Mootiin Abbaa Jifaar mana fincaanii socho’aa qabaachuu beektuu?

Mana fincaanii isaa Abbaa Jifaar

Magaaloota fi baadiyyaalee Itoophiyaatti yeroo namoonni daandii cinaa ykn xiqqoo daandiirraa maqanii fincaansaanii fincaa’an arguun waan baramedha.

Waggoota 120’n dura Abbaan Jifaar Lammaffaa (1861-1934) yeroo imalaaf bahan meeshaalee murteessoo qabatanii imalan keessaa tokko mana fincaanii aadaa ykn socho’aadha.

Abbaa Jifaar mootii qaroominaan yaadataman yoo ta’u, keessumaa ogummaa harkaa kan akka mukaa, huccuu fi sibiilaa akka biyyaatti beeksisanii turaniidha jedhu, qorataan Seenaa Kataboo Abdiyyoo (PhD).

Abbaa Jifaar lammaffaa naannoo waggoota 58’tiif aangoorra kan turan yoo ta’u, hawaasa biratti ammoo kabajaan, jaalalaan, gara laafummaa fi beekumsa (abshaalummaa)n akka yaadataman himu Kataboon (PhD).

Maqaa Oromoo Tulluu jedhamuun kan beekaman Abbaan Jifaar, akkuma maqaa isaanii hawaasa birattis ulfinaa fi kabaja qabaachuunis ni himama.

Qaroominni daldala, dinagdee, guddina hawaasaa fi hariiroo cimaa waliin wal qabata kan jedhan qorataan seenaa kun, Abbaan Jifaar ogummaa harkaatiin beekamaa turan jedhu.

Bakki albuudni qotamu kan Laakaanoo jedhamu Aanaa Oomoo Naaddaa kessatti argamutti sibiila gara garaa baasuun itti fayyadamaa akka turus himu.

Keessumaa ammoo kalaqawwan oguma mukaa sadarkaa guddaarra akka ture kan himan hayyuun seenaa kun, gama kalaqa bu’aalee mukaatiin “kan akka Jimmaa gumaache hin jiru,” jedhu.

Meeshaalee murteessoo imalaaf barbaachisan

Qodaa aadaa nyaataa itti qabatanii imalan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Najiib Raayyaa, Itti gaafatamaan Komishinii Turizimii magaalaa Jimmaa BBCtti himaniitti, yeroo dhimmoota gara garaatiif imalan Abbaan Jifaar meeshaalee murteessoodha jedhan qabatanii imalu.

Isaan keessaa gilgilii nyaata itti qabatan, maaddii dadacha’aa kan nyaanni irratti dhiyaatuu fi manni fincaanii socho’aan isaan ijoodha akka ture himu.

Gilgiliin nyaanni itti qabatan muka tokkorraa golbeeffamee bocamuun gogaadhan uwwifamee kan tolfame yoo ta’u “biddeena 60 hanga 70 fi ittoo gollaa lamaa” qabachuu akka danda’u hima Najiib.

Maaddii dadacha’aan ammoo nyaata irratti dhiyeessuuf kan oolu yoo ta’u, boca roga afuriitiin kan tolfame ta’ee salphaatti dadacha’ee baatamuu danda’a.

Manni fincaanii aadaa dheerina seentiimeetira 30 qabu boca teessoo fakkeessuun muka tokkorraa tolfame. Manni fincaanichaas seraamikii ammayyaatiin walfakkaata.

Obbo Najiib akka jedhaniitti, seenaa mudannoo ittiin Abbaa Jifaar kalaqa mana fincaanii socho’aa kana mootii Itoophiyaa kan yeroo sanaa, Minilikitti beeksisan jedhan kaasu.

''Gaaf tokko Abbaa Jifaar Finfinneetti masara mootii Minilik lammaffaa Inxooxxoodhaa daaw’ataa turanitti, erga nyaata sooratanii booda dhaabatan.

''Achiin Minilik ‘Abbaa Jifaar wadet yihedalu?’ jechuunis 'Abbaa Jifaar garam deemtu?' jedhanii gaafatan. Abbaan jifaar ammoo ‘Isa garaa [bobbaa] baasuudhaaf’ jechuun deebisaniif.

''Mana fincaanii socho’aa Abbaa Jifaar itti faayyadaman, mana fincaanii hin fakkaatu, teessoo fakkaata waan ta’eef Minilikis ilaalee gammade. Boodarra namoonni Abbaa Jifaar mootii Minilikiifis hojjetanii kennan. Mudannoo sanaan Minilik kalaqa kanaan wal-baranii itti fayyadamuu eegalan,'' jechuun seenaa eeruun dubbatan.

Mana fincaanii socho’aa duwwaa osoo hin taane, kalaquma mana fincaaniiyyuu “Abbaa Jifaartu biyya barsiise; sardarkuma biyyaattuu hin turre,” jechuun jarsoliin Jimmaa akka himan kan kaasan qorataan seenaa Kataboon (PhD), “hagam dhugaa akka ta’e garuu hin mirkanoofne” jedhu.

Addatti kalaqni kun “qaroomina guddaa” ta’uu kan kaasan hayyuun seenaa kun, yaada “qulqullinaa” irraa maddu ta'u himu.

Maqaa amantaa Mohammad Ibin Daawud jedhamuun kan beekaman Abbaan Jifaar lammaffoo Musliima waan turaniif “yeroo baay’ee ni salaatu” kalaqni kun ‘wadu’uu’ gochuudhaaf akka isaan barbaachisu dubbatu qorataan kun.

Abbaa Jifaar qulqullinaaf bakka guddaa akka kennan kan himu Obbo Najiib, qaroominni sun garuu “waan dudduubbeetti deebi’e fakkaata” jechuun aadaa qulqillinaa gaarii hin taane amma mula’tu qeeqa Obbo Najiib.

Manni fincaanii aadaa ykn socho’aa waggoota 120 dura kalaqame kun goda hambaa magaalaa Jimmaa keessaatti kan argamu yoo ta’u, walumaa galatti yaada qulqullinaa guddaan irraa baramuu akka danda’u kaaseera Obbo Najiib.