Namoonni daandiirra jiraatan 'hatattamaan' Waashingitan DC keessaa bahuu qabu- Tiraamp

Waashingitan DC keessaa namoota dahoo buufachuun daandiirra jiraatan akak bahan ajajaman

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp namoonni mana hin qabne, daandiirra jiraatan ''Hatatamaan'' Waashingitan DC keessaa bahuu akka qaban himan.

Tiraamp yakka magaalichatti hojjetamu xiqqeessuuf murtoo kana dabarsuu himan.

Kantiibaan magaalichaa garuu isa Tiraamp magaalaa Waashingitan DC magaalaa Baagidaaditti fakkeessan hin fudhanne.

''Bakka jiraattan isiniif kennina. Garuu magaalarraa bakka baay'ee fagoodha'' jedhe Tiraamp.

Tiraamp magaalicha ''naga qabeessaa fi baay'ee bareedduu'' gochuuf akka hojjetan himan.

Kantiibaan magaalichaa Muurel Booser, kan paartii Dimokiraatota irraa tahan, ''Yakki magaala keenyatti hin hammaanne'' jedhan.

Tiraamp ji'a darbe ajaja mallatteessuun dabarsaniin namoota mana hin qabne to'achuu salphaa taheera.

Kana hojiirra oolchuuf ammoo humna poolisii federaalaa daandii magaalichaatti bobbaasaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Warri mana hin qabne hatattamaan bahuu qabu,'' kan jedhan Tiraamp ''bakka turtan isiniif kennina. garuu magaala irraa bakka fagoo tahedha. Yakkamtoonni tole jettanii hin baatan. Mana hidhaa isiniif malu keessa isin keenya'' jedhan.

Tiraamp suuraa dahoo namoota daandii irra jiraatanii qoodanii ''Isin keessa 'NAMNI GAARIIDHA' jedhamu hin jiru'' jedhan.

''Magaala keenya barbaanna. Dhimma kanaaf xiyyeeffannoo waan kennitaniif galatoomaa'' jechuun miiidiyaa hawwaasaa isaanii Truth jedhamu irratti barreessan.

Karoorri pirezidaantichaa ifatti beekamuu baatus bara 2022 yeroo dubbii taasisan namoota mana hin qabne ''gara dahoo qulqullina qabuu fi lafa qaalii hin taaneetti geessina jedhan.

Achitti bakka dhiqannaa fi tajaajila yaalaa akka argatan taasifna jedhanii ture.

Jimaata darbe ''yakka to'annoon ol taheera'' jedhani akka ittisaniif humnoota federaalaa bobbaasuu himan.

Waayit Haawus kka jedhanitti poolisoonni federaalaa 450 bobba'uu himan.

Hojjetaan mootummaa tokko kan ganna 19 tahe konkolaataan isaa saamamuu hordofee tarkaanfii kana akka fudhatan himan.

Tiraamp suuraa dargaggeessa saamtotaan madaa'ee dhiigee qooduun miidiyaa hawwaasaa isaa irratti barreesse.

Kantiibaan magaala Waashingitan ammoo dhugaadha bara 2023 keessa yakki akka malee dabalee ture. bara kana garuu miti jedhan.

Magaalaa keenya magaalaa waraanaan diigamte Baagidaaditti fakkeessuun ''akka malee arbeessuu fi soba'' jechuun kantiibittiin komatte.

Yakki mana keessatti raawwatu magaalota kaan waliin birqabaan yoo ilaallu kan Waashingitan xiqqoo ol ka'aadha.

Waggaa tokko keessatti ajjeechaan 98 mana keessatti raawwachuun galmaa'eera.

Tiraampi har'a dhimma kana irratti ibsa kenna jedhamee eegama. Yakka, ajjeechaa fi du'aatii'' magaala keenyaa hanbisuu qabna jedhan.

Miidhagina magaalichaa irrattis akka hojjetan himaniiru.

Magaalaa Waashingitan jiraattota 700,000 ol qabdu keessa namoonni 3,782 mana hin qaban. Daandii gubbaa warra dahoo buufachuun jiraatanidha.