Poolisiin federaalaa Waashingitan DC weeraruun 'abbaa irrummaadha'- Kantiibaa

Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: National Guard arrives in Washington DC

Poolisooonni federaalaa US National Guard jedhaman daandiiwwan magaalaa Waashingitan DC irratti mul'achuu eegalaniiru.

Kunis erga Pirezidant Doonaald Tiraamp loltoota kunneen magaalaa kanatti bobbaasaniiti.

Tiraamp yakki balaafamaan magaalattii keessatti to'annoon ala ta'eera jechuun, yakki kunis humna poolisii naannochaan to'atamuu kan hin dandeenye ta'uu akka sababaatti eeruun loltoota kunneen bobbaasan.

Ajaja Tiraamp booda konkolaattonni waraanaa handhuura magaalattii fi iddoowwan addaa addaatti argamaniiru.

Qondaalonni akka jedhanitti poolisoonni federaalaa 800 ta'an magaalattiitti bobbaafamuuf jiru.

Akkasumas qaamoleen federaalaa loltoota kunneen waliin ta'uun olaantummaa seeraa kabachiisan 500 ta'anis ni bobbaafamu.

Miseensa paartii Dimokiraat kan ta'an kantiibaan magaalaa Waashingtan DC Muriel Bowser, yakki magaalattii keessatti to'annoon ala ta'e akka hin jirre ibsuun tarkaanfii Tiraamp kana balaaleffatan.

Loltoota kunneen bobbaasuun ''abbaa irrummaatti seenuudha,'' jedhan.

Dursaa paartii Rippaablikaan kan ta'an Pirezidant Tiraamp loltoota kunneen magaalota Niwu Yoork fi Chikaagoo keessattis bobbaasuuf akka deeman akeekkachiisaniiru.

Magaalota kunneen keessatti warra dimokiraatotaatu olaantummaa qabu.

Erga Tiraamp Wiixata darbe murtoo kana dabarsanii as qaamoleen nageenyaa uffata loltuu biyyattii uffatan magaalattii keessa socho'uu eegalaniiru.

Gamoowwan waajjiraalee mootummaa hedduu fuulduratti daandiiwwan cufuun to'annoo eegalaniiru.

Pirees Sekreetarii Waayit Haawus kan ta'an Kaaroolaayin Liyaaviit tarkaanfiin kun labsamuu booda Wiixata galgala qaamoleen nageenyaa federaalaa namoota 23 to'annoo jala oolchuu ibsan.

Qaamoleen nageenyaa kunneen humnoota naannoo olaantummaa seeraa kabachiisan tumsu jedhan.

Namoonni kunneen yakkoota akka ajjeechaa, daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochuu, meeshaalee waraanaan yakka raawwachuu, yakka saal-quunnamtiin walqabatu, doorsisa, of eeggannoo malee konkolaachisuu fi yakkoota balaafamoo kaaniin hidhaman.

''Kun jalqabbiidha,'' jedhan Liyaaviit.

''Guutummaa ji'a dhufuu bulchiinsi Tiraamp yakkamtoota naannoo kanatti seera cabsan, qulqullina hawaasaa jeeqan fi lammiilee Ameerikaa seera kabajanii jiraataniif yaaddoo ta'an adamsuun hundasaanii to'annoo seeraa jala ni oolcha,'' jedhan qondaalli Waayit Haawus kun.

Loltuu US keellaa ittiin daandii cufan fuuldura waajjira mootummaatti dhaabaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Daarektarri FBI Kash Patel boodarra ibsa kennaniin, ejentoonni isaanii namoota hanga ammaa hidhaman keessaa walakkaa kan ta'an hidhuu ibsan.

Oppireeshiniin kun kan eegale erga namni koolugaltummaa gaafatee jiru tokko magaalattii keessatti nama ajeesee booda.

Taateen kun Wiixata galgala naannawa Logan Circle jedhamutti raawwate.

Waashingitan DC keessatti iddoo akkaan beekamu , Waayit Haawusitti baayyee dhihoodha.

Miidiyaan naannawa kanaa akka gabaasanitti bara kana Waashingitan DC keessatti kun ajjeechaa 100ffaadha.

Poolisiin akka jedhetti shakkamaan kun yeroo dhumaaf qomee gurraacha uffatee, meeshaa waraanaa qabatee mul'atee ture.

Loltoonni gamoo Capitol fuuldura dhaabbatu

Madda suuraa, Getty Images

Dhukaasi namni kun banuun ittiin lubbuu namaa baase kun, humni nageenyaa US akka bobbaafamuu fi keessattuu naannoo mana jireenyaa pirezidantiif eeggannoo cimaan akka taasifamu dirqamsiiseera.

Gabaasi Poolisiin magaalaa waashingitan DC yakka magaalattii keessatti raawwatamu ilaalchisuun baase magaalattii keessatti bara 2023 yakki akkaan dabalee ture jedha.

Bara darbe ammoo dhibbeentaa 35n hir'ateera, kun waggoota kurna sadi keessatti isaa baayyee xiqqaadha.

Haata'u malee hoogganaan Gamtaa Poolisii DC Gregg Pemberton lakkoofsa ibsame kana falmaniiru.

Dameen poolisii magaalattii ''ragaa yakkaa dogoggorsaa ta'e baaseera, kanaanis osoo uummanni dararaa arguu yakki hir'ate jechuun dogoggora facaasan,'' jechuun himatee ture.

Ragaan FBI bara darbe magaalaa Waashingitan DC keessatti yakki hir'achuu ibseera. Dhibbeentaa 9n akka hir'ate ibse.

Qorannoon akka mul'isutti magaalattii keessatti yakki ajjeechaa kan magaalota kamiiyyuu caala.

Siidaa Waashingitan cinaatti Giddugala Gabaa fuulduratti loltoonni tuuristoota waliin suuraa ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Waashingitan cinaatti Giddugala Gabaa fuulduratti loltoonni tuuristoota waliin suuraa ka'an