Oromiyaa Holqa Soofumar keessatti dargaggoonni tajaajila bidiruu kennuu eegalan

Godina Baalee Bahaa aanaa Daawwee Qaachanitti kan argamu Holqi Soofumar iddoowwan hawwata Tuuristii Oromiyaan qabdu keessaa ijoodha.
Holqi kuni Finfinnee irraa fageenya km536 irratti kan argamu yoo ta’u keessoon isaaa dheerina kiiloomeetira 15 ta’u akka qabu himama.
Holqi soofumar kuni bakka hawwata tuurizimii qofaaf oolu osoo hin taane, bakka jilli aadaa illee itti gaggeeffamudha.
Waggaatti yeroo lama sirni Muudaa bakka kanatti gaggeeffama. Lagni Weeb jadhamu ammoo si’a torba holqa kana keessa qaxxaamura.
Bishaan Holqa Soofumar keessa jiru kuni ammaan dura namoota daakan qofatu itti bashannana.
Akka dura taa’aan waldaa daawwachiistota Holqa Soofumaar Obbo Abduljabbaar Ahimad jedhutti, yeroo ammaa kana dargaggoonni waldaan gurmaa’an holqicha keessatti tajaajila bidiruu jalqabaniiru.
“Ammaan dura bidiruuwwan afur bitamanii mana kuusaa keessa waggaa 10 oliif itti cufameetuma taa’aa ture. Torbee lamaan kana asi dargaggootumti naannoo kanaa waldaadhaan gurmoofnee kan hojii jalqabsiisne,” jedha.
Bidiruuwwan kunneen Holqa Soofumar keessa hojii jalqabanis sochiin tuuristii garas dhufuu laafaa akka ta’es hima Abduljabbaar.
Tajaajilli bidiruu kuni garuu fedhii daawwattootaa kan dabalu waan ta’eef abdii guddaa akka irraa qabanis hima.
“Duraan namni bishaan kana ni daaka malee bidiruudhaan irra bashannanuun hin turre. Amma ammoo namoonni daawwannaaf dhufan kireeffatanii ittiin keessa naanna’u, suura irratti ka’u. Isaanis itti gammadu, dargaggoonis galii argatu,” jedha.
Bishaan holqicha keessaa fi haalli teessuma bakkichaa bidiruuwwan gurguddoo motoraan hojjetaniif mijataa waan hin taaneefis bidiruuwwan xixiqqoo humna namaatiin socho’aniin hojii jalqaban.
Yeroo ammaa kana hojii daawwachiisuutiin cinaatti tajaajila bidiruun bashannanuu kana dargaggoota 12’tu irratti gurmaa’ee hojii jalqabe.
Baay'inni daawwattoota gara Holqa Soofumar deemanii erga koronaavaayirasiin dhufee akka gadi bu’eefi tuuristoonni biyya alaa ji’atti si’a tokkoo fi lama caalaa dhufaa akka hin jirre dura taa’aan waldaa daawwachiistotaa kuni BBC'tti himeera.
Barattoonnii fi daawwattoonni biyya keessaa garuu yeroo hedduu akka dhaqanii daawwatanis hima.
Holqi Soofumar hambaa addunyaa ta’uuf galmee yeroo UNESCO irratti galmaa’ee jira.

Madda suuraa, Getty Images
















