Gaaffii loogii sabummaa federeeshinicha irratti ka'eef Daraartuu Tulluu deebii kennite

Madda suuraa, Ethiopian Athletics Federation
Gareen Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa addunyaaf gara Haangarii Budaapeest imale komii dorgommii irratti hirmaachuu dhorkamuu atileetiin tokko dhiyeesse, loogii sabummaafi qabxii shaampiyoonaa kanarratti argame irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Shaampiyoonaan atileetiksii addunyaa Budaapest erga eegalee guyyaa jahaffaa isaarratti gareen Itoophiyaa ibsa kenne.
Ibsi garee Itoophiyaa kunis atileet Xilahuun Haayilee loogiin dorgommiirratti akka hin hirmaanne godhamuu miidiyaa hawaasaatti bahee komachuu isaa hordofee dhufe.
Gareen Itoophiyaa ibsa isaa kan eegale dorgommii guyyaa jahaffaa isaa qabateen Itoophiyaan meedaaliyaawwan jaha sassaabbachuu fi qabxiin eegamee hin milkoofne jiraachuu himuun ture.
Ibsichi gara caalu komii atileet Xilaahuun fi gaaffii loogii sabummaa fi dhiibbaa sabummaa irratti hundaa'ee godhamu jedhamee gaazexessitootaan dhiyaate irratti kan xiyyeefate ture.
Ibsa kana irratti hooggantuun federeeshinichaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu, dursaa garee shaampiyoonaa kanaa Gazzaaheeny Abarraa, leenjistootniifi gareen teeknikaa argamaniiru.
Daraartuu Tulluu atileet Xilahuun filannoon atileetotaa Itoophiyaatti wayita gaggeefamu eeggataa ta'ee akka dhufeefi ammas dorgommiirratti kan hin hirmaannee murteen darbe seeraa ala mitii jette.
''Haata'u malee miira isaa miidhuu keenyaaf dhiifaman gaafadha, garuu dhiifama kan gaafannu murtichi sirrii waan hin taaneef osoo hin taane miirri isa waan murtee kanaan miidhameefidha,'' jette.
Komiin Atileet Xilaahuun maali ?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atileet Xilaahuun Haayilee filmaata atileetotaa meetira 5000'n hirmaatan keessatti inni sadaffaa bahee osoo jiruu atileet Barrihuu Aragaawwii akka dorgomu godhamee jedha.
''Uummanni akka naa beekun barbaada'' jechuun achuma Budaapeest irraa fuula feesbuukii isaa gubbaatti viidiyoodhaan kallattii kan dubbate atileetiin kun, gahuumsa fooyya'aa osoon qabuu dabaan dorgommiirratti akkan hin hirmaanne godhamee jedhe.
''Hooggansiifi leenjistooni Federeshinicha keessa jiran atileetota duraanii waan ta'aniif rakkoon amma dura ture ni furama jennee osoo abdannuu ittuu hammaate'' jechuun komate atileet Xilaahuun.
Atileetiin kun Minimaa guutee garee Itoophiyaa waliin gara Budaapest imalee achitti qophii gochaa erga turee booda tasa dorgommii gulaalliirratti akka hin dorgomne itti himamuu, dhimma kanarrattis Pireezidanti Federeeshinichaa Daraartuu dubbisuuf barbaadee akka hin arganne komate.
Bakka inni dorgomuu malutti atileetiin fageenya meetira 10000 irratti hirmaatee arfaffaa bahe Barrihuu Aregaawwii deebi'ee akka dorgomu godhamuu komate.
Barrihuun deebi'ee 5000 irratti akka fiigu murtaa'uun sirriidha yoo jedhamellee ana osoo hin taane atileetii meetira 5000 irratti hirmaatu Hagos Gabra hiwoot hir'suu qaban turee jechuun komate.

Madda suuraa, Telahun haile bekelE(FACEBOOK)
'Eenyutu bu'aa fida jenne Barrihuun akka deebi'ee fiigu murteessine'
Pireezidantii Itti aanaa Federeeshinii Atiletiksii Itoophiyaa fi dursaa garee shaampiyoonaa kanaaf gara Budaapest imalee kan ta'e Gazzaaheny Abarraa, komii Atileet Xilahuun ilaalchisee yaada kenneen biyyaa yeroo dhufaniyyuu atileet Xilaahuun eeggataa akka ta'u murta'ee akka ture dubbate.
''5000'n eenyutu biyyaaf bu'aa buusuu danda'a? Eenyutu atileetota keenya biroo waliin hojii garee hojjetee qabxii fida jennee mari'annee Barrihuu deebi'ee yoo fiige bu'aan gaariin dhufuu danda'a murtee jedhu dabarsine. Eeggataa goonee murteessinees kan fidne haaluma kanaani.''
Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu ''murtee kana yeroo murteessinu biyya gidduugala godhannee, bu'aa gidduugala godhannee, sa'aatii galmeessaniifi gahumsa isaanii gidduugala godhanneeti,'' jette.
Yeroon calallii atileetotaa erga raawwatee booda dorgommii godhame bu'uura godhachuun atileet Barrihuun garee kanatti makame komii jedhuuf deebii yoo kennitu hojimaanni kun meetira 5000 irratti adda mitii jechuun atileetota hedduu erga yeroon sun raawwatee filataman tarreessiteetti.
Itti dabaluunis, atileet Barrihuun kan dorgommii kanatti waamame gahumsaa fi sa'aatii gaarii qabuun akka ta'e himte.
''Haata'u malee murtee kanaan miirri isaa miidhuutti dhiifaman gaafadha, garuu dhiifama kan gaafannu murtichi sirrii waan hin taaneef osoo hin taane miirri isa waan murtee kanaan miidhameefidha,'' jette.
'Sabummaa asi hin fidiinaa maaloo'
Gaaxessitoota ibsa kana irratti hirmaachuuf achitti argaman keessaa tokko atileetotti dhiyeenya qaburraa Xilahuun bahee haa dubbatu malee atileetonni biroon lammummaa jijiiruuf haala isaan yaachisuun loogiin sabummaa bu'uureffatee fi dhiibbaan filannoo atileetota biyya bakka bu'aniirra jiraachuu ragaa akka qabu himee gaafateera.
Daraartuu Tulluu komii kanaaf deebii yoo kennitu ''hadaraa keessan maaloo dhimma sabummaa as hin fidiinaa. Iddoo biraatti kaasaa kun ispoortiidha'' jette.
Itti dabaluunis, ''dhuguma osoo rakkoon sabummaa nu bira jiraatee atileetiksiin keenya haala amma jirurra gaha turee?'' jechuun gaaffate.
Atileetota bira of jaalachuufi fedha hirmachuutu jira malee haala qamuu caala tokkummaa akka jiru kaafte.
Rakkon gosummaa fi sabaan qoodanii dhiibbaa gochuus akka hin jirre dubbatte.
Atileetonni leenjisaa tokko jalatti leenji'uu caala leenjisaa dhuunfaan leenji'uu filachuun isaanii rakkoo mataa isaa qabaachaa jiraatus leenjistootni maallaqa kaffalanii firoomaan ykn walitti dhiyeechaan atileetota ofii hirmaachisu komii jedhuus kufa gootetti.
Atileetonni gahumsa yeroo, sa'atii dorgommii irratti galmeessaniifi bu'aa biyyaaf buusan irratti hundaa'uun qofa filatamuu jette.












