Sooyyomee Abdiisaa: Dubartii Oromoo UAEtti qacaramanii hojjechuurraa hanga qacaruu geesse
Lammiileen Itoophiyaa fi dhalattoonni Itoophiyaa Yunaayitid Arab Imireetis keessa jiraatan kanneen yeroo gabaabaa jiraatanii ba’an fi dhaabbiidhaan jiraatan dabalatee walumaagalatti hanga 300,000 ni tilmaamama.
Lammiileen kunneen jireenya sadarkaa garaagaraa qabu: Hedduun mana namaatti qacaramanii hojjetu, gariin ammoo hojii mataasaanii banatanii hojjetu.
Kanneen hojii daldalaa fi investimantii gurguddaatti seenanis jiru.
Namoota hojii mataasaanii uummatanii hojjechuu eegalan yoo ilaallu, hedduunsaanii mana namaatii hojjechuurraa eegalan.
Sooyyomee Abdiisaa namoota haala kana keessaa darbuun hojii mataasaanii eegalan keessaa tokko.
Baayyina namoota Itoophiyaa UAE keessaa jiraatan irratti hundaa’uun Dubaay keessatti mana nyaataa banuun hojii nama baasuudha.
Sooyyomeenis kanuma bu’uureffachuun mana nyaataa ''Kiilolee'' jedhamu magaalaa addunyaarratti qaalii taate - Dubaay keessatti bantee jirti.
Manni nyaataa Kiilolee banamuun dhandhama biyyaa namoota halaala jiraniin ga’e, aadaa fi duudhaa biyya jiru giddugala tokkotti akka argan taasise.
Sooyyomeen kaayyoon ishee mana nyaataa qofa bantee maallaqa irraa argachuu qofa akka hin taane BBCtti himte.
Nyaata aadaa, meeshaalee aadaa fi sirnoota aadaa biyyaa calaqqisiisan hedduutu manasheetti argama.
Sooyyomee Abdiisaa akkamiin akka gara UAE imalte, mana nyaataa Kiilolee banattee fi waliigalatti jiruu fi jireenya biyya Yunaayitid Arab Imireetis maal akka fakkaatu BBCtti himteetti.
Sooyyomeen akkamiin gara UAE imalte
Lammiileen Itoophiyaa hedduun osoo haala hin hubatinii fi bakka deeman qixa sirrii ta'een hin hubatin gara biyyoota Arabaa garaagaraatti imaluun hojii barbaaddatu.
Akkasumas ammoo kanneen haala beekanii, mirgaa fi dirqamasaanii hubatanii imalanis jiru.
Sooyyomeen waggaa 12 dura gara Yunaayitid Arab Imireetis wayita imaltu bakka deemtuu fi maal hojjechuu akka deemtu beektee biyyaa baate.
Hojii xiqqoorraa ka'uun sadarkaa kanarra akka geesses himte.
''Jalqaba kaampaanii Abu Dhabi-ADNH jedhamu tokkotu nu fide. Kaampaaniin kun namoota hedduu fudhataa ture. Anis odeeffannoo kana karaa hiriyaa koo argadheen dhufe.''
Sooyyomeen akkamiin sadarkaa hojii mataashee eegaluurra akka geesse wayita ibsitu, ''yeroo hundaa sammuu koo keessa kan jiru guddachuu fi guddachuu qofadha,'' jetti.
''Umriidhaan bilchina qabaachuu baadhus, akka namoota kaanii kaayyoo koorraa hin raafamne. Kaayyoo kootti cicheen milkaa'e.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojii qofa osoo hin taane barnootaanis of fooyyessuu himte Sooyyomeen.
''Barnoota koos kolleejjii- Al Khawarizmi International College (KIC) jedhamutti barachuun dandeettii koo fooyyeffadheera.''
Muuxannoon hojii argattee fi sadarkaan barnootaa fooyyeffatte hojii fooyya'aa akka argattu ishee gargaareera.
''Bakka duraatii ba'een maallaqa guddaadhaan kaampaanii Sheek Hamdaan jedhamutti qacarame. Maallaqa biyya kanaa diraama kuma 20 jechuun maallaqa xiqqoo miti. Achirraa ka'een gara kana dhufe.''
Obsa, kutannoo fi kaayyoosheetti waan cichiteef sadarkaa kana ga'uu akka dandeesse ibsite.
Namoonni hedduun jiruu fooyya'aa barbaacha wayita biyya ormaa deeman haala jireenyaa rakkisaan mo'amanii kan jireenyisaanii badu jiru.
Gariin ammoo haala mijataa erga argatanii booda kaayyoosaanii dagatanii jireenyi harkaa babbada.
''Waan hundaan of qabeen obsee jiraadheen gargaarsa waaqayyoon har'a sadarkaa kanarra ga'e. Kophummaa, beela, boqonnaa dhabuu fi rakkoo hedduu obsaan dabarseen har'a ga'e,'' jette Sooyyomeen.
Mana nyaataa kiilolee- Oromiyaa xiqqoo Dubaayitti

Sooyyomeen UAE keessatti qacaramtee namaaf hojjechuurraa gara hojii dhuunfaasheetti kan ceete waggaa 3 dura wayita mana nyaataa Kiilolee banteedha.
UAE keessa manneen nyaataa Itoophiyaa hedduudha. Kanneen akka Al habashaa fi Dukam umrii dheeraa waan qabaniif baayyee beekamu.
Mana Nyaataa Kiilolee kan adda godhu garuu iddoo aadaan biyyaa itti calaqqisu ta'uusaati.
''Kiiloleen gaafa banamu kaayyoonsaa maallaqa argachuuf qofa miti. Aadaa fi duudhaa Oromoos addunyaatti beeksisuudha,'' jette Sooyyomeen.
Eeboo fi gaachana, horooroo fi siinqee, caaccuu, qorii, suuraa goototaa fi meeshaalee aadaa heduun faayamee- godambaa fakkaateera.
''Nyaata aadaa kanneen akka ancootee, cuumboo, qorii, cuukkoo, marqaa meeshaalee aadaatiin dhiheessina.''
Sooyyomeen meeshaalee aadaa mana nyaataa keessa guutan kunneen kutaalee Oromiyaa hundarraa walitti qabuu himte.
''Hedduusaanii maallaqa guddaa kaffaleen kaargoodhaan feesisee fida. Muraasa ammoo namootuma daawwannaaf gara dhufantu naaf fidu.''
Manni nyaataa Kiilolee erga hundaa'ee umriinsaa gabaabaa ta'us garuu maamiloota hedduu horateera.
Namoonni cidhaaf, eebba kitaabaaf, darbee darbee walga'ii xixiqqaaf mana nyaataa kana filatu.
Sooyyomeen gara fuulduraattis aadaa fi duudhaa sabichaa beeksisuurratti daran xiyyeeffachuun akka hojjettu ibsite.
''Meeshaaleen aadaa Oromoo kan hin dhufne hedduutu jiru. Isaan nan fida. Hundinuu addunyaarratti akka beekaman nan hojjedha.''
Sooyyomeef namoonni hedduun yaada ni kennuuf.
''Yaada baayyee na jajjabeessu kan naaf kennan hedduudha. Faallaa kanaa waan hamilee nama buusus jira. An garuu kana lamaaniinuu hin oofamu. An kaayyoo koorratti cichee galma koo ga'uu qofa xiyyeeffannaan koo.''
Ijoollee Oromoof mana aara galfiidha
Sooyyomeen mana nyaataa Kiilolee banuun namoota 16 ta'aniif carraa hojii uumteetti.
Namoota 12f eeyyama jireenyaa (Viza) mijeessitee fidde, namoota afur ammoo achuma UAE keessaa qacarte.
Lammiileen Itoophiyaa hedduun UAE keessatti mana namaatti qacaramanii hojjetan wayita rakkoon isaan mudatee bakkeetti ba'an bakka dhaqan dhabanii rakkattu.
Kiiloleen banamuusaan garuu aara galfataniiru.
''Kiiloleen keessattuu ijoollee Oromoof iddoo aara galfiidha. Gaafa gaddaa fi gammachuu, yeroo rakkinaa fi sagantaa adda addaa qaban asitti walga'u. Dhimmi hawaasummaa tokko yoo mudatu gara kanatti fiigu. Manni kun kansaaniiti,'' jette Sooyyomeen.
''Yoo mirgisaanii sarbamee dhufan kara seeraattin qajeelcha, yoo beela'anii dhufan beelan baasa, hojii dhabanii yoo rakkatan hamma humna kootti hojii nan kennaaf. Baka biraatti akka qacaramanis haala nan mijeessaaf.''
Kanneen rakkoo hawaasummaa kanneen akka dhukkuba, garaatti baachuu fi darbees ammoo da'anii kan dhufan hawaasa biyya kana jiran qindeessuun akka gargaaraman ni taasifna jette Sooyyomeen.
''Namoonni hojjetanii akka isaaniif darbuuf dhufu. Al tokko tokko garuu faallaa jalaa ta'ee rakkoo keessa seenu. Hamma waan nyaatanillee dhabuutti ga'u. Mana tokko keessa walitti heddummaatanii hagabuusaanii taa'u. Isaan kunneeniif mana kiraa kaffaluu fi nyaata kennuutiin gargaarra. Kun dirqama keenya waan ta'eef.''
Namoonni meeshaalee aadaa kunneen arguuf carraa hin arganne mana nyaataa kana deemanii ittiin bohaaru.
''Ijoolleen keenya biyyuma kana keessa jiraatan kanneen meeshaalee fi nyaata aadaa kunneen erga arganii turan jiru. Dhufanii asitti argatu jechuudha. Ijoolleensaaniillee carraa ittiin meeshaalee aadaasaanii baran aragataniiru,'' jette Sooyyomeen.
Namoonni biyyoota addunyaa garaagaraa irra jiran kanneen biyyasaaniirraa fagaatanii turan fi biyya galuu hin dandeenyellee addanatti dhufanii waan aadaa kana wayita argan baayyee gammadu.
''Foolii aadaa qaba, foolii biyyaa qaba. Kiilolee hamma dhufnutti jarjarre naan jedhu. Qoriitti wayita marqaa dhiheessinuuf baayyee gammadu, miira biyyaa keessa galu,'' jetti.
Sooyyomeen akka jettutti namoonni kaanillee mana nyaataa aadaa kana wayita dhufan meeshaalee aadaa argan baayyee ajaayibsiifatu.
Bu'aa bayii keessa dabarte

Sooyyomeen mana nyaataa Kiilolee banuuf bu'aa bayii hedduu keessa darbuu himte. Keessattuu manni nyaataa kun kan aadaa ta'uun qormaata akka itti heddummeesse dubbatti.
''Meeshaalee aadaas ta'e nyaata aadaa qopheessuuf wantoota barbaachisan biyyarraa fiduun bu'aa bayii guddaa qaba. Waan hunda xiyyaaraan feesifnee waan fidnuuf kaffaltiinsaa guddaadha,'' jette.
Seera mana nyaataa biyya UAE baruun mataansaa qormaata guddaadha kan jettu Sooyyomeen, erga mana nyaataa kana bananii boodas hojjettoota biyyaa fidachuurratti rakkoon akka ishee mudate himte.
''Waan hundaan itti dadhabee ergan mana nyaataa kana banee booda sababa hanqina hojjettootaa ji'oota torbaaf osoo hojii itti hin eegalin lafaa duwwaatti mana kiraa kaffale,'' jette.
Hojjettoota 12f viizaa mijeessitee erga waan hundaa xumurtee buufata xiyyaaraatti akka jalaa dhowwan himti, kun akkaan hamileeshee kan tuqe ta'uus ibsite.
''An as taa'ee nama carraa hojii lammiilee keenyaaf uume mootummaan hojjettoota naaf dabarsuu dide. Silaa anis nama asitti biizinasii qabu ta'ee eeyyama baasee lammiilee keenya wayitan waamu mootummaan tumsuu qaba ture.''
Sooyyomeen akka jettutti rakkoon kun ammallee namoota mana nyaataa fi biizinasii adda addaa qaban mudataa jira.
''Ammallee hojjettoota barbaanna. Garuu buufata xiyyaaraatti nu jalaa deebisu. Wayita gaafannu warra achi jiran qacaraa nuun jedhu. Nuti ammoo ijoollee muuxannoo hojii qaban biyyaa fidachuu barbaanna.''
Mana nyaataa Kiilolee dabalataa manneen nyaataa Itoophiyaa UAE keessa jiran akkasumas namoonni biizinasii garaagaraa biyyattii keessaa qaban haala viizaa mijeessuun karaa seera qabeessa ta'een hojjettoota biyyaa ni fidatu.
Namoota gara UAE deemanii jiraatan maal gorsiti?
Sooyyomeen hojii hojjettu hunda keessatti maatiinshee, keessattuu abbaan manaashee Abdiin, utubaa akka ta'eef BBCtti himte.
Biyya guddina diinagdeen addunyaarratti sadarkaa qabdu UAE keessatti qormaata jireenyaa jiru dandamatanii, humna waliif ta'anii irra aanuun jireenyasaanii qajeelfataniiru.
Amma ijoollee shan horaniiru, lama mana barumsaa galaniiru.
UAE keessatti dhimma qormaata namatti ta'u keessaa tokko ijoollee guddisuu fi barsiisuudha kan jettu Sooyyomeen, isheen garuu haala jiruu fi jireenya biyyichaa qajeellootti waan hubatteef ijoolleeshee haala gaariin guddisaa jiraachuu himte.
Namoonni hojii hojjechuuf gara UAE imalan of qofa dhaggeeffachuu osoo hin taane, odeeffannoo guutuu namoota beekan irraa gaafachuu akka qaban gorsiti.
''Biyya kanatti odeeffannoo qabaachuun murteessaadha. Kanaaf ammoo namoota gaafachuun dirqama. An odeeffannoo baayyeen nama gaafadha. Nama lama, sadin gaafadha. Kanarraas bu'aa argadheera,'' jetti Sooyyomeen.
''Kanaafuu osoo as hin dhufinis ta'e erga dhuftanii booda odeeffannoo gaafadhaa! Yoo biizinasii eegaluu barbaaddanis callistanii horii keessan dhangalaasuun dura waan isin baasu sirriitti qoradhaa!''
Akkuma Sooyyomeen eerte lammiileen Itoophiyaa UAE dabalatee biyyoota arabaa garaagaraa deemanii maallaqa walitti qabatan karaa adda addaan maallaqasaanii balleessu.
Maallaqa waggaa hedduuf hojjetanii walitti qabatan maqaa hiriyummaan yookiin jaalallee jechuun biyyatti erganii boodarra harkaa duwwaatti kan hafan akka jiranis BBCn kanaan dura lammiilee Itoophiyaa biyyoota arabaa garaagaraatti mana namaatti qacaramanii hojjetan irraa odeeffateera.
''Namoonni hedduun osoo nama hin gaafatin, osoo seera biyya kanaa hin hubatin dhufanii maallaqasaanii asitti dhangalaasu. Kanneen asitti waggaa baayyee hojjetanii maallaqa walitti qabatan yeroo muraasa keessatti bittinneessanis jiru,'' jetti Sooyyomeen.
''Biyya kanatti seera eeganii hojjennaan milkaa'uun ni danda'ama. Kanaafuu namoonni keenya yoo dhufanii akka carraa odeeffannoo barbaadanillee anillee gargaaruuf qophiidha.''













