Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa fiigicha qabeenya turiizimii beeksisuu kaayyefate qopheessu ibse

Madda suuraa, Komishinii Turiizimii Oromiyaa
Koomishinii Tuurizimii Oromiyaatiin kan qophaa’e 'Fiigichi Guddaan Baalee' fageenya Kiiloomeetira shan magaala Gobbaafi Roobee gidduutti gaggeeffamuuf akka jiru Komishinichi beeksise.
Komishinichatti daayirektarri gabaafi beeksisaa Obbo Ifabaas Abdulwahaab BBC’tti akka himanitti, fiigichi kun qabeenya uumamaa godinni bBaalee qabdu xiyyeefannaa tuurizimii akka argatuuf beeksisuu kan kaayyefate.
Fiigicha kanarratti namootni kuma shan tahan akka hirmaatan kan eegamu yoo ta’u, namoonni bebbeekamoonis keessumummaan affeeramanii irratti hirmaatu jedhan.
“Baale qabeenya uumamaafi hawwata tuurizimiitiin bakka ga’umsa tuuristootaa bakka ta’uu maltedha. Garuu hojiin beeksisuu akka gaariitti waan irratti hin hojjetamneef qabeenyi kun beekamee bu’aa argamsiisuu malu fiduu hin dandeenye. Kaayyoon fiigicha kanaas qabeenya kana beeksisuudha,” jedhan Obbo Ifabaas.
Bineensota bosonaa hedduu Itoophiyaa keessatti qofa argaman kan akka jeedala diimtuu dabalatee Paarkiin Biyyaalessaa Gaaggeen Baalee bakka hawata turiizimii guddaa ta'uu ratgaaleen ni mullisu.
Kana malees, qabeenya uumamaa kan akka gaara Sannaateefi bosona Harranaa Bulluq qalbii tursittota daawwatanii akka' hambifate' warri daawwatan ni dubbatu; yaadannoo imala isaanii yeroo barreessanis dhugaa bahaniiru.
Baaleen bakkeewwan seenaa daawwatamuu qaban akka Holqa Soof Umariifi Dirree Sheek Huseenillee ni qabdi. Qabeenyi kun ammoo kunuunfamuufi misoomuu cinaatti himamuun warri hin beekne baranii akka daawwatan gochuu feesisa.
Kaayyoon fiigicha Guddicha Baalee kunis kanuma ta'uu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa kun addeesseera.
Fiigicha ‘Baalee haa daawwannu’ jedhuun Dilbata dhufu adeemsifamu kanaan namoota tokkoffaa hanga sadaffaa bahaniifis badhaasni qophaa’uu himan.
Ispoortiifi tuurizimii walfaana hojiirra oolchuun dorgommiiwwan fiigichaa akkanaa qabeenya turizimii beeksisuu irratti xiyyeefatan godinaalee Oromiyaa biroottis akka qopheessan himan.
Fiigicha Guddaa Baalee kana irratti magaalota Gobbaafi Roobee keessatti beeksisoonni hawwata turizimii godinichaa calaqqisiisan hedduminaan akka beeksifamus komishinichi ibseera.
xiyyeeffannoo mootummaan damee tuurizimiif kenneen dhiyeenya kana hojii kan eegale Komishinin Tuurizimii Oromiyaa hawwataalee tuurizimii misoomsuu, beeksisuufi fandii tuurizimii Oromiyaa hundeessuun hojiileesaa ijoodha.
Keessumaa ammoo haalli dameen tuurizimii kanaan dura itti beeksifamaafi gurguramaa ture boodatti hafaa ta'uu hubachuun, saganataawwan adda addaafi ulaa jiran maraan beeksisuurratti hojjecha jiraachuun isaa beekameera.

















