaa isaanii dhaloota Kanaan gahani.
Caaseffama Bulchiinsaatiin Shawaa bahaa keessa irra hedduu Fantaallee fi Boosat keessa kan qubate Gosti Oromoo Karrayyuu kuni aadaa uffannaa, tolfannaa rifeensaa (Gunfura) fi akkaataa sirba isaaniitiin warra adda bahanii beekamani.
Irra hedduun horsiisee bultoota kan ta'an warri Baasoo fi Dullachaa, daangaa lafa isaanii kabachiisuuf warra aarsaa guddaa kanfalaa turan ammalleen itti Jirani.
Odeessa Kanaan jila Karrayyuun tibbana addeemsisuuf deemu, ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuun booda waan Gadaan Karrayyuu keessa dhufee xiinxalla.
Buttaa Qalaa
Gadaa Karrayyuu keessatti Gadaan amma aangoo Gadaarra jiru Gadaa Michilleeti. Gadaan Michillee kan ilmaan Quxusuu yookan Baasoo ammoo erga baallii Gadaa fudhatee waggaa ja'affaatti jila Buttaa Qalaa gaggeeffata.
Sirni Buttaa Qalaa kuni 'Irreecha goobaa kennuu' jedhamuunis kan beekamu yoo ta'u, ardaa jilaa Warra Baasoo, Tarree Reeddiitti adeemsifama.
Lalisaa Barcoo, ilma Raabaa ta'ee warra amma Gadaa Baasoo baalliin harka jiru keessaayi. Buttaa Qalaan kuni Gadaan Baallii Gadoomaa ofharkaa qabu Gadaasaa xumuruuf waggaan lama yoo hafu kan raawwatamudha jedhu.
Ammoo akkuma Dullachii fi Baaso hangafaa quxusuu ta'an jilootni Gadaa isaaniis waggaa tokko walduraa duuban raawwatama. Jila amma Baaso jilachuuf deemu kana warri Dullachaa waggaa tokkoon dura ardaa jilaa isaanii Tarree Luugootti raawwatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirni Buttaa qaluu kuni Gadaan Baallii of harkaa qabu osoo waggaan saddeet dhumee aangoo guutuu hin dabarsin warra itti aanee Baallii Gadoomaa fudhatuuf waggoota shaakalaa lama akka kennuufiti jedhu Obbo Lalisaan.
"Gooba kennuu jechuun akkuma maqaasaa Gadaan baallii fudhachuuf deemtu Goobdee, ga'umsarra jirti akka jechuuti. Gadaa kana callistee waggaa saddeet xumurtee itti kennuun hin danda'amu. Gadaan kuni muuxannoo guddaa barbaada"
"Sadarkaa biyya hoogganutti waan deemtuf, kallattumaan dooromatti ce'uurra shaakaluu qabda. Shaakala kanaaf ammoo warri Walaannaa (Warri Gadaa fudhatu) waggaa lamaan hafe sana shaakalatti akka dabarsu ofkaltiin kennamaafi" jedhan.
Tarree leeddiitti sirni Buttaa Qaluu kuni raawwatamee jechuun, warri waggaa lama booda baallii Gadaa fudhatu shaakala akka godhuuf mirgi kennameef akka jechuuti.
Qophiin taasifamu kuni qophii xiinsammuu, qophii qabeenyaa fi caaseffama bulchiinsa isaanii tolfachuu kan ofkeessaa qabu.
Gadaan Michillee sirna Buttaa qaluu Kanaan mirga bulchiinsa Shaakaluu warra itti aanee Baallii Gadaa fudhatu (Halchiisaf) haa kennu malee waggoota lamaan hafan kana aangoo olaanaan kanuma warra baalliin harka jiruuti.
"Warri yeroo shaakalaa kennameef kuni uummata dura ba'ee malkaa hin bu'u, bakka kadhannaa garagaraa hin dhaqu, yoo warri baallii of harkaa qabu naannoo sana jiraatan bakka cidhaattis taphachuu hin danda'u" jedhan.
Sababa aangoo guutuu hin qabneef carraan aangoo shaakaluu kuni bakka warri baallii Gadaa ofharkaa qaban hin jirretti 'hatee taphata' jedhan Obbo Lalisaan.
"Dhokatee taphata, dhokatee shaakala. Garrii (Meeshaa warri Gadaa qabatu) qabatee hin afuufu. Hanga waggaa lamaa sagaleesaa gadi qabateetuma dhokatee shaakalliisaa itti fufa" jedhu.
Jilli Buttaa qaluu kuni qophii dheeraa booda raawwatama. Warri Gabalaa (Baallii gadaa Ofharkaa qaban) akkamitti akka godaanan, eenyufaatu akka godaanu ji'oota sadii afur dursanii mariidhaan xumuranii qophaa'u.
Keessumaa galmi Tarree Leeddiitti ijaaramu baay'ina Gadaa michillee Godaanuun alatti keessummoota alaa dhufanii fi Warra Dareemoo jedhaman xiyyeeffannaa kessa galcha.
Dareemoon eenyu?
Akka Obbo Lalisaan jedhanitti, miseensota Gadaa Michillee Kanaan alatti namootni biroo 'Warra Dareemoo' jedhaman Godaansa gadaa kana keessatti xiyyeeffannaan nikennamaaf.
"Dareemoon warra Horii dareemoo tikfatuuf alatti hafani. Miseensuma Michillee ta'anii akka warra kanaa ta'anii garuu warra michillee waliin maatii ta'anii wajjin hin jiraanne. Alatti jireenya dhuunfaa isaanii gaggeeffatu. Garuu yeroo waamamanitti qaama doorii ta'anii sirna raawwatuuf dirqama qabu" jedhan Obbo Lalisaan.
Jilli Godaansa Buttaa Qalaa tibbana adeemsifamuuf jiru kuni kan Gadaa Baasoo ta'ulleen jila kana gaggeessuuf qofaa hin mari'atan. Warra hangafaa, Gadaan Dullachaas qophii keessatti hirmaatee mari'ata.
Jilli Buttaa Qalaa kuni kan godaanamu 'Dhaha Baatii' irratti bu'uureffateeti. Waqtiin haala addeessaa eeganii godaanan kunimmoo 'Dukkana Durrisa' jedhama.
"Godaansi akkaataa dhaha mataasaa qaba waan ta'eef hayyuu fi Qalluu waamanii gad taa'anii mari'atu. Baatiin har'a yoo baate har'uma ka'anii hin godaanan. Ulmaa ishii eegu. Akkuma haati tokko yeroo deesse akkasumatti gadi baatee asiif achi hin deemtu. Ulmaa waan jedhamutu jira"
"Guyyaan ulmaa suni lakkaa'ameetu guyyaa kana booda bahuu dandeessa jedhama. Akkuma kana Gadaanis addeessi ulmaa fixattee erga goobantee booda godaanama" jedhan Obbo Lalisaan.
Goobana addeessaatiin wanni walqabatuuf kuni keessummaan gara jilaa dhufuufis ta'ee warra jilaatiif addeessi yeroo goobanu bakka jilaa kanatti ifa gaariin akka jiraatu yaadameeti.
Waggoota afuriin dura Shawaa Bahaa aanaa Fantaallee bakka Kaarra yookan Mootoma jedhamutti Abbaa Gadaa Karrayyuu kadir Hawaas Dabalatee miseensonni Gadaa Karrayyuu 14 caalan qaamolee nageenyaan ajjeefamuun niyaadatama.
Ajjeechaan kuni gaggeesitoota Gadaa Karrayyuu ijoo kan galaafatee fi hawaasa karrayyuu keessatti Gaddaa fi naasuu eelaa guddaa qabu hambise jedhu Namootni BBC dubbise.
"Abbootiin Gadaa suni jumlaadhaan dhumuun miseensa Gadaa san keessa jiru, uummata Karrayyuu guutuutti rifaatuu guddaa uume. Gaaga'ama hangana hin jedhamne uume. Sammuu olguddattootaa fi uummataarratti madaa guddaa kaa'ee darbe" jedhan.
Miseensonni Gadaa karrayyuu yeroo marii fi jila qabu teessuma Geengoo uumee qubata kan jedhan Obbo Lalisaan, Ajjeechaan suni ammoo geengoo Karrayyuu kan diige jechuun ibsu.
"Karrayyuun geengoo uumee kan taa'u aadaa mataasaa qaba. Geengoodhan yoo taa'u ulaan hundi cufaa ta'a. namnis ta'e bineensi gidduu hin darbu. Qaawwi akka hin jiraannef akkasitti taa'ama"
"Gadaa Michillee Geengoo santu duraa diigame. Qilleensatu keessa bahe. Kuni dhiibbaa kana hin jedhamne fide" jedhan.
Obbo Mohaammad Roobaa miseensa Gadaa michillee kan Dooromarra jirtuuti. Ajjeechaan Abbootii Gadaa karrayyuu suni warra ittigaafatamummaa gurguddoo qaban kan fixe waan tureef miidhaan isaa laayyoo akka hin turre himu.
"Qaalluutu keessa ture, kan sirna Gadaa kana eebbaa fi abaarsan hoogganu, Warra korma garaa hidhe kan jedhamutu jira, warra irbuu sirna Gadaa kan tiksuudhaaf seene.Hoggansa Gadaa, Warra Bokkuutu keessa jira" jechuun balaan yeroo sanaa guddaa ta'uu kaasu.
Ajjeechaa hawaasa Karrayyuurra gahe kanaan garuu Karrayyuun Gadaasaa laaffisee aadaansaa duuba deebi'uurra daranuu dhaloonni xiiqa'ee itti fufsiise jedhu Obbo Mohaammad.
Gochi ajjeechaa tuuta Gadaa bakka jila Gadaarra osoo jiran raawwatame kuni gocha cubbifamaa waan ta'eef qe'ee cubbuun itti dhufe kana hawaasni karrayyuu sirna 'Axxaarrii' raawwatee qulqulleefate.
"Faanti cubbuu hojjette suni qe'ee sana dhuftee dhiiga qulqulluu kana gadi naquudhaan, qe'ee qulqulluu qe'ee sirna Gadaa sana dhiiga dhangalaastee dukkana gaddaa uwwiste. Isa akka aadaa keenyaatti axxaarrii goone" jedhan.
Axxaarriin kuni Oromiyaa kutaa adda addaatti 'Fala, Faloo, Falachuu' jedhamuunis beekama. Badiin gahe akka namatti hin deebineef falachuu akka jechuuti.
Sirni Axxaarrii kuni akkaataa itti adeemsifamu aadaa mataasaa qaba jedhu Obbo Mohaammad.
"Manguddoon hawaasa guutuu keessaa bahanii walgahu. Qunceen mukarraa quncifama. Quncee kana bishaan keessatti laaffisu. Margi ni haamama. Kuni qophaa'ee guyyaa axxaaarrii sana gaggeessan bakka guyyaa sana faanni isaanii irraa kaate sanarraa kaasanii bishaan qunceedhaan walitti laaffifame kana facaasu"
"bishaan kana ni bishiishessu. Gochi akkanaa haa bishiisha'u jechuudha. Lafa faanti isaanii irra demte sana hundarra bishaan kana facaasaa 'Bishiisha'I, hoodanne, nutti hin deebi'in, hoodanne' jechuun waaqatti himatu" jedhan.
Sirni Axxaarrii kuni kan raawwatame bakka abbootiin Gadaa guyyaa sana walgahanii turanii fi qaamolee nageenyaatiin fuudhamanii deemanii hanga bakka isaan itti ajjeefaman sanaatti haala Kanaan raawwatame.
Sirni axxaarrii ajjeefamuu abbootii Gadaa Karrayyuu kuni guyyaa axxaarrii sanaan booda miira Gaddaa keessaa akka bahamuu fi imaanaa isaanii itti fufsiisuuu irratti fuulleffachuus himu Obbo Mohaammad.
Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame kuni dhaloota xiiqa'aa daranuu booreef qophaa'e uume yaada jedhu qabu miseensi Gadaa michillee kuni.
"Nuti kan isaan duubatti hafne sirna kana daranuu cimsinee kunuunsinee deemuu qabna kan jedhuun hawaasni ittuu xiiqa'ee jira. Tuutni isaan keessaa dhumanii fi hawaasni karrayyuu guutuun onnee xiiqii qabduun sirnicha daranuu jabeessaa jira" jedhan.
Jila Gadaan Michillee Tarree Leeddiitti sirna Buttaa Qalaa gaggeessuuf qophaa'e kanarrattis hawaasni Oromoo kutaa adda addaa fi jaalattoonni Gadaa hirmaataniii sirna Gadaa Karrayyuu kana akka miidhaksan waamicha godhan miseensonni Tuuta Gadaa Michillee kunneen.
Tarreen Leeddii, ardaan Jilaa warra Baasoo kan tibbana sirna buttaa Qalaa itti gaggeessuuf deeman dhiheenya Magaala Mataaharaa naannawa Paarkii biyyaalessa Awaashitti argama.















