Qorattoonni Israa'el uffata moototaa durii kan warqee caalaa qaalii tahe argatan

Madda suuraa, ISRAEL ANTIQUITIES AUTHORITY
Huccuun halluu dhiilgee [purple] qabu yeroo akka macaafa Qulqulluu keesssatti himametti bara bulchiinsa mooticha Daawwit uffatamutti dhiyaatu arkiyoolojistoota Israa’eliin argame.
Uffanni meetii fo'amaa irraa hojjetameefi halluu dhiilgee qabu kun warqee caalaa gatii jabeessaa yoo ta’u, huccuu halluu kana qabu warra mootiitu uffata.
Bara mootii Daawwitii asitti yeroo jalqabaatiif uffanni halluu dhiilgee qabu kun naannichatti argame.
Abbaa Taayitaa hambaalee durii Israa’elitti ogeettin kan ta’an Dr Naama Sukenik,’’argannoo baayyee gammachisaafi barbaadamuudha’’jedhan.
Huccuun bosbosee ciccitee kun lafa keessaa qotamee kan baafame iddoo Timnaa jedhamu, km220 Kibba Jeerusaalemitti.
‘’Hambaan durii uffanni halluu dhiilgee qabu kun warra mootii, luba fi namoota bakka olaanaan kennamaafi ture wajjin hidhata qaba’’jedhan Dr Sukenik.
‘’ Miidhaginni halluu kanaa bifasaa hin gaddhiisne, dhugaan jirtu halluu kana oomishuun ni cima. Kana oomishuuf hangi tokko qaama cilaallu keessatti argama. Halluu gatii jabeessa yeroo hedduu warqee caala gatii qaalii qabu.’’
Halluu dhiilgeen kun kitaaba qulqulluu fi Jewish keessatti kan eerame wayita ta’u, Iyyesuus, mootiin Daawwit fi Salamoon uffata halluu kana qabu uffataniiru.
Uffanni meetii fo'amaa irraa hojjetame argame kunis bakka gaara ‘Slaves' Hill’ jedhamu biraa qotameeti.

Madda suuraa, ISRAEL ANTIQUITIES AUTHORITY
Yuunvarsiitii Tel Aviv, dippaartimentii Arliyoolojiitti qorata kan ta’an Pirofeesar Eriz Bin- Yooseef ‘’halluun kun battaluma argame qalbii keenya harkiseera, taatullee halluu dhiilgee bara durii sana dhugumatti argine jennee amanuuf nu rakkisa’’jedhan.
Kana dura qola cilaalluun keessa dhokattu fi suphee caccabeerratti halluun kun argameera. Uffaatarratti halluun kun argamuun garuu yeroo jalqabaatiif.
Huccuun bosbose kun mala ‘Carbon-dating ‘ jedhamuun huccuu kun wayita ilaalamu dhaloota Kiristoosiin dura waggaa 1,000 yeroo mootiiin Daawwit mo’eetti akka ture tilmaamama.
Bulchiinsa mooticha Daawwitiitti aanee kan muudame ilma isaa Salamoon ture.














