Atileetiin Kamaashiirraa biqilte 'biyyan boonsa jedhee yaadee hin beeku' jette

Atileet Tsiggee Dhugumaa

Madda suuraa, World Athletics

Olompikii Paaris 2024 irratti atileet Tsiggee Dhugumaa fageenya meetira 800tiin Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomti.

Xumurii dorgommii kanaa har'a kan gaggeeffamu yoo tahu, fiigicha gulaallii xumura maayii irratti tokkoffaa bahuun xumurte.

Atileetiin Itoophiyaa biraa Warqinash Massalaas fageenya meetira 800 kanaan Itoophiyaa bakka'uun dorgomti.

Tsiggee Dhugumaa kana dura eessaa kaatee gara atileetiksiitti akka dhufte BBCtti himteetti.

Dhalattee kan guddatte Naannoo Beenishaangul Gumuz Godana Kamashii aanaa Dambee keessatti.

Abbaa malee kunuunsa haadhashee qonnaan bultuu addaa duree taate jalatti barnootaaf xiyyeeffannoo akka kennitu taatee guddatte.

Ijoollummaatti yeroo mana barnootaa turte wayitii ispoortii qofatti fiigdi malee takkaa hireen jirenyaa atileetii maqaa biyyaa dhoofsistu akka ishee godhu yaaddee hin beektu.

Itoophiyaa biyya ''galanaa atileetotaa'' jedhamtu keessatti atileetotni gara injifannoofi beekamtii yoo dhufan suuta mula'tu. Isheen garuu tasa dhukaatee baate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileet Tsiggee Dhugumaa.

Atileet Tsiggeen Shaampiyoonaa Atileetiksii mana keessaa Gilaasgootti yeroo darbe gaggeefamaa ture irratti wayita gareen Itoophiya dorgommii injifachuuf abdateen injifatamee, ''Warqee malee galuu keenyaa?'' jechaa jirutti, meedaaliyaa warqeen iftee mul'atte.

Tsiggeen garee Itoophiyaa gara Gilaasgoo imale keessatti kan makamte fageenya hedduu irra hin turre 800m ture.

Leenjisaasheetu ''ittin abdadha, giddii hin qabaatiinaa. Mucaa kana mee fuunee haa deemnu'' jedhe garee sanatti akka makamtu qondaaltota Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa amansiise.

Atileetiin dorgommii kana dura fiigicha 800m meedaaliyaa argattee hin beekne warra shakkaa ishee erge boonsitee biyyaaf abdii ta'uu agarsiifteetti.

Gaaffiifi deebii BBC waliin gooteen ''dippiloomalle ta'u nan argamsiisa jedheen yaade malee tokkooffaa nan bahe jedhee hin yaadne'' jette.

Sarara xumuraa irratti atileetiin ishee dura fiigee gale akka hin jirre yeroo barte ''amanuun dadhabe'' jette.

'Mana bornootaatti miila duwwaa fiigna...keessi koo fiigi fiigi na jedha ture'

Ganda baadiyyaa aanaa Dambee keessatti ''abbaa maleen guddadhe, qormaata hedduu keessa harmee koo qottee bultuu taateen guddifame'' jetti Tsiggeen guddisashe yoo yaadattu.

''Haadha kootu na guddise. Waan ittiin nu giddistu ni rakkatti ture. Qottee bultuu adda dureedha. Rakkoo hedduu keessa baatee barnootatti akka jabaannutti nu guddiste.''

Barnoota sadarkaa tokkoffaas sadarkaa lammaffaas achuma godina Kamaashii keessatti baratte.

'Fiigicha kaniin eegale wayiti Ispoortiitti dorgommii fiigichaarrattidha'' kan jetti Atileet Tsiggeen, Mana barnootaasheerraa filatamtee aanaa, achiis godina achiis naannoo bakka buutee dorgomuu eegaluu himti.

''Mana burnootaatti miila duwwaa fiigna. Keessi koo garuu fiigi fiigi na jedha ture'' jetti.

Dorgommiiwwan aanaarraa ka'ee hanga naannoo Beenishaangul gahutti injifachaa kan deemte Tsiggeen, ALI bara 2006 naannooshee bakka buutee dorgommii guutuu biyyaatti hirmaatte.

Achitti ija leenjistoota piroojektootaa galte. Boodas Gidduugala Leenjii Xurunash Dibaabaa galte.

Tsiggeen Dambeerraa kaatee hanga waggaa tokko duraatti fageenya gabaabaa 100 fi200m fiigdi ture.

Gidduugala leenjii atileetiksii Xurunash Dibaabaa keessas gafeenya gabaabaa irratti leenji'aa turte.

ALI bara 2008 fiigicha 200m Garee Biyyaalessaa Guddattootaaf filatamte. Bara 2009ttis shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaarratti hirmaattee injifatte. Baruma kana dorgammii guddattootaa Aljeeriyaatti qophaaye irratti 200m meedaaliyaa Meetii injifatteetti.

Shaampiyoonaan atileetiksii guddattoota Afrikaa Aljeeriyaatti qophaaye dorgommii guddaa atileet Tsiggeen biyya bakka buutee yeroo duraaf hirmaattedha.

Bara 2009tti turtiishee akkaadaamii leenjii Xurunash Dibaabaa akkuma xumurteen Kilaba atileetiksii Baankii Daldalaa Itoophiyaatti makamte.

Maaliif fiigicha fageenya gabaabaa filatte?

Atileet Tsiggee Dhugumaa

Madda suuraa, Ethiopian Athletics Federation

Itoophiyaan addunyaarratti kan beekamtu fiigicha dheeraani. Atileetotni Itoophiyaa dhaloota dhufaa darbaaf fakkeenya ta'anis warra fageenya maaraatoonii hanga 5000m fiiganiidha.

Atileet Tsiggeen garuu jalqabumarraa saffisa waan qabduuf fiigicha gabaabaa 100m fi 200m fiiguu akka eegalte himti.

Booda keessa ammoo fedhiinshee gara fageenya giduugaleessaa akka ta'e dubbatte.

''Kilaba ergan galee fiildiikoo gara fageenya 400m jijjiireen dafeen baroota sadii walitti aanan biyya keessatti shaampiyoonaa ta'een ture.''

''Bara darbemmoo humnawoo nan qaba maaliifin 800m hin yaalu jedhe. keessikoo fageenya giddugaleessaa barbaadaa ture.''

''Leenjisaan Baankii Daldalaa Getaahuun, Tsigge ati humna qabdaa. Gara 800m yoo dhufte milkaahuu dandeessa naan jedhe. Kilabni akkan fiildii jijjiiru fedhii dhabus booda naaf milkaahe.''

Waggaa tokko dura leenjisaa dhuunfaa Alamuu Waaqjiraa jalatti leenji'uu eegalte.

Kilabnishee fiildii jijiiruushee mormee guyyaa tokkotti yeroo isheen osoo boosuu dirqaman dorgommii fageenya 400m fi 800m itti dorgomte ture jedha leenjisaa Alamuun.

Tsiggeen fiigicha 800m irratti hojjechuu kan eegalte waggaa darbeedha. Yeroo waggaa lama hin guutne keessatti milkii kana argatte.

Leenjisaanshee Alamuu Waaqjiraa waggaa darbe atileet Tsiggee yeroo baru miidhamarra turte.

Haala ishee laaleen miidhamarraa akka fayyitu gargaare. Fageenya kanarratti akka milkooftu waanan hubadheef jabeessinee shaakalaa turre'' jechuun BBCtti himeera.

'Gilaasgootti kaniin imale leenjisaan koo gaafatamummaa waan fudhateefi'

Atileet Tsiggeen shampiyoonaa mana keessaa Gilaasgoorratti 800m hirmaachuuf filatamuu dura fageenyichaan dorgommii idila addunyaa irratti hirmaatte hin qabdu ture.

Minimaa guutuun filatamtus, aanga'oonni federeeshinichaa dorgommii biyya bakka bu'uun godhamu waan ta'eef atileetii muuxannoo qabuufi qabxii gaarii fiduu danda'u waan barbaadaniif Tsiggeerraa shakkii qabu turan.

''Kaniin gara Gilaasgoo deemuu danda'e leenjisaan koo ittin amana. Qabxii isheen galmissitu ilaalchisees gaafatamummaa isaa nan fudhadha waan jedhaafi'' jetti Tsiggeen.

''Hamma yeroo dhumaatti waaniin deemu hin turre. Dorgommii adaraa biyyaa qabu waan ta'eef ijoolleen akkasumaan deemuu hin qaban. Dhugaa dubbachuuf animmoo 800m ganaadha. Nama muuxannoo qabutu barabaadame ture.''

Anarraa amantaa guutuu hin qaban ture dhugaa dubbachuuf. Leenjisaankoommoo mucaan jabduudha, ofitti amanamummaa qabdi. Haa deemtu ani 'gaafatamummaasaa nan fudhadha' waan jedheef na fuudhanii deeman.''

'Injifachuu koo hin amanne'

Waggaa tokko darbe keessa leenjii jabaa fudhachaa waan baateef gahumsii isheefi ofitti amanamummaan ishee dabaluu kan himtu Tsiggeen, wayita gara Gilaasgoo deemtu fiigicha gulaallii qabu kanaan dorgommii xumuraaf geessee dippiloomaallee ta'u argachuuf yaaddee akka deemte himte.

''Dhiphachuu hin jaaladhu. Hamman hojjedhe ammoo rabbi na kiisa jedheen amane.''

Meedaaliyaa argadhuu baadhus, xumuraaf darbee dorgomtuu gaarii ta'een deebi'a jedheen deeme. Fedha waaqayyoo ta'eemmoo warqee fideen deebi'e.''

Wayita tokkooffaan xumuruu bartu miira itti dhagaahame yoo ibsitu, ''hin amanneen ture'' jetti Tsiggeen.

''Figichicha yeroon dursaa deemu hammana durseewoo namni biraan hin fudhatu jechaan ture, humnas nan qaba ture. Booda ariitii dabaleen gale. Baayyeen gammade hin amanne. Alaabaa biyya koo yoon ol qabu miira gaariitu natti dhagaahame.''

Ijoollummaattis ta'e wayita piroojektii keessa jirtu takkaahuu sababa isheetti alaabaan biyyaa ol kaafamee akka mirmiru ''yaadee hiin beeku ture'' jetti.

Ammoo fageenya gabaabaa irratt yeroo dheeraa turte keessa abdii kutannaan akka ture ibsiteetti.

''Ta'uus gahumsa koof gahee waan baheef turtii koo sanatti hin gaabbu'' jetti.

Hegereen Tsiggee gara kami?

Atileet Tsiggeen ''ammaa booda yeroon koo abdiin kan guutedha'' jetti.

Fuula duratti fageenya kana(800m) fi fageentya giddugaleessaa 1500m irratti jabaattee hojjechuuf karoora qabdi.

Leenjisaanshee Alamuunis gara sanatti yoo of guddifte milkii kanaa olii argatti jedhee amana.

''Fakkeenyi koo Komaadar Daraartuu Tulluudha'' kan jettu Tsiggeen, ''isheen anaaf akka harmeedha. Baayyee na jajjabeessiti jette.

Ammoo fageenya meetira 800m fi 1500m to'achuuf abdii fi hamilee guddaan qaba jetti.

''Fageenya 800m hanqina qabu sirreesseen Olompiika Paarisi dhufaa jiru irratti biyya koo gammachiisuun hawwii kooti'' jechuun hawwiishee fuulduraa ibsite.