Haroo Wancii: Wanci 'ganda tuuriizimii filatamtuu' addunyaa dhaabbata tuuriizimii UN taate

Haroo Wancii

Madda suuraa, Hiriya Pictures

Wanci 'ganda tuurizimii filatamtuu' addunyaa kan bara 2021 ta'uun Dhaabbata Tuurizimii UN (UNWTO)n filatamte.

UNWTO yaa'ii waggaa Ispeen magaalaa Maadiriiditti taa'aa jiruun 'gandoota tuurizimii filatamoo' 44 biyyoota addunyaa gara garaarra filatamaniif beekamtii kennee jira.

Gandoota Tuurizimii filatamanii beekamtiin kennameef keessaa tokko Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa jalatti kan argamtu ganda haroo Wanciiti.

Gandoti tuurizimii 174 kan biyyoota 75 irraa kaadhimaman keessaati gandooti 44 biyyoota 35 irraa kan filataman.

Wanci dabalatee Afrikaa irraa gandooti 3 kan filataman yoo ta'u, tokko Keeniyaa tokko ammoo Ruwaandaa irraa filaman.

"Kuni nuuf oduu guddaadha, hedduu gammadneerra" jedhan Komiishinarri Komiishinii Oromiyaa Aaddee Lalisee Dhugaa Ispeen MAdiriid irra BBC'tti yoo dubbatan.

Wanci hawwata tuurizimii teessuma lafaa ajaa'ibaa qabu, sochiiwwan akka tulluu koruu (hiking) fi bishkileetii oofuufi kaaniif mijataa ta'e akkasumas bareedina qalbii nama hawwatu qabudha jedhan.

Hawaasni naannoo haroo Wancii jiraatu eegumsa naannoo irratti, aadaa isaanii eeggachuu fi hariiroo hawaasummaa jabaa qabaachuun beekamu kan jedhan Aadde Laliseen, badhaasichi kanaaf beekamtii kan kennedha jedhu.

Qabeenyaa aadaa, kan uumamaa fi hunda caalaa ammoo kutannoo fi tarkaanfiiwwan qabeenya gandooti kun qaban osoo hin manca'iin akka itti fufan hawaasni gandoota kanaa qaban ulaagaa ittiin gandooti kun filataman ta'uu UNWTO beeksiseera.

Beekamtiin kun qooda tuurizimiin misoomaa fi fayyaalummaa hawaasa baadiyyaa keessatti qabu dabaluuf kaayyeffatee akka kennamus dhaabbatichi himeera.

Haroo wancii ganda tuurizimii filatamtuu

Madda suuraa, UNWTO

Beekamtii Wanciif kenname Deetaan Ministeeraa Tuurizimii Itoophiyaa Aadde Salaamaawiit Kaasaa fi Komiishinarri Komiishinii Turiizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa Ispeen Maadiriiditti argamuun fudhataniiru.

Dhaabbanni Tuuriizimii UN (UNWTO) gandooti filataman kunneen namoota hedduun akka daawwataman, gahuumsi dijitaalaa isaanii akka dabalu akkasumas qabeenyi namaa akka fooyya'u deeggarsa akka kennu beeksiseera.

Badhaasichi haroon Wancii sadarkaa addunyaatti beekamtii fi xiyyeeffannaa akka argatu taasisa jedhu Komiishinar Lalisee Dhugaa.

UNWTO gandoota tuurizimii filatamaniif miidiyaalee addunyaa gara garaa, marsariitii fi marsaalee hawaasaa qabu irratti beeksisa ni hojjetas jedhan. Kun ammoo imaltoonni fi turiistonni hedduun daawwaannaaf garas akka imalan godha jedhu.

Haroon Wancii wayita ammaa misoomawwan bu'uuraa mijataa qabaachuu baatullee sagantaa misooma kaka'umsa MM Abiy Ahimadiin eegalame 'Gebeta le Hager' keessatti hammatamee akka jiruu fi kanaan walqabatee jijjiiramni akka jiraatu abdii qabu Aadde Laliseen.

Erga hundaa'ee umurii waggaa lamaa gadii kan qabu Komiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa qabeenyawwan turiizimii naannoo Oromiyaa qabu gama beeksisuutiin milkaa'aa jira.

Komiishinirri komiishinichaa Aadde Lalisee Dhugaa milkaa'ina gama kanaan galmeessisaniif torbee darbe badhaasa 'Pan African Change Makers of 2021' jedhamu badhaafamanii turan.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Dubartii Oromiyaa wiirtuu Turizimii gochuuf carraaqaa jirtu