Manneen barnootaa Somaaliyaa daa'imman waraana jidduutti dhalatan waa'ee miiraa barsiisan

Duubartii imalaa jirtu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Jiddugala Somaaliyaa keessatti argamu tokkotti ijoolleen lafarratti giingoo hojjachuun taa'aniiru.

Seenaa barsiiftuun isaanii dubbiiftuuf xiyyeeffannaan dhaggeeffatu.

Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo irraa fageenya kilomeetira 500 irratti kan argamtu Dusaamaaraabiitti kan argamu manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Akaadaamii Daaryaal keessatti hojiimaanni haaraan diriireera.

Barattooonni waa'ee miiraa baratu. Ogummaan hawaasumaa isaanii akka fooyya'uuf barnoonni kennamaaf.

Barattoonni kunneenis umuriinsaanii kan waggaa jahaafi torbaati. Fakkiiwwan namoota miira garaagaraa agarsiisan akka ilaalan taasifamu.

Suuraa tokko irratti mucaan namootarraa adda bahe ni mul'ata. Mucaan sana miirrii attamii akka itti dhagahamu gaafatamu barattoonni.

Barsiiftuun isaanii Nuusiroo Mahaamad Heersii ''barattoonni barumsa kana baayyee jaalatu. Barnoota kanaan caalaa hawwiidhaan eeggatu'' jetti.

Barattoonni waa'ee miiraa barsiisuufi akka ogummaa hawaasummaa cimfatan gochuuf baruullee qopheessaniiru.

Ijoolleen miira itti dhagahamu akka hubatan gargaara. Barnoonni akkasii Somaaliyaatti yeroo dhihootiin as eegale.

Erga barattoonni rakkoona amalaa akka siaan mudate hubatameen booda, bulchiinsa naannoo Gaalaamuduu dhaabbanni gargaarsaa Yunaayitid Kingdamiitti argamu 'Tiink'ikuwaal' waliin ta'udhaan barnooticha eegale.

Dhaabbatichi kitaabooti ittiin waa'een miiraa barsiifamu qopheesse. Barsiistootas ni leenjiisa.

''Kaayyoonsaa dhaloota egeeree waa'ee loogii, wal kabajuu dhiisuu fi jeequmsa dhaabuu'' jechuun barnooticha ibsa.

"Barnootichi gara laafummaa uumuudhaaf, fayya buleessummaa babal'isuufi hariiroo jaalalaan guutame uumuudhaaf akkasumas walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuuf ni gargaara'' jecha itti dabaluun.

Kitaaboota waa'ee miiraa barsiisan

Madda suuraa, Think Equal

Seenaa walitti bu'iinsaa dheeraa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Institiyuutiin Qorannoo Nageenyaa Oslootti argamu qorannoo taasiseen, daa'imman jaha keessaa tokkoo naannoo jeequmsaan jeeqamu keessa jiraatu.

Qorannoon bara 2024tti bahe akka agarsiiseetti, ijoolleen gara miliyoona 473tti siqan qaxanaa waraanaa keessa jiraatu. Lakkoofsi kunis Waraanaa Addunyaa lammaffaan booda isa olaanaadha.

Daareektarri kutaa qorannoo dhaabbatichaa, Siirii Rastid ''naannoo 1990motaa ijolleen miiliyoona 250 ta'an qaxanaa waraanaa keessa jiraatu. Waggoota isaan booda jiran keessa ammoo lakkoofsi kun dabalaa dhufeera. Miiliyoona 250 kan ture dachaan dabaluun miiliyoona 500 gaheera'' jedhan.

Somaaliyaa dabalatee biyyoota Afriikaa kaan keessatti walitti bu'iinsi baayyetaa dhufeera.

Bara 1991 as Somaaliyaan walitti bu'iinsa wal waliifi gosaa keessa darbaa jirti.

Naannoolee Moqaadishoon alatti argaman haalaan to'ataa kan hin jirreen mootummaan Somaalee dadhabaan, biyyattii to'achuuf Al shabaab waliin wal waraanaa jira.

Hiikaan Afaan Arbaasaa 'dargaggoota' kan ta'e Al shabaab dargaggoota seenaa waraanaatii alatti filannoo dhabaniifi abdii kutatan filuudhaan miseensa isaa taasisa.

Loltoonni garee kanaa baayyeen isaanii hin barannee, carraan hojii argachusaaniis baayyee gadaanaadha.

Al Shabaab guddattoonni buufata keessa ykn garee akka miirrii anummaa itti akka dhagahamu taasisu keessa akka jiran akka itti dhagahu taasisa.

Gareen ogeeyyootii 'Poverty Action' jedhamu akka ibseetti, dargaggooonni ganaa umrii ijoollummaatiin yoo jeequmsaaf saaxilaman, dhiibbaa waggootaaf turuuf saaxilamu. Jeequmsii ijoollummaan isaan mudateef xiyyeeffannaa yoo hin kennamne ammoo dhiibbaa sana keessaa bahuuf ni rakkatu.

Dhibannaa, aarii fi qofummaa filatu daa'imman haala akkasii keessa darban baayyee isaanii.

Hidhattoota Al shabaab

Dhiibbaa gaarii

Somaaliyaa dabalatee biyyoota Afriikaatti hanqinni wallaansa sammuu jiraachunsaa daa'imman attamiin miirasaanii to'achuu akka itti danda'an osoo hin baranne guddatu.

Hundaassaa walta'aan dhaabbata 'Yale Centre for Emotional Intelligence' kan ta'an Dr Roobiin Isitarn akka jedhaniitti, daa'imman waa'ee ogummaa hawaasummaa fi miiraa barachuu ni danda'u.

Barnoonni manneen barnootaa keessatti kennamu ijoolleen yeroo guddataniitti akka walitti bu'iinsa furaniif ni gargaara.

Walitti bu'iinsi Kolombiiyaa dhaabbachuu hordofee bara 2020tti barnoonni hawaasummaafi ogummaa kennamu eegale.

Barnootichi ijoollee hubannoo mataasaaniif qaban akka dabaluu fi ogummaaa hawaasumaa fooyya'e akka qabaatn taasisuu hubachuun danda'ameera.

Barsiiftuu Nuusroo Mahaammad Heerisii akka jettuutti, barattoonni ishee erga waa'ee miiraa barachuu egalanii as jijjirama argasiisaa jiru.

''Barataan aariisaa to'achuu hin dandeenye tokko amma kan tasgabbaa'e tu'u hubanneera. Ofiisaa hiriyootarraa adda baasaa ture. Amma garuu ijoollee umuriin wal fakkaataniitti ni makama. Kanaanis gammachuu itti dhagama'' jetti.

Barsiiftuun tunis wayita barattuu turteetti osoo barnoota wal fakkaatu argattee jirti ta'e hawiiti.

''Barnootichii kan eegale tureetti. Amma garuu barnoota dursa kenniinuuf ta'eera. Ijoolleen miirsaanii to'achuu fi gaarii ta'uu baratu. Ofiisaaniitiin alattis kan hawaasa isaaniif gummaachan ta'u'' jetti.

Bulchiinsa Gaalmudigitti ministeera Barnootaa kan ta'an Mohaamad Doorii barnoonni kun akka kennamu taasisuudhaaf dhiibbaa taasisaniiru.

''Barattoonni yoo dhiphataniifi rakkoo amalaa yoo agarsiisan barsiiftoonni hubataniiru. Kunis ogummaa barnootaasaanii irratti dhiibbaa taasiseera'' jedhu.

Jalqaba barnoonni kun yeroo eegalamu fudhatama akka hin argatiin dubbatu.

Mohaammadi Doorii

Madda suuraa, Mohamed Dore

"Barnoonni kun Somaaliyaaf haaraadha. Rakkinichi jiraachu kan hubanne erga barsiiftoonni nutti himaniin boodadha. Rakkoon miiraa barattoota miidhaa ture'' jechuun ibsu.

Maatiiwwan barnoonni kun aadaa Somaaliyaatiif alagaadha jedhan mormii dhageessisan illeen, adeemsa keessaa barbaachisummaa barnootichaa hubachu dubbatu.

Barnoonni waa'ee ogummaa hawaasummaa fi miiraa irratti kennamu kun akka guutuu SOmaaliyaatti kennamu barbaadu.

''Barnoota fedhii bu'uura namootaa ilaalatuudha. Sammuu ijoollee gabbiisuudhaan guddattoota addunyaa boruutiif gahumasa qaban uumuuf akka hojimaata biyyaaleessatti hojiirra oolfamu qabaata'' jedhu.

Barattoonni barumsa kana baratanis ciminaan hordofuu itti fufaniiru. Mucaan waggaa torbaa tokko ''seenaan kitaabicha keessa jiran natti tola'' jedha.

Barsiiftoonni erga seenicha dubbisaniif booda waa'ee miiraa irratti marii taasisuudhaaf barattoonni hawwiidhaan eeggatu.