Itoophiyaa fi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Sanbata eegaluu: Qabxiilee ijoo

Madda suuraa, World Athletics
Federeeshiniin Atleetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19'ffaa Budaapestitti gaggeefamuuf dorgommiiwwan 11'n hirmaachuuf qophii xumuree, atileetotaaf gaggeessaa taasiseera.
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa ji'a waxabajjiiirraa qabee atileetota biyyattii bakka bu'an filatee leenjii addaa fi hordoffii gochaafii ture Dilbata darbe gaggeesseera.
Sirna gaggeessaa atileetotaa kana irratti Ministirri Ispoortiifi Aadaa obbo Qajeela Mardaasaa, Pireezidantiin Koree Olompiikii Itoophiyaa Dooktar Ashabbir WaldaGoorgiis, Pireezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa komaandar Daraartuu Tulluu fi kaanis argamuu isaanii Federeeshinichi beeksiseera.
Dursaa garee Itoophiyaa ta'uun gara Budaapeest imaluuf kan jiru Pireezidantii Itti aanaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Atileet Gazzaahenyi Abarraa Sirna gaggeessaa Haayilee Giraand Hoteelitti qophaaye irratti ''Rabbi waliin qabxiin gaariin akka dhufun abdadha'' jedhe.
Gosa dorgommii 11, Atileetota 35
Shaampiyoonaa Atiletiksii addunyaa 19ffaa irratti Dursaa garee teeknikaa garee Itoophiyaa kan ta'a obbo Aseffaa Baqqalaa ''Itoophiyaan dorgommiiwwan 11'n ni hirmaatti'' jedhan.
''Isaanis meetira 800 dubartootaan, meetira 1500 dhiiraafi dubaraan, gufachiisa meetira 3,000 dhiiraafi dubaraan, meetira 5000 dhiiraafi dubaraan, meetira 10000 dhiiraafi dubaraan fi maaraatoonii dhiiraafi dubaraani'' jedhan.
Itoophiyaan dorgommiiwwan kanaaf walumaagalaan atileetota 35'niin bakka buufamtee hirmaatti jedhan obbo Aseffaa Baqqalaa.
''Itoophiyaan dubartoota 19 fi dhiirota 16 walumaagalatti Atileetota 35 hirmaatti.''
Injifattootni Shaampiyoonaa bara darbee kallattiin hirmaatu
Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaatti Shaampiyoonaa darbe irratti Atileetotni warqee injifatan haalduree malee Shaampiyoonaa ammaa irratti akka hirmaatan waan ajajuuf haala kanaan Itoophiyaan dabalataan Atileetota afur hirmaachifti.
Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa 18'ffaa Origanitti godhameen Itoophiyaaf warqee afur atileetotni argamsiisan amma kallattiin hirmaatu.
''Meetira 10000'n Latesenbet Giday, Meetira 5000 Gudeef Tsgaayee, Maaraatooniin Gooyititoom Gabrasillaaseefi kan dhiirotaan Tasfaayee Tolaa kallattiin hirmatu'' jedhan obbo Asaffaan.
Gosoota dorgommii afur Itoophiyaan bara darbe itti injifatte irratti hiree atileetota afur afur hirmaachisuu akka argatteefi kuni fayidaa akka qabuuf dubbatan.
Qophii Atileetotaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, garee atileetotaa Itoopiyaa bakka bu'uun Shaampiyoonaa 19ffaa Hangarii, Budaapeestitti hirmaatan filatee Hoteelatti galchee qopheessuu kan eegale ALI Waxabajjii 23, 2015 irra eegaleeti.
''Leenjistootni gosoota dorgommii haala qabatamaa bakka dorgommichi itti gaggeeffamuufi cimina dorgomtoota biroo ilaalcha keessa galchuun guyyaatti yeroo lama leenjii kennaa, qophii olaanaa gochuurratti argamu'' jedhan obbo Asaffaan.
Amajjii darbe irraa eegalee atileetotni qorannoo qoricha jajjabeessituu irraa bilisa ta'uu isaanii akeeku kennuun qophiin eegalamuu kan himan ammoo bakka bu'aa waajira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan ta'an obbo Yohaannis Ingidaadha.
''Amma kan argamnu boqonnaa qophii isa xumuraarraafi qophii imalaarradha. Ragaalee imalaa, viizaa, kallattii imalaafi kaanis xumurreerra'' jedhan obbo Yohaannis.
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa yeroo dorgommii isaarratti hundaa'uun Roobii har'aa eegalee gara Budaapeest imaluu akka jalqabus himan.
'Siifan Hasaantu morkattuu keenya ta'a'
Shaampiyoonaa bara darbe Origanitti qophaaye irratti fageenya meetira 5,000'niin Itophiyaaf warqee kan injifatte Atileet Gudaf Tsagaayee shaampiyoonaa alanaa irratti fageenya meetira 5000fi 10000'n ni hirmaatti.
Shaampiyoonaa kana irratti qabxii gaarii fiduuf leenjii jabaa gochaa akka jiran kan himtu atileetiin kun, ''haalli qilleensaa Budaapest amma jiru ho'adha. nuti ammoo asitti ganna keessa jirra. haala jiru wal-simsiisuun shaakalaa jirra'' jette.
''Dorgommiiwwan adda addaarratti atileetotni yeroo gaarii galmeessan ni beekamu'' kan jettu Atileet Gudeef, Atileetotni Itoophiyaa, Keeniyaa ni eegamuu jette.
Itti dabaluun ''Siifan Hasantu morkattuu keenya ta'a jedheen yaada'' jette.

Madda suuraa, Ethiopian Athletics Federation
Lammeechaa Girmaa
Itoophiyan akkuma yeroo kaanii fageenya dheeraafi gidduugaleessaan meedaaliyaaf kan abadatamtu yeroo ta'u shaampiyoonaa bara darbee irratti atileetotni meedaaliyaa warqee argamsiisanis ni eegamu.
Itoophiyaan bara darbe warra Warqee argamsiisaniif, Meetira 10000'n Latesenbet Giday, Meetira 5000 Gudeef Tsgaayee, Maaraatooniin Gooyititoom Gabrasillaaseefi kan dhiirotaan Tasfaayee Tolaa irraa baranas abdii qabdi.
Addatti ammoo fiigicha gufachiisaa meetira 3000'n dhiyoo riikardii addunyaa kan harka galfate atileet Lammeechaa Girmaa meedaaliyaa warqee biyya isaaf akka fidu tilmaama guddaa argate.
Lammeechaa Girmaa Waxabajjii darbe fiigicha gufachiisaa meetira 3,000 Faransaay Paarisiitti gaggeeffameen riikardii addunyaa haaraa galmeessuun dorgommicha injifate.
Lammeechaan kanaan dura Olompikii Tookiyoo irratti fiigicha gufachiisaa meetira 3,000’n lammaffaa tahuun xumure.
Haata’u malee, dorgommii fiigicha gufachiisaa bara 2022tti Cheek Rippablik magaalaa Ostraavaatti gaggeeffameen, dorgommiicha 7:58.68 taheen xumuruun tokkoffaa bahuun rikardii biyyaalessaa haaraa galmeessuun isaa ni yaadatama.
Dorgommiin Itoophiyaan itti hirmaattu Sanbata eegala
Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Sanbata dhuftu, Hagayya 19-27, 2023'tti gaggeefama.
Biyyoota addunyaa 200 ol irraa atileetotni 2000 ol ta'an meedaaliyaa warqee 49, Meetii 49 fi Nahaasa 49 injifachuuf dorgomu.
Shaampiyoonaan kun bara 1983 Heelsiinkiitti tokko jedhee eegale.
Itoophiyaan dorgommii ishee Budaapeest kan eegaltu gulaallii fiigicha gufachiisaa meetira 3000 dhiiraafi gulaallii fageenya meetira 1500 saala lamaaniini.
Guyyaadhuma jalqabaa kanattis meedaaliyaa warqee injifachuuf kan itti abdatamtu fiigichi meetira 1000 dubartootaa ni gaggefama.
Shaampiyoonaa Origan irratti fageenya kanaan warqee kan injifatte Letesenbeet Gidayii fi fageenya meetira 5000 warqee kan injifatte Gudaf Tsgaay warra Itoophiyaa bakka bu'an keessaayi.
Hirmaannaa fi injifannoo Itoophiyaa hanga ammaa
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti meedaaliyaafi Itoophiyaan akkasumas Afrikaan kan wal argan shaampiyoonaa isa jalqabaa Fiinlaand Helsiinkii irratti ture.
Dorgommii kana irratti meedaaliyaa Itoophiyaafi Afrikaaf kan jalqabaa ta'e kan argamsiise bara 1983 Atileet Kabaddaa Baalchaa maaraatooniin lamaffaa wayita bahee Meetii injifateedha.
Itoophiyan Shampiyoonaa Heelsiinkii irraa eegalee hanga ammaatti meedaaliyaawwan 95 injifatteetti. Kanneen keessaa 33 Warqee, 34 Meetii, 28'n ammoo Nahaasa.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa bara darbe Origoonitti gaggeefame irratti Itoophiyan meedaaliyaa warqee afur, Meetii afuriifi Nahaasa lama walumatti meedaaliyaa 10 argatteetti.
Kanaanis addunyaa irraa isaa US'tti aantee lammaffaa, Afrikaa irraa ammoo tokkoffaa ta'uun xumurte.
Bara kanawoo Itoophiyaan qabxii akkamii galmeessitu?












