Waa'ee Qe’ee Turiizimii Addunyaa filatamtuu 2023 - Leephis kana beektuu?

Fincaa'aa Leephis

Madda suuraa, ANCEDA

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiitti Jaarmiyaan Turiizimii Addunyaa (UNWTO) Leephisiin Qe’ee Turiizimii Addunyaa kan bara 2023 hunda caalaa jallataman keessaa tokko gochuun filateera.

UNWTO maqaa Qe’ee Turiizimii Hundarra Filataman [Best Tourism Villages] jechuun qe'ee hawwatoo ta'an addunyaarraa dorgomsiisuun filachuu bara 2021 jalqabe. Amma marsaa sadiif gaggeeffameera.

Marsaa sadaffaa kanaan gandoonni (qe’een) 260 guutummaa addunyaarraa dorgommiif galmaa’anii, qe’ee 54 filatamaniiru.

Qe’ee kunneen Kora Waggaa UNWTO Onkoloolessa keessa magaalaa Samaarkaad, Uzbeekistaanitti gaggeeffameerratti ture kan filatamanii beekamtiin kennameef.

Leephis ulaagaawwan madaallii sagal kaa’aman guutuun kan filatamtes wayituma kana ture.

Ulaagaaleen sagal kunneenis: Qabeenyawwan aadaafi uumamaa, qabeenyawwan aadaa sana beeksisuufi kunuunsuu, hawaas-dinagdeefi naannoo walitti fufinsa qabu qabaachuu, misooma turiizimiifi bu’aa ummanni irraa argatu walitti hidhuu, bulchiinsaafi baadiyyaa turizimii hawwatu, akkasuma bu’uuraalee misoomaafi neetiwoorkiiwwan barbaachisoo qabaachuudha.

Itoophiyaarraa Qe'ee Turizimii Addunyaa bara 2023 taatee kan filatamte Leephis qofaadha. Afrikaarraa ammoo bara kana qe'ee lamatu filatame. Tokko Qe'ee Leephis Oromiyaa, Itoophiyaarraa yoo taatu, kan lamaffaa ammoo Masirirraa qe'ee Dahshour jedhamtudha.

Itoophiyaan waggaa sadan darban qe'ee turiizimii addunyaa sadii tarree UNWTO turiizimii filatamoo addunyaa keessatti galmeessisifatteetti.

Isaanis, bara 2021 Shawaa Lixaatti kan argamtu Qe'ee Wancii, bara 2022 ammoo Goojjam, naannoo Amaaraatti kan argamtu Qe'ee Choqeedha.

Leephis waan maraa caalaa qabeenya uumamaa maaltu jira, akkamitti ammoo eegamaa jira, faayidaa ummataaf ammoo oolaa jiraa? kanneen jedhaniin ilaalamee bara kanas Qe'een Leephis filannoo UNWTO taateetti.

Fardeen dirree Wantasheerra garmaamuuf qophaa'an

Madda suuraa, ANCEDA

Qe’een Leephis eessatti argamti?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee irraa gara kibbaatti kiiloomeetira 140 irratti godina Arsii Lixaa, aanaalee Arsii-Nagalleefi Qoree gidduutti argamti jedhu adda-durummaan waggaa 13 dura qabeenya uumamaafi aadaa qe'een kun qabdu kunuunsuufi misoomsuu kan jalqaban Obbo Dhaqqaboo Daallee.

Obbo Dhaqqaboon hoogganaa dhaabbata kunuunsaa, eegumsaafi misooma qabeenya uumamaarratti hojjetu ANCEDA jedhamuuti.

Akka hooganaan dhaabbata kanaa jedhanitti, Qe'een Turiizimii Addunyaa-Leephis gandoota afur aanaalee godina Arsii Lixaa, Arsii-Nagalleefi Qoreerraa ta'an afur walitti qabamuun kan hundeeffamtedha. Gandoonni kunneen: Ashookaa, Aagaa, Leephisiifi Deemaa Sardoo kan aanaa Qoree irraa ta'edha.

Qe'ee Turiizimii Addunyaa kan taate Leephis magaalaa guddoo biyyaa Finfinneetti dhiyeenya qabaachuu qofa osoo hin taane, magaalota turistii akka Hawaasaafi Shaashamanneettis dhiyyeenyarratti argamti.

Dabalataanis, turistoonni Paarkii Abijaataa-Shaalaafi uumama achi keessa jiru daawwachuuf deeman Qe'ee Turiizimii Addunyaa-Leephisiin baayyee dhiyeenyatti argatu.

Haroon Langaanoofi Qe'een Turiizimii Addunyaa-Leepshisis walitti dhiyoo qofa osoo hin taane, fuullee waliiti.

Namni haroo guddaa biyyattii bishaan qulqulluu qabuufi teessumaafi uumama hawwataa qabaachuun beekamu Langaanoo daawwachuuf manaa bahe hollaa kan jirtu Leephisiin daawwachuun 'amma dhakaa tokkoon simbira lama' isa jedhan ta'a.

Kan biraan Qe'een Leephis Itoophiyaa keessaa bakkeewwan turistoonni daawwatan jedhamanii kaartaarra galan keessaa tokko taateetti.

Leephis deemnaan maal daawwatu, maal yaadatu?

Urgaa qe'ee baadiyyaa, lageen uursan, simbirroota wacan, jaldeessa buukumsu, weennii korrisu, dhala mukaa nyaataman, akkasumas bineensota bosonaa daawwachuuf warri dhara'an Qe'ee Turiizimii Addunyaa taate Leephis daawwachuun dharraa isaanii bahuu danda'u jedhu Obbo Dhaqqaboo Daalee.

Yoom kana qofa—jiruu baadiyyaa keessa darban yaadachuuf, qoraasuma qabeefi ciicoo urgeeffachuuf, gaaddisa uumamaa jala boqochuuf, ‘Anaa haa dhufuu’ jaalala haadhotii baadiyyaan qalbii wal’aannachuuf… maaltu Leephisiin qixxaata jedhu.

Walumaagalatti, yoo Qe'ee Leephis deeman yoo xiqqaate kanneen armaan gadii daawwatu ykn ittiin qalbii ofii haaromsatu jedhu Obbo Dhaqqaboon.

  • Guluffii fardaa….

Qe’ee Leephis kanatti, aadaa jaarraa hedduuf hawaasi Oromoo ittiin beekamu guluffiin fardaa gara hawata turizimiitti jijjiirameera.

Dirree guddaafi miidhagaa bosonaan marfame keessatti fardeen faayaman hawaasa naannichaatiin akka fedhii daawwattootaatti qopha'aoodha.

Dirreen guluffii fardaa kun Wantashee jedhama.

Guluffii ykn garmaammiin fardaa yeroo dhaabbataa ta'etti qophaa'ee kan namoonni dhiyoofi fagoo irratti argaman ni gaggeeffama. Kun faaruufi qophiiwwan aadaa gara garaan dabalamee sagantaan kan gaggeeffamudha.

Karaa biraa ammoo namoonni guyyaa barbaadan farda gulufiisiisuu barbaadan fedhii isaaniirratti hundaa'ee abbootii qabeenyaa faradoo tajaajila kennuurratti waldaan gurmaa'aniifi leenjii fudhataniin dhiyaatu jedhu Obbo Dhaqqaboon.

"Waldaan Faradoo qophaa'e jira waan ta’eef garmaammiin fardaa yeroo yerootti qophaa’a. Isas daawwachuun ni danda’ama.

Yeroo addunyaatti beeksifnus' Lephis Horse Riding Village' kan jedhu Fincaa’aa Leephisitti daballee dhiyeessine," jedhu Obbo Dhaqqaboo Daalee.

  • Fincaa’aa Leephis ….

Qe’een kun akka mandara hawwata turizimii baadiyyaa sadarkaa addunyaatti ittiin beekamteefi maqaayyu kan ittiin argatte Fincaa’aa Leephis kanaan akka ta'e UNWTO fuula marsariitii isaarratti ibsera.

Fincaa’aan kun bosona kunuunsiifi eegumsi taasifamu keessaa tabba irraa yeroo dhangala’u sagaleen isaa kan uumama naannoo sanaa waliin miidhagina addaa qaba.

  • Bosonaafi qabeenya bosonaa...

Bosona uumamaa nama hawwatuti jira. Bosonni uumamaa Fincaa’aa Leephis kana marsee jiru miidhagina addaa dabalaaf. Namni isa daawwachuu dandaa. Teessuma lafa isaallee baayyee nama hawwata.

Simbirroonni adda addaa baayyee mimmiidhagoo ta'anis ni jiru. Bosaa’eewwan adda addaas akkuma kana qabeenya bosonicha keessatti argamanidha.

Kanneen akka qeerransaas, gadamsaa, jaldeessa, qamalee, borofaa, harroolee kunneen hundumtuu Leephisitti argama.

  • Bocawwan dhakaa dadhabatan durii…

Qe'ee Turiizimii Addunyaa 2023 kan taate Leephis keessa dhakawwan dhadhabatan [Tikil Dingaay] bocaafi barreeffama durii ofirraa qaban jiraachuu dubbatu Obbo Dhaqqaboon.

"[Soodduu] durii bobboca adda addaa of irra qabaniifi dhedheeroon baayyeetu Tikil Dingaay jedhama jiru."

  • Qilxuu dame baayyee qabu…

Namoonni ykn turistoonni gara Qe'ee Leephis yoo deeman kan argan ykn daawwatan biraan qilxuu uumama addaa qabu tokkodha jedhu Obbo Dhaqqaboon.

"Muka hiddi isaa tokkicha ta’ee dameen isaa bakka hedduu ga’utu jira. Qilxuu Re’ee jedhama. Mukti kun karummarra jira daawwachuu danda’u."

  • Aadaa naannoo sanaa...

Deegarsa dhaabbata gargaarsaa USAIDtiin bara 2010 [waggoota 13 dura] hojiin Qe'ee Leephis kana hawaasa naannichaa waliin kunuunsuufi eegumsa taasisuun akka eegalame kan dubbatan hogganaan ANCEDA Obbo Dhaqqaboon, hawaasichi kunuunsa naannootiin alattis aadaa miidhagaa madda hawwannaa turistootaa danuu qaba.

Ministeerri Turiizimii Federaalaa Komishinii Turiizimii Oromiyaa waliin ta’uudhaan ogeessota erguun ulaagaa barbaachisu guutamuu qabu qabaachuu isaa erga qoratee adda baasee booda mandara torba Itoophiyaan dorgommii dhiyeessite keessaa Leephisitu mo’ate.

Ulaagaa hawaasni addunyaan baafate sana kan guutee argame Leephisi, isaan keessa tokko aadaa naannoo sanaa tursiisuunidha.

"Leephis uummata aadaa isaa tikfateefi qabeenya uumamaa isaa kunuufatea asiin gahedha."

Turistoota Fincaa'aa Leephis daawwatan

Madda suuraa, ANCEDA

Maaltu guutamuu qaba?

Hawaasni Qe'ee Turiizimii Addunyaa-Leephis keessa jiru kan qonnaan jiraatanidha kan jedhan Obbo Dhaqqaboon, hawaasa sana caalaatti bu'aa barbaachisu irraa argatee itti fufinsaan akka kunuusu gochuuf ammallee wantonni guutamuu qaban akka jiran kaasu.

Naannoo sana karaan aspaaltii ta’uu baatus kan achi geesu ni jiru. Kallattii lamaani kaaraan achi deemamuu danda’amu. Karaa aanaa Qoree kan gadi dhufamu jira. Nagellee Arsiirranillee deemuun ni danda’ama.

Daandiin Leephis geessan kunneen sadarkaa isaanii kan eeggatan waan hin taaneef, fooyyeessuu barbaadu.

Sulula Qinxaamaa Afrikaa Bahaa kana keessa loojiiwwan hedduu akka jiran ni beekama. Isaan keesaa dhiyeenya kan jiru Langanoo irrati loojiin hedduutu jiru. Karaa biraatiin magaalaan Shashamannee dhiyeenyarra jira. Magaalaan Arsii Nagallees jira. Magaalaa Finfinnees taanaan dhiyoo waan ta’eef namni oolmaa daawatee deebiyee galuus ni danda’a.

Haata'u malee, Qe'ee Leephis keessa bulanii guutummaatti tuullaa aadaafi qabeenya aadaa jiran sirriitti daawwachuuf bakkawwan turstoonni boqotan dabalataa ijaaramuu barbaachisa.

Warri miilaan gaara bahanii, bosona seenanii qabeenya achi bulanii uumamaa daawwachuu barbaadan jedhaniif ammoo kaampii gochuun ni jira.

Akka waliigalaatti, bu’uuraaleen misoomaa kana caalaa foyyaa’uu qaba. Sababiin isaas Qe'een kun beekamtii addunyaa waan argatteef keessummaan daawwataan baayyachuu mala.

"Karaa keenyallee, qaamni mootummaallee, hawaasniifi abbootiin qabeenyaallee waan hojjetamuu qabu akka hojjetan gaafanna," jedhu.