Ka'umsi 'Biyya abbaakoo' yookiin 'Biyya haadhakoo' jedhanii biyya ofii waamuu maali?

Aadaa fi duudhaa Oromoo keessaa Irreechi akkaan beekama

''Qe'ee Abbaakoon eega'', ''Biyya Abbaakoofan duula'', ''Aadaa Abbaakoo duriin deebisa''... kan jedhan kunneen hawaasa Oromoo biratti akkaan beekamu, bakka guddaas qabu.

Haalli kun Oromoo qofa osoo hin taane, hawaasa addunyaa hedduu biratti ni beekama.

Fakkeenyaaf warri Jarman aadaa fi duudhaa isaanii ganamaa jalatti tokkummaa'uuf jecha biyyasaaniin ''Biyya Abbakoo,'' jedhu.

Awurooppaa keessaa biyyoonni akka Neezarlaandis fi biyyoonni Iskandineeviyaa hedduun ''Biyya Abbaakoo'' jedhu.

Warri Ameerikaas yoo qacceen dhalootasaanii dur durii achirraa ta'e biyyasaaniin ''boonuuf'' jecha ''Biyya Abbaakoo'' jechuun waamu.

Biyyoonni akka Raashiyaa, Chaayinaa ammoo biyyasaanii akka lamattuu waamu. Biyyaa Abbaakoo yookiin Biyya Haadhakoo jechuun yeroon waaman jira.

Garuu lammiileen biyyoota addunyaa garaagaraa maalirraa ka'anii biyyasaaniin ''Biyya Abbaakoo'' yookiin ''Biyya Haadhakoo'' jedhu?

Yuniversitii Finfinneetti Pirofeesara seenaa kan ta'an Pirofeesar Tasammaa Ta'aa, akkaataan biyya ofii itti waaman kun duudhaa, aadaa fi seenaa ganamaa hawaasa sanaa bu'uureffata jedhan.

''Biyya Abbaa yookiin Biyya Haadhaas ta'u lamaanuu biyyuma ofiiti, garuu biyyoonni addunyaa garaagaraa aadaa fi seenaa kallattii abbaa hordofee deemu (Patrilineal) fi kan kallattii haadhaa hordofee deemu (Matrilineal) irratti hundaa'uun biyyasaanii waamu,'' jedhan Pirofeesar Tasammaan.

Yeroo garii akkaataan biyya ofii itti waaman aadaa fi duudhaa dur durii bira darbee fedhii dhuunfaarraas madduu danda'a.

Namoonni biyyasaanii haadhatti fakkeessan jiru. Isaan ''Biyya haadhakoo'' jedhu.

Dhalli namaa uumamaan abbaa caalaa michummaa fi jaalala haada waliin qaba. Kanarraa ka'uun namoonni biyyasaanii haadhatti fakkeessuun ''ishee'' wayita jedhaniin ni dhagahama.

''Biyyattii, Harmee...'' jechuun wayita miira jaalalaan biyyasaanii maqaa dhahu.

Biyya tokkoof mallattoo eenyummaa kan ta'e alaabaadha. Faaruu alaabaa biyyoota hedduu keessatti biyyi akka dhiiraattis akka dhalaattis maqaa dhahamti. Kaan isa jedhu, kaan ammoo ishee jedhuun.

Fakkeenyaaf faaruu alaabaa Itoophiyaa keessatti biyyi akka haadhaatti (saala dhalaa) fakkeeffamteetti.

Faaruun alaabaa ammoo biyya tokkoof mallattoo addunyaarratti ittiin beekamtu waan ta'eef kanarraa ka'uun Itoophiyaan ''Biyya Haadhaa'' jedhamti.

Faaruu Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessattis wayita Oromiyaa faarsan ''haadha'' jechuun maqaa dhahu.

''Oromiyaa haadha seenaa guddaa, handhuuraa Oromootaa galma Sirna Gadaa,'' jedha.

Kanaaf dacheen Oromiyaa haadhatti fakkeeffamteetti jechuudha.

Itoophiyaa- Biyya Haadhaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirofeesar Tasammaa Ta'aa nama seenaa Itoophiyaa fi addunyaa waggoota kurna hedduuf qoratan ta'uusaaniin walqabatee gama kanaan haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru ni ibsu.

Gama seenaa fi himama seenaa durduriin (legend) wayita ibsan, ''Itoophiyaan 'Biyya haadhaa' jedhamtee waamamuu kan dandeesseef seenaa Minilik waliin walqabata,'' jedhan.

''Mootittiin habashaa (Queen of Sheba) mootii Solomoon (King Solomon) irraatu mucaa godhattee dhufte. Kanaaf isa dhalate sanaaf biyya haadhaati malee biyya abbaa miti,'' jechuun kanarraa ka'uun Itoophiyaadhaan ''Biyya Haadhaa'' jedhan jedhu Pirofeesar Tasammaan.

''Seenaan mootolee hundinuu akkasuma. Kanaaf isa duukaa bu'aniitu 'Biyya Haadhaa (Motherland)' jedhu.''

Akkaataa argaa dhageettii (himama seenaa-legend) kanaatti haati [Kuwiin Sheebaa] Itoophiyaarraa taatus, abbaan [mootii Solomoon] biyya biraa irraa waan ta'eef haadhaan of waamu.

''Isuma kana gara biyyaatti fidanii biyyas haadhatti fakkeessan,'' jedhan Pirofeesar Tasammaan.

Gama kaaniin namoonni dhalootaan Oromoo ta'an hedduun Oromiyaa abbaatti fakkeessuun wayita ''Biyya Abbaakoo'' jechuun waaman ni dhagahama.

Artistoota gameeyyii akka Artist Qamar Yuusuf fi Doktara Kabajaa Artist Alii Birraa dabalatee weellistoonni hedduun wallee isaanii keessatti Oromiyaa ''Biyya Abbaakoo'' jechuun ibsu.

Oromiyaan naannolee Itoophiyaa keessaa tokko ta'us akka biyyaatti fudhatanii abbaatti fakkeessanii waamu.

Oromoon maaf 'Biyya Abbaakoo' jedha?

Pirofeesar Tasammaa Ta'aa akka hayyuu seenaa tokkootti haala Oromoo fi Oromiyaan walqabatee jiru kanas ibsaniiru.

Akkasaan jedhanitti dhimmi kun aadaa, seenaa fi jiruu fi jireenya uummatichaarratti rarra'ee deema.

Akkaataa Oromoon biyya abbaatti fakkeessee waamu wayita ibsan, uummatichi dubartii tuffatee yookiin bakka kennuufii dhabee osoo hin taane hawaasa toora karaa abbaa qabatee deemu (Patrilineal Society) waan ta'eef jedhan.

''Aadaa fi duudhaa ganamaa sabichaatu akkanni 'Biyya Abbaakoo' jedhu isa taasise,'' jedhan.

Biyyi tokko maatiirraa ka'ee ijaarama kan jedhan Pirofeesar Tasammaan, ''maatii Oromoo keessatti dubartiin heerumtee kan warra soddaa taati. Dhirri qe'eetti hafee duudhaa abbaasaa dhaala. Yaadrimee kanarraa ka'uun Oromoon 'Qe'ee Abbaakoo' jedha, 'Biyya Abbaakoo' jedha,'' jechuun ibsan.

''Maatiin tokko wayita ijoollee godhatu isheen dubaraa heerumtee qe'eedhaa baati. Inni dhiiraa qe'eetti mana ijaarrata. Qe'ee abbaasaa eega. Lamaanuu (dhiirris, dhalaanis) qe'ee abbaa koo jedhu. Isheen heerumtellee mana soddaatii wayita gara mana maatiishee deemuu feetu 'Qe'ee Abbaakoon dhaqa' jetti. Kan Oromoo kanaan walqabata.''

Akka Pirofeesar Tasammaan jedhanitti aadaa fi duudhaan mirga ilma hangafaaf kennamuun walqabatee Oromoo keessa ture ''Biyya Abbaakoo'' jedhanii akka of waamaniif ka'umsa ta'eera.

''Akka aadaa ganamaa Oromootti qe'ee fi qabeenya abbaa hunda yookiin garii kan dhaalu ilma hangafaati. Haalli kun Primogeniture jedhama. Kanaafuu imaanaan qe'ee guutuun ilmatti kennama. Biyyis ilmaan eegamti. Kan Abbaati jechuudha.''

Yaad-rimeen kun biyyoota addunyaa hedduu biras jira kan jedhan Pirofeesar Tasammaan, ''kallattii haadhaa [matrilineal] fi kallattii abbaa [patrilineal] hordofanii deemuun biyya tokko lama qofatti waan daangeffame miti,'' jedhan.

Dachee- haadha, Samii (Waaqa)- abbaa

Yaad-rimee ''Biyya Abbaakoo'' fi Biyya Haadhakoo'' jedhuun alattis Dachee akka haadhaatti, Samii (Waaqa) ammoo akka abbaatti fakkeessanii ilaaluunis jira jedha Pirofeesar Tasammaan.

''Dachee 'Haadha Margoo' akka haadhaatti, hormaatatti fakkeessu. Samii (Waaqa) ammoo akka abbaatti fakkeessu,'' jedhan.

Dachee haadha margaa:

''Sirra qonnee nyaanna, sirra horree yaafna. Jalli kee bishaanii, irri kee midhaanii'' jedhaniitu dachee kana akka haadhaatti ibsu jedhan.

Pirofeesar Tasammaa akka hayyuu seenaatti wantoota bu'uura ta'an haga kanatti nutti himaniiru, kanarraan adda sababoonni biroonis jiraachuu akka danda'anis eeraniiru.

Fedhiin namootaa, akkaataan namoonni itti of ibsuu barbaadan fi dhiibbaan aadaa fi duudhaa garuu isaan murteessoodha.