Israa'el haguugguu waggaa 9,000 ture West Baankiiti argatte

Haguuggii West Baankiitti argame

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Haguuggiin kuni 15 akka addunyaatti jiran keessaa tokko

Haguuggii dhagaa waggaa 9,000 tureefi 15 akka addunyaatti jiran keessaa tokko kan ta'e argachuu isaa Abbaa Taayitaa Meeshaalee Durii Israa'el ifa taasise.

Meeshaan dur dhimma itti bahan kuni lafa Kibba Isra'eelin qabame jiru, Westbaankiitti bakka Hebroon jedhamutti argame.

Diidumaa argameeti Abbaa Taayitaa kanaaf kan kenname.

Dhagaa cirrachaa bifa siddiisaa fi keelloo irraa bara Niyolitikii hojjetame.

Abbaa Taayitaa Meeshaalee Durii Israaelitti arkiyolojistii kan ta'an Ronit Lupu tarii haguuggii sana yeroo Waaqeffannaaf itti dhimma bahu ta'a jechuun shakku.

Haguuggii West Baankiitti argame

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Arkiyolojistiin Ronit Lupu AFP'f akka himanitti wanti argame 'ajaa'iba'

Uraan kokke jala jirtu tarii fannifame namni akka argu kan hojjetame ta'uu mala jedhame tilmaamameera.

Haguuggii 15 keessaa 13 harka nama dhuunfaa waan jiruf qorachuun rakkoo ta'u waajjirri kuni ibsa baaseen eereera.