Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el haguugguu waggaa 9,000 ture West Baankiiti argatte
Haguuggii dhagaa waggaa 9,000 tureefi 15 akka addunyaatti jiran keessaa tokko kan ta'e argachuu isaa Abbaa Taayitaa Meeshaalee Durii Israa'el ifa taasise.
Meeshaan dur dhimma itti bahan kuni lafa Kibba Isra'eelin qabame jiru, Westbaankiitti bakka Hebroon jedhamutti argame.
Diidumaa argameeti Abbaa Taayitaa kanaaf kan kenname.
Dhagaa cirrachaa bifa siddiisaa fi keelloo irraa bara Niyolitikii hojjetame.
Abbaa Taayitaa Meeshaalee Durii Israaelitti arkiyolojistii kan ta'an Ronit Lupu tarii haguuggii sana yeroo Waaqeffannaaf itti dhimma bahu ta'a jechuun shakku.
Uraan kokke jala jirtu tarii fannifame namni akka argu kan hojjetame ta'uu mala jedhame tilmaamameera.
Haguuggii 15 keessaa 13 harka nama dhuunfaa waan jiruf qorachuun rakkoo ta'u waajjirri kuni ibsa baaseen eereera.