Taateewwan dur hinjirreefi qalbii namaatti hin tolle maaliif amma Oromoo biratti baratamaa dhufan?

Dur bara malli walqunnamtii ammayyaa kan akka miidiyaafi bilbilli hin turre, Oromoon yeroo walitti dhufuufi taa'ee buna waliin dhugu waan bitaa mirgaa, kan gamaa gamasii dhaga'e kaasee haasa'a; mari'ata. Ajab! jedhee dinqifata.
Taatee safuu cabse, dur hinjirree biyya biraatti raawwate jedhan yeroo dhaga'u 'dhageettii gurraa nuuf godhi' jedhee safeeffata. Akka dur hinjirreen gurraan dhaga'an kun gara hawaasaasaaniitti hin dhufne kadhata. Akka naannoosaatti raawwatee ijaan hin argine oodata.
Amma garuu yeroo hawaasni miidiyaalee hawaasaarratti gochoota safuu cabsan, kan namummaa busheessan, kan dhaga'uufi arguun nama sururu irratti haasa'an baay'inaan mul'ata.
Namoonni akka dhuunfaattis ta'ee akka hawaasaatti akka hin tasgabboofne, akka bir'atan taasisa. Wal-shakkiifi sodaan gabbatee, wal amantaan akka haphatu taasisa.
Oduu gudeeddiifi ajjeechaa ijoolleen maanguddoo, ilmaaniifi firaan ajjeefamuu abbaafi haadhaa dhaga'uun kan barame ta'aa dhufeera. Gocha addaggummaa dur argamee, dhaga'amee hin beeknetu ta'aa jira.
Gochi safuu fi safeeffannaa cabsan akkasii seera namaa qofa osoo hintaane kan uumaallee kan cabsanidha. Nageenya namni ofiisaa waliin, nama biraa waliin, naannoosaa waliin akkasumas uumaasaa waliin qabu balleessu, booressu jedhee dhugeeffata Oromoon.
Ofii bara kana safuun cabuun maaliif baratamaa dhufe? Falli isaahoo maal isinitti fakkaata? Hayyoota Oromoo lama dubbisuun akkasiin qindeessineerra!
Akka hayyoonni qoratanitti safuun waan Waaqarraa hawaasaaf kennamedha. Waaqaaf nama gidduu, namaaf nama gidduu akkasumas namaaf uumama biroo gidduu safuun jira.
Ilmaaf abbaa gidduu, haadhaaf intala gidduu, angafaaf qixisuu gidduu, hawaasaaf naannoosaa gidduu, namaaf bishaan, midhaan, horii, hora, bosona, tulluu gidduus safuun jira.
Safuun wal kabajuun, bakka waliif kennuun, waliif yaaduun walumaa galatti hariiroo gaariin Uumaaf nama gidduu, namaaf uumama gidduu akka jiraatu tiksuuf oola.
Safuun cabnaan hawaasni nagaan waliin jiraachuun gaaffii keessa gala; balaatu hawaasatti dhufa. Dur hinjirreetu raawwata jedhamee amanama.

Madda suuraa, Getty Images
'Hawaasni tokko takkaa safuurraa jallannaan hambaallee hin qabu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Faayidaan safuu ijoon waan hamtuu hundarraa nu dhorkudha. Haatuu, sobuu, ajjeesuu, saamuu, waliin dhahuu akka dhalli namaa hin hojjenne waan taasisaati jedhee dhugeeffata Oromoon" jedhu Leeniin Quuxoo, Yunivarsiitii naannoo Oromiyaatti barsiisaa fi qorataan Fookloorii.
"Wanni ceera-fokkoo, safuu waan ilma namaa bineensota kaanirraa adda taasisu" jedhee akka Oromoon dhugeeffatus dubbata.
"Bineensa miira keessa isaatu isa oofa, miira keessa isaatiin bula; ilmoon namaa garuu safuutti bula. Ilmi namaa waan safuun hin hojjetiin jetteen hin hojjetu; waan safuun hojjedhu jetteen ni hojjeta" jedhu Leeniin.
"Gaafa safuu kanarraa mucucaatanii safuun dabu, ilmoo namaatuu deebi'ee bineensa ta'ee miiraan oofamuu, miiraan masakamuutti ka'a. Waan bineensi hin hojjenneyyuu hojjechuu mala" jechuun balaa cabuun safuu dhufu ibsa.
"Ummanni safuu qabu, takkaa safuurraa jallannaan hambaallee hinqabu jedhanii dhugeeffatu warri aadaan bulu" jechuunis hima Leeniin.
Akka qorataafi gorsaan aadaa kun jedhutti, "rakkooleen bakka adda addaatti gurraanuu dhaga'uuf, ijaanuu arguuf nama sururan sababa cabinsa safuu" tiin kan raawwatanidha.
"Laafuu safuu, cabinsa safuu, hanqachuu safuu, safuurraa mucucaachuun" gochoota dur hinjirree hawaasa keessa jiraniif akka sababa ta'e dabaluun ibsa qorataan kun.
Haala kana ibsuufis "Cimeessi dabeef cimaan dadhabe fala hin qabu" jedhee akka hawaasani mammaakus ibsa qorataan kun.
'Fiilmii ilaalanii waan namni dhugaadhaan akkas godhu itti fakkaata'

Madda suuraa, Lenin Kuto
"Wanni biraa kana nuttiin deemu, ammayyummaa, akka addunyaa lixaa kana ta'uu, Globalization haa jennuunii akkaataan itti [dur hinjirreen] nutti dhufaa jiru rakkoo qaba. Akka hubannoo kiyyaatti seeneffama fiilmiidhaan tolchanii hojjetan, kan ogbaarruu warraatiin faayamee tolfamee hojjetamu" aadaafi safuu hawaasaa akka burjaajesse ibsa Leeniin.
"Sadarkaan barnoota namni keenya itti ogbarruufi fiilmii warra lixaa hubatu waan hinjirreef, dhugaa itti fakkaata. Keessattuu dhaloota xiqqaa kanarratti dhiibbaa guddaa kan uumaa jiru, fiilmii waraanaafi kanneen biroo ilaalanii dhugaadhaan waan namni waan akkas godhu itti fakkaata; isa san bahee hojiirra oolcha" jedha qorataan aadaa Oromoo kun.
Gosa fiilmii hunda kan waraanaa, kan nama ajjeesu yoo fudhatte, kan gudeeddii adda addaa ijoollee, jaartii, jaarsa, haadha, abbaa kan ajjeesu namni miidiyaa karaa adda addaatiin ilaalu akka dhugaatti fudhatee galee yaaluu, hojiirra oolchuun" safuun cabuudhaaf sababa ta'uu ibsa.
"Safuun cabuudhaan walqabatee kaleessa seerota aadaa jajjabaatu jira. Yoo safuu cabsite, dur hinjirree yoo galchite, dur hinjirreetu sirratti taha. Sun amma hin jiru. Namni yoo guddate mana hidhaa gala. Sunumtuu yoo beekame, yoo bira gahamedha" kan jedhu Leeniin har'a seeronni aadaa laafuu kaasa.
Duraan "ilma eenyuutu intala eenyuutu eessa oola, maalitti jiru jedhee gosaa-balbalaan, ollaan, jaarsa qe'eetiin, jaarsa ollaatiin, jaarsa warraatiin, jaarsa gosaatiin, jaarsa biyyaatiin, abbaa Gadaatiin walhidhee" jedhu hayyuun kun.
Leeniin itti dabaluun, amma "bakka muraasarraan kan hafe" sirni to'annoo ittiin jiruufi jireenyi namaa masakamu, to'atamu akka hin jirre dubbatu.
"Seerri aadaa jajjabaan dhabamuun, seerri mootummaa dhimmoota [safuu cabsan] hordofee tarkaanfii barbaachisu fudhachuu dhabuun bakka lamayyuu hanqattuu ta'ee gidduutti namni miidhamaa jira" jechuun miidhaa seerri mootummaaf kan aadaa laafuun jiruuf jireenya hawaasaarratti qabu ibsa qorataan kun.
''Akka waliigalaatti sochiin duudhaa keenyatti haa deebinu, aadaa haa haaressinu jedhu deddeemaa jira. Keessattuu gama mana murtii aadaatiin waggaa lamaan, sadan kana'' jedhan.
Manni murtii aadaa "waldhabdee furuu keessatti wanni jajjabeessaan mul'achaa jiru jira. Bu'aansaa har'a mul'ata jechuun hin danda'amu; reefudha" jechuun ibsa qorataan kun.
Akka sirna aadichaatti, akka qajeelfamaatti yoo ilaallee, wanni sirriitti ilaaluun nurra jiraatu, aadaan Oromoo kaleessas har'as gochoota safuu, gochoota ceeraa-fokkuu, gochoota hamaa ta'an kana kan hayyamu miti. Yeroo aadaan, safuun cabu ammoo "aadichi kan harka irra qabatu hin jiru" jechuun ibsa.
Amma aadaa keessas; heera mootummaa keessas hin jirru

Madda suuraa, Prof. Dejene Gemechu
Bakka "aadaan jajjabaatee jirutti" safuun yoo cabe "akka aadaatti tarkaanfiin irratti fudhatama bakkee aadaan jabaatee hojjetaa jirutti, hanqinni kan jiru gama mootummaatiini. Tarkaanfii madaalawaa, yeroosaa eeggate fudhatanii, hawaasaafis beeksisanii" akka irraa baratamu gochuurratti hanqinni jiraachuu kaasa.
Aadaafi seera mootummaa jidduutti walhanqatteetu jira. Waan isaan wal saamanis jiru. Manni murtii aadaa dhimma akkamii ilaaluu danda'a, dhimma akkamii ilaaluu hin dandeenye? Hamma kamitti araarsuu danda'u? Jaarroleen Mana Murtii Aadaa fi Mana Murtii idilee gidduu waldhiibuun bakki itti jiru" jiraachuus ibsa Leeniin.
"Amma aadaa keessa hin jirru; heera mootummaa keessa hin jirru. Sababa rakkoo nageenyaatiin walqabatee [dur hin jirree] hojjetamu irratti akkatti tarkaanfii fudhattu dhabda.
''Dhabamuun nageenyaa kunis bakka hedduutti gochoonni ceeraa-fokkuu ta'an kanaaf, jaarsis mootummaanis akka tarkaanfii hin fudhanne" jechuun dhibdeen nageenyaa Oromiyaa hagam cabinsa safuuf akka gumaache dubbata qarataan kun.
"Keessumattuu bakkee nageenyi hin jirreetti ta'ii garee walmormu lama gidduutti ta'u, namoota seerdhableeyyii, gara jabeeyyii ta'aniifis bakki akka kennamu karaa saaqa" rakkoo dhibdeen nageenyaa hawaasarraan gahaa jiru ibsa qorataan kun.
Kan "duraan aadaafi seerri ukkaamsee, sodaatee taa'us, gaafa safuu gatan, wanni akka bineensaa ta'uu nama dhorku gama mootummaanis gama aadaatiinis gaafa dhabamaa adeemu, namni akka bineensaa ta'uutti ka'e" jechuun hinjirree amma dhaga'amu ibsa.
'Bakka haadhaa abbaan jiranitti harka lamaan duubatti hidhanii qileetti darbatu'
Safuun kan Waaqaati. Cabuun safuu nama tokko lama qofarratti otoo hin taane hawaasa bal'aa irratti dheekkamsa Waaqaa fida jedhamee yaadama. Kanaaf, nama safuu cabserratti tarkaanfiin cimaan akkasii fudhatama.
"Nama irra deddeebi'ee hatee nama rakkise, sagal gorsanii, sagal obsaniifii, sagal dhoksaniifii yoo dadhaban tarkaanfii aadaa Qucaa jedhamutu irratti fudhatama. Qucaan ajjeesuudha.
Hattuun bu'aa hin qabdu, hanna dhiistee nama ta'uu hin dandeessu jedhamee yoo yaadame, lubbuun otoo jirtuu, bakka haadhaa abbaan, aanaa dhaalaan, essum-durbiin jiranitti harka lamaan duubatti hidhanii qileetti darbatu.
''Akka aadaatti boo'icha hin taa'an, baasaniis hin awwaalan" jechuun tarkaanfii cimaa yeroo seerri aadaa jabaa ture nama safuu cabse irratti fudhatamu ibsa Leeniin.
Hawaasni Oromoo "kaleessa aadaafi safuun bulaa ture. Duudhaa keenyatti haa deebinu inni jedhu kun waraqaarra darbee lafa bu'uutu irra jiraata. Humna qabaachuutu irra jiraata.
''Dhugumaan aadaa kanatti buluutu irra jiraata. Kaleessa hattuun, sobduun, sagaagaltuun aadaa kana keessatti bakka hin qabdu" jechuun kan ibsu qorataan kun, har'a garuu laafaa deemuu hima.
"Addunyaa har'aa waliin akkamitti [aadaa kanatti] deebinee itti bulla, hanni aadaa ta'ee hin jiruuhoo? Osoo hattuurratti tarkaanfii [ajjeesuu] fudhanna jedhanii gara mootummaatiin wanni jiru maal fakkaata kan jedhu gaaffii keessa nama naqa" jechuun aadaan humna guutuun hojjechuu dadhabuu qeeqa.
'Qullaa mana korsiisu'
"Dur nama sagaagaltummaa hamaa dubbachuufuu hin tolle hojjetu, qullaa mana korsiisu. Nama waa hate, itti fe'anii gabaa marsu. Waggaa kudhan hidhuurra guyyaa tokko yoo gabayaa marsan dhalli duubaa dhufu irraa barata.
Hanni akkas nama qaanessa jedhee sodaata. Nama haadhaaf abbaa ajjeese, ni ajjeesu. Waggaa digdama, umrii guutuu hiine jechuurra akka namni irraa baratu taasisa."
Mana murtii ammayyaatiin murtoon nama safuu cabse irratti fudhataman "ifaa miti, waan muraasa argina" kan jedhu qorataan aadaa kun, "hedduunsaa ammoo otoo ummataaf hin ifoomne achumaan callifamee hafa" jechuun qeeqa.
"Waliigalatti jaarsi, qaalluun, abbaan Gadaa, abbaan muudaa gahee kaleessa aadaa keessatti bahan keessattuu Kibba Oromiyaa Gujii fi Boorana irraa fakkeenya fudhatee gahee aadummaasaa bahachuun" furmaata ta'uus gorsa qorataan kun.
"Namoonni hawaasa kam keessattuu rakkoo qaban, warri danqamoo faallaa hawaasaa ta'an inuma jiraatu, garuu aadaan akkatti ittisee deebisu qaba. Afaaniin otoo hin taane, sirnaan duudhaa keenyatti haa deebinu.
''Haaromsa kan gabaasaa otoo hin taane gadi fageenyaan irratti hojjetamee hawaasni aadaaf duudhaan buluutu irra jiraata. Kun gahee nama hundaati" jechuun dubbata qorataan kun.
Gaafuma dhufe balaleffachuu otoo hin taane, Abbaan Gadaa [ardaa] ofii bulchuu keessatti gocha safuu cabse yoo arge tarkaanfii akkamii fudhate" jedhamuu gaafatamuu qaba kan jedhu qoratichi,"kutaaleen Oromiyaa Abbaa Gadaa hin qabne waan hin jirreef, itti gaafatamuu qabu" jedha.
"Mootummaanillee akka mootummaatti warra aadaa, warra Gadaa kanaan wal amanee, bakka walii kennee" hojjechuu akka qabus gorsa. Gaheen mootummaa nagaa lammiilee tiksuu, safuuf duudhaa hawaasaarraa waan maqe qajeelchuudha waan ta'eef, otoo hin turiin addaan baasee [tarkaanfii] namni irraa baratee, gochi akkasii hawaasa keessatti akka hin deebine taasisu fudhachuun barbaachisaa ta'uus dhaama Leeniin.

Madda suuraa, Lenin Kuto
'Waan namas bineensas hin tahiintu gidduutti dhalata'
Akka dhugeeffannaatti wanni ummanni beekuu qabu, "dur firri dhiigaa wal hin fuudhu, aadaa keessatti kobuu/haraamuu jedhama. Gosti gosa hin fuudhu; fagaattee fuuta. Amma garuu, achi fagaataa hin jiru. Gaafa firri fira dhiigaa fuudhu, obbolaan, ilmaan eessumaa gaafa wal fuudhaa deemtu waan namas bineensas hin tahiintu gidduutti dhalata" jechuun ibsa.
"Jaarrolee argaa dhageettii gaafa gaafattu, waan nama hin ta'iin waan bineensa biraas hin ta'iintu dhalata kan jennu bar dhalateera. Isa haadha ajjeesu, isa abbaa ajjeesu, isa ijoollee gudeedu" jedhan Leeniin.
Akkaataa waliin jireenya hawaasaa, akkaataa gaa'ilaa qajeelfataa deemuun, barsiisuun miidhaa isaa hambisuun murteessaa ta'uus kaasa qorataan kun.
Gochoonni dur hinjirree gaafa hawaasa keessatti raawwatan qofa miidiyaaleen akka gabaasan kan kaasu qorataan kun, "jaarsi biyyaa maal godhe, manni murtii maal godhe, gaaddisni yaa'aaf gaaddisni nyaaphaa maal godhe, maal irra gahe kan jedhu duukaa bu'anii hawaasaaf osoo ifoomsanii hawaasni akka irraa baratu godhanii'' jechuun dhaameera Leeniin.
Hawaasni nagaadhaan waliin bahee galuuf, "safuu eeguu qaba" jedhu yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa fi qorataan Antirooppoolojii, Pirofeesar Dajanee Gammachuu.
Akka pirofeesarri kun jedhanitti, dhaabbileen safuu hawaasaa tiksan dadhabaa waan deemaniif, dur hinjirreen suukaneessoo ta'an hedduun hawaasa keessatti dhaga'amaa jiru. Safuun hawaasaa akka hin cabneef qaamoleen afur gahee olaanaa akka taphatan kan kaasan pirofeesarri kun yaada Filoosoofara tokkoo gabbisuun akkanaan BBC'f qoodaniiru.
Namni yookaan hawaasni tokko akka safuu eeguuf Seera uumamaa, seera mootummaa, safeeffannaa amantaa fi safeeffannaa aadaa gahee guddaa akka qaban kaasu pirofeesarri kun.
"Beela'e ta'uu danda'a garuu gadi jedhee biyyoo arraabuu yookaan akka sa'aa marga nyaachuu hin danda'u. Yoon nyaadhe nan dhukkubsadha. Kana nyaachuun anaaf hin hayyamamne. Daddafeen deema jedhee akka allaattii allayyaa tokkotti callisee yoon utaale nan caccaba. Kanaaf uumamumti mataansaayyuu waan na dangessuufi waan naa hayyamu qaba" jechuun seeraa uumamaa safuu akka tiksu ibsu Pirofeesarri kun.
Karaa biraatiin yoon waa balleesse seerri mootummaa, seerri biyyi ittiin bulu nama dangeessa. Amantiinis kana godhi, kana hin godhiin jechuun akka hojii namaa fi hawaasaa daangessu dabaluun ibsu. Bifuma walfakkaatuun aadaanis waan hayyamuu fi waan dhorku qabaachuu kaasu hayyuun kun.
'Abbaafi haadha qofa miti kan guddisu'
"Aadaa Oromoo keessa safuutu jira. Ummata safuu qabudha, duudhaa isaatiin bula" jechuun, amma garuu dhaabbileen akka safuun hin cabne eegsisan dadhabuu kaasu.
Dhaabbileen hawaasaa akka maatiifi ollaa safuu barsiisuufi tiksuu keessatti gahee guddaa qabu. "Ijoollee abbaaf haadha qofa miti kan guddisu. Ollaaf hawaasatu guddisa. Akka aadaatti ijoollee waa balleessaa jirtu tokkotti yoo dhufne cal-jettee bira hin dabartu.
Yoo horii tiksinu, ijoollee horiin kun kan keessanii elaa akkas gara margaatti deebisaa! Horii ciciise kanarraa cirrii kaasi siin jedhu malee callisanii nu bira dabarfatan ture jaarsoliin. Si gorsu. Kan guddisu abbaaf haadha duwwaa miti" jechuun gahee hawaasni safuu eegsiisuu keessatti qabu ibsu Pirofeesar Dajaneen.
Kanaaf isaan akkasiitu safuu akkati eegdu, waan sirrii akkati hojjettu, kan sirrii hin taanemmoo akkati dhiistu" taasisa kan jedhan Pirofeesarri kun, safuun yeroo ammaa cabaa kan jiru dhaabbileen hawaasaa safuu tiksan dadhabaa adeemuudhaan akka ta'es kaasu.
"Maatii keessatti akkaataa guddisa ijoollee, amantaa, akkaataa hawaasani ijoollee itti guddisu, gorsu, deebisu" laafuun "maal nadhibeedhaan" hawaasa keessatti akka daraaru taasise.
"Ijoolleen wayii karaarratti balleessaa yoo jiraatte, yoon itti dubbadhe abbaan naan lola, haati naan lolti jedheen dhiisee bira darba" kan jedhan hayyuun kun, duraan namni ijaan argaa isaaniillee hin beekne ijoollee waa balleessitu yoo arge "ni lolaan, ni adaba yookaan sirreessee bira darba" jechuun aadaa duraan ture yaadachiisu.
Kun ammoo sababa "dhaabbilee hawaasaatu dadhabaa dhufe. Maal nadhibdeedhaan guutame. Rakkoo tokko hawaasni dhimmakooti jedhee itti hin darbu. Seerri cimaa ta'ee, na eega jettee [sodaattu] dadhabaa dhufeera. Namni seera kabajuu dhiiseera" jechuun haala har'a hawaasni itti jiraatu ibsu.
Dhaloota walhanqattee: Kan uumaa hin safeefanne, seera hin sodaanne
"Seera hin sodaattu, safuu hin sodaattu, namni sitti dheekkamu hin jiru yoo ta'e gadhiisii" waanta'uuf "amma waan gurratti nama hin tolle, waan suukanneessaa ta'e" dhaga'uun arguun akka aadeeffatamaa dhufes ibsu Pirofeesarri kun.
Hawaasni safuu gataa waan deemeef, gochoonni suukaneessoon akka gudeeddii ijoollee fi ajjeechaa daa'immanii fi maangudootaa sanuu nama alagaan otoo hin taane firaan, miseensota maatiitiin akka raawwataman himu Pirofeesar Dajaneen.
Hawaasni "safuu kan gateef ammoo dhaabbileen safuu barsiisan mataan isaanii dadhabaa adeemani"
Keessumaa jabana ammayyummaan babal'ate kanatti hawaasni magaalaa fi magaalaatti dhiyeenya qabu miidiyaalee hawaasaarraa "waan adda addaa dhaga'aa, argaa oolu. Waan dhaga'an sana ofii isaaniitii itti darbanii yaalu" kan jedhan qorataan Antirooppoolojii kun, "isa fuuldura dhaabatee kan ittisummoo dhaabbileen hawaasaa cimaa hin qabnu" jedhu.
Yeroo ammaa "maqaadhumaafi malee Gadaan hawaasa kan sirriitti soroorsee, qixeessee, sirreessee karaa qabsiisaa" akka hin jirre kan kaasan hayyuun kun, dhaabbileen hawaasaa akka ciman gochuu, barsiisuun murteessaa ta'uu dubbatu. Dhimma cabu safuu fi hinjirree hawaasa keessatti aadeffatamaa dhufan irratti qorannoo gadi fagoo irratti hundaa'uun furmaata kennuun barbaachisaa ta'uus gorsu hayyuun kun.
Gama seeraatiin ammoo nama safuu cabsee yakkoota gara garaa hojjetu irratti tarkaanfii cimaa, tarkaanfii barsiisu irratti fudhachuu, dhaabbileen hawaasaa amma qabnu dadhabaa dhufan akkasaan deebi'anii jajjabaatan gochuu akka yaada furmaataatti kaasu.
Dhaloonni haaraan ammaa seera sodaachuus ta'ee safeeffannaa aadaa irratti laafaa ta'uu kan kaasan Prof. Dajaneen, haala kanaan itti fufnaan rakkisaa ta'uu dubbatu.
Dhaloonni ammaa seeras hin sodaatu, aadaas hin safeeffatu kan jedhan qorataan Antirooppoolojii kun, seeras gama barbaachisaa ta'een cimsaa, gama aadaan ammoo ijoollee barsiisaa, sirreessaa dhaabbilee hawaasaa keenya deebi'anii akkasaan jabaatan godhanii dhaloota duubaan dhufu safuu akka barsiisan taasisuun barbaachisaa ta'uu gorsu.












