Komiishinii Turiizimii Oromiyaa: 'Visit Oromia' akkamiin namoota hirmaachisa, maal milkeesse?

Madda suuraa, Visit Oromia
Erga hundaa'ee waggaa tokko kan lakkoofsise Komiishiniin Turiizimii Oromiyaa hawwata Turizimii Oromiyaa beeksisuuf daawwannaa qindeessuun kutaalee Oromiyaa adda addaa daawwachiisaa jira.
Daawwannaa kanaan namoota garagaraa kutaa hawaasaa keessaa filachuuni gareedhaan kan imalchiisaa ture.
Haata'u malee gareen namootaa jila 'Visit Oromia' kana wajjiin imalan namoota muraasaa fi irra deddeebiin kan filamanidha jechuun kanneen komatan jiru.
Komiishinarri komiishinichaa Aadde Laliseen komii kanaaf yoo deebii kennan, namoota filachuuf "ulaagaa adda ta'e kan keenye hin qabnu" jedhu.
"Nuti namoonni filanne namoota miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu qaban, kanneen Oromiyaa jaalatanii fi ilaalcha gaarii qaban, waan daawwatan uummatatti kan beeksisani jennee amannedha."
Daawwannaan garee kuni kanaan booda baasii komishinichaatiin osoo hin taane baasii namoota dhuunfaatiin kan taasifamu waan ta'eef komiin gama kanaan jiru itti hin fufus jedhan.
Jila komishinichi iddoowwan hawwata Turizimii beeksisuuf bakka garagaraa daawwachiisaa ture garaagarummaa siyaasaa fi dhimmoota biroo malee yaada waan ilaalan uummatatti karaa gaariidhaan beeksisu jedhuun qofa ta'uus himan.
Gama biraatiin Komishinichi daawwannaa fi kanneen miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisu kutaalee Oromiyaa hunda bifa walfakkaatuun daawwachiisaa jiraachuu himu.
"Oromiyaa Salaalee hamma Iluu Abbaa Booraatti, Baalee hamma Harargeetti kutaan Oromiyaa nuti hin beeksisne hin jiru, Walloo yoo ta'e malee."
Haa ta'uutii sababa rakkoo naageenyaatiin hanga ammaa gara Wallaggaa qaamaan akka hin imallee, ta'us suurotaan beeksisuuf yaalii gochuu himu.


Komiishinichi waggaa tokko keessatti maal milkeesse?
Komishinichi qabeenya Turizimii uumamaa Oromiyaan qabdu irratti gara caalu kan fuullefate ta'us iddoowwan seenaa Oromiyaa keessa jiran beeksisuu hojjechaa turuus himan Aadde Laliseen.
Komishinichi carraa Turizimii Oromiyaan qabdu beeksisuu, iddoowwan hawwata turizimii misoomsuu, carraa hojii uumuu fi turizimii naannichaa ammayyeessuuf hundaa'e jedhu Aadde Laliseen.
Waggaa tokko kana keessaa ji'ootni jalqabaa shan caaseffama mana hojichaa fi dhimmoota hojii kanaaf barbaachisan guutuurratti kan darbe akka ta'eefi ji'oota hafan keessatti ammoo hojiilee turizimii naannichaa irratti daddammaqiinsa uuman hojjechuus himan.
"Kana dura ragaalee hawwata turizimii naannichaa ibsan waan qindaa'e hin argattu. Ji'oota jahan kana duula miidiyaa Hawaasummaa irratti karaa 'Visit Oromia' tin bareedina uummamaa fi qabeenya naannichaa beeksisuu jalqabne," jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Gama iddoowwan hawwata Turizimii misoomsuutiin komishinichi waliigaltee Baankota wajjin raawwachuun abbootiin qabeenyaa karaa baankiitiin liqeeffatanii naannoo isaaniitti akka hojjetaniif haala mijeessaa jiraachuus himan.
Kanaan alattis dhaabbileen barnoota olaanoo naannicha keessa jiran iddoowwan hawwata turizimii naannoo isaanii jiru irratti komishinicha wajjin akka hojjetaniif Yunvarsiitota 11 waliin waliigaltee mallatteessuus eeran.
Komishinichi waggaa shan keessatti damee turizimiitiin naannicha keessatti carraa hojii lammiilee miliyoona walakkaaf uumuuf karoorfate keessaa bara kana namoota kuma afur qofaaf uume.
Kunis haala nageenyaa naannichaa fi komishinichis hojiilee kana milkeessuuf isa gargaaran mijeefachaa waan tureef humna guutuudhaan irratti waan hin hojjenneefi jedhan Aadde Laliseen.
Hundaa olitti komishinichi hojiin dijitaalaayizeeshinii bara kana hojjete hojiilee gara fuula duraa hojjetaniif daandii gaarii kan tolchu akka ta'es himan.
"Karaa 'Visit Oromia' tin qabeenya naannoo keenyaa hedduu beeksisne. Hordoftoota hedduus horanne. Hunda caalaa garuu hojiin dijitalaayizeeshinii jajjabaa hojjenne. Weebsite mataa keenyaa, apilikeeshinoota hojii turzimii tumsan, iddoowwan hawwata Turizimii Google Map irra galchuu hedduu hojjenneerra" jedhan.
Komishinichi bara dhufu kanatti Fandii Turizimii Oromiyaa hundeessuun galii gama Kanaan argamuun qabeenya turizimii naannichaa misoomsuuf akka hojjetu BBC'tti himaniiru.
















