'Abbaa rikardii ta'ee qabxiin argadhe kanatti badaa gammadaa miti-Lammeechaa Girmaa

Madda suuraa, Ethiopian Athletics Federation
Atileet Lammeechaa Girmaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapest dorgommii gufachiisa meetira 3000'n gaggeefame irratti warqee injifachuu dhabuuttii gaabbuu hime.
Atileet Lammeechaa Girmaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Budaapestitti gaggefamaa jiruun Kibxata galgala sa'aa 4:40 irraa eegalee morkii jabaa gaggeessee Itoophiyaaf meedaaliyaa meetii argamsiiseera.
Dorgommii kana atileetii biyya Moorokoo shaampiyoonaa bara darbeerratti warqee injifatee ture Suufiyaan El Bakaaliitu tokkoffaa bahee injifannoo isaa eegsisifateera.
Lammeechaan gara dorgommii kanaatti kan dhiyaate Waxabajjii darbe riikardii addunyaa dorgommichaa cabsuun ture.
Kanarraa ka'uun amma Lammeechaan shaampiyoonaa addunyaa yeroo itti ta'u, biyya isaafis dorgommii kanaan warqee yeroo itti argamsiisu jedhamee tilmaama guddaa argatee ture.
Dorgommii Kibxata galgalaan lammaffaa kan bahe Lammeechaan warqee eegee waan tureef qabxii argametti hedduu akka hin gammanne ibseera.
''Dorgommichi gaarii ture garuu akka nutii eegne hin taane'' jedhe dorgommiidhaan booda yaada EBC'f kenneen.
'Abbaa riikardii waaniin ta'eef warqee hawween ture garuu hin milkoofne'' jedhe Lammeechaan.
''Abbaa rikardii ta'ee qabxiin argadhe kanatti badaa gammadaa miti, osoon warqee argadhee baayyeen gammada ture.''
Lammeechaan fuula duratti warqee dhaba kana akka milkeessu dubbateera.
Dorgommii kanaan kan injifate atileet Suufiyaan erga bara 2021 dorgommiiwwan gurguddaa gufachiisa meetira 3000 irratti hirmaateen takkaahuu hin injifatamne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atileet Lammeechaa Girmaa dorgommii daayimand Liigii Faransaay magaalaa Paariis keessatti Waxabajjii darbe gaggeefameeni riikardii baroota 19'f qabame cabsee dorgommii kanatti dhiyaate.
Yeroon riikardii addunyaa ta'ee qabaamee ture bara 2004 lammii Kaataar Sa'iif Sayiidiin kan galmaahe 7:53.63 ture.
Lammeechaan fageenya kana 7:52.11 fiiguun fooyyesse ture.
Lammeechaan dorgommii Kibxata galgalaa Budaapest irratti hanga meetirri kuma tokko hafutti gahumsaafi, cimina gaariin adeemaa ture. Durseetus fuulduratti baheedorgommicha saffisiisuu eegale.
Bilbilli marsaa dhumaa hanga dhagaahamutti haala gaariin deemaa kan ture Lammeechaan, saffisa Suufayaan duubaa isaatii ittiin dhufu garuu haala gituun saffisa isa dhumaa dabaluu hin dandeenye.
Dorgommii xumuraa kan biraa Budaapest Kibxata galgala keessummeessiteen meetira 1500'n atileetiin Itoophiyaa Dirribee Waltajjii lammaffaa baatee meetii injifatteetti.
Atileetiin Keniyaa Feet Kipyeegoon tokkooffaa yoo baatu dhalattuun Itoophiyaa lammii Nezerlaands Siifan Hasaan sadaffaa ta'uun xumurte.
Gabatee meedaaliyaa hanga ammaa jiruun Itoophiyaan warqee tokko, meetii sadiifi nahaasa lama walumatti meedaaliyaa jahaan Ameerikaa fi Ispeenitti aantee addunyaarraa sadarkaa sadaffaarra jirti.
Lammeechaan eessaa ka'ee as gahe?
Atileet Lammeechaa Girmaa naannoo Oromiyaa Godina Arsiitti dhalate. Imalli isaa atileetummaa kan eegalu Kilaba Atileetiksii Xirunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti yeroo makamu ture.
Leenjii atileetummaas kan eegale fageenya 1500m leenji'uuf ture.
Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Barua walfakkaatu, 2019'tti Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa Doha irratti Lammeechaan yeroo duraaf Itoophiyaa bakka bu'ee hirmaate.
Fageenya kana irratti biyya bakka bu'e hirmaatee ofiifi biyyaafis medaaliyaa isa jalqabaa argamsiisuun seenaa haaraa galmeesse.
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti fageenya kanaan argattedha.
Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa 'Atileetii dargaggoo waggaa kanaa' jedhamuun badhaafame
Injifataa meetii Olompiika Tookiyoo
Atileet Lammeechaa Girmaa Dohaatti medaaliyaa erga mi'eeffate, achumaan hin banne.
Olompiika Tookiyoo bara 2021 (bara darbe gaggeefame) irrattis lammaffaa bahuun Itoophiyaan fageenya kanaan olompiika irrattis waggoota 41 booda meedaaliyaa ishee jalqabaa akka argattu gargaare.
Waggoota 41 dura atileet Ishetuu Turaa Itoophiyaaf fageenya kanaan maaldaa jalqabaa argamsiisaniiru.
Lammeechaan sana dura shaampiyoonaa mana keessaa Beelgireed irrattis hirmaatee lammaffaa bahe.
Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Origoonitti bara darbe gaggeefame irrattis Lammeechaan sadarkaa lammaffaa argachuun xumure.
Bara 2022 bara Lammeechaan dorgommiiwwan irratti hirmaatu irra aanuu jalqabe ture.
Dorgommii Ostrava Golden Spike 2022 irratti ammoo fiigicha gufachiisaa meetira 3,000'n tokkoffaa bahuun rekordii biyyoolessaa haaraa galmeesseera.












