Dargaggoo sababii araadaatiin al sadi yunivarsitii ari'amee, amma barattoota kaan gargaraa jiru

Madda suuraa, Dagnachew Shamble
Daanyaachoo Shaambal jedhama. Barattoonni fi namoonni isa beekan kaan maqaa Teacher Dan jedhuun waamu.
Dhihoo kana osoo inni Fiiziksii barsiisuu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa jira.
Dirree Dhawaatti dhalatee guddate. Barnoota hanga kutaa 12tti magaalichuma keessatti mana barumsaa Bisraata Gabreel jedhamutti barate.
Kutaa 12tti qabxii seensa yunivarsitii 515 fiduun birkii barnootaa Mechanical and Industrial Engineering jedhamu baruuf bara 2007 Yunivarsitii Finfinnee seene.
Waggaa tokkoo fi walakkaa booda sababa ''araada hamaatiin'' ari'amee akka ture hime.
Abbaansaa akkanni barnootaaf kutannoo qabu waan hubatuuf gara biyya alaa ergee isa barsiisuuf onnachuu hime.
Kanarraa kan ka'e gara biyya Chaayinaa magaalaa Shaanzuutti isa erguun barnoota Petroleum Engineering jedhamu barachaa akka ture hime.
Achittis gara waggaa tokkoof erga baratee booda sababa araadaan ari'amee gara Itoophiyaatti deebifame.
Chaayinaatti yeroo lama, biyyatti yeroo tokko waliigalatti yeroo sadi ari'amuu hime.
''Anarraa kan abdii hin kutanne 'gooti abbaan koo' ammas deebisee gara Chaayinaatti na erge. Chaayinaatti yeroo lama, waliigalatti yuniversitiitti yeroo sadi na erge. Meeshaa qabu hunda gurguree kaan liqeeffatee yeroo lammataaf Chaayinaatti na erge.''
Ammas magaaluma Shaanzuu jedhamtutti barnoota Saayinsii Kompiyuutaraa (Computer Science) barachuuf deeme.
''Ammas haaluma walfakkaatuun sababa araadaatti ari'ameen deebi'e. Waliigalatti yeroo sadi ari'ameera. Yuniversitii Finfinneerra yeroo tokko, Chaayinaatii ammoo yeroo lama.''
Haala kanaan gara Itoophiyaatti erga deebifamee booda maatiitti deebi'uu qaanfachuun magaalaa Finfinnee keessatti daandiitti ba'ee jiraachuuf dirqame.
''Ji'oota muraasaaf ergan daandii magaalaa Finfinneerra jiraadhee booda gara Bishooftuu deemuun daandiirra jiraachuun eegale.''
Araada hamaa madda kufaatii ta'e
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daanyaachoon hanga kutaa 12tti mana abbaa fi haadhasaa (mana gandaa) keessaa ba'ee bakka biraa jiraatee hin beeku.
''Gara Yunivarsitii Finfinnee wayitan imalu manuma reef manaa gadhiifamen ta'e. Haala waan hundaaf nama affeeruttin ba'e. Waan hunda shaakaluun natti tola ture. Haala kanaanin sigaaraa, jimaa, hashiishii jalqabe,'' jedhe.
Araada hamaa ta'e keessa ''tasa akka seene'' kan ibse Daanyaachoon, keessaa ba'uuf tattaaffii guddaa taasisus akka itti ulfaate hime.
''Wayita sababa araadaa kufaatiin natti deddeebi'u dhiisuuf baayyeen yaale. Garuu keessa koo waan seeneef humnaa ol natti ta'e. Chaayinaatti wayitan barnootaaf deebi'u guyyaa sadaffaattin araadatti deebi'e.''
Chaayinaatti sigaaraa xuuxuun baayyee beekama waan ta'eef kunis akkanni araada kanatti deebi'u dhiibbaa irratti uumuu hime.
''Achittis araada kiyya itti fufuuf haalli mijataa ture. Araada irruma caalaa hamaa ta'e keessan seene. Hashiishii xuuxuun eegale. Sababa kanatti Chaayinaatti guyyaa 10 hidhameen ture. Dhumarratti ari'anii gara Itoophiyaa na deebisan,'' jedhe.
Taatee Bishooftuu jireenya Daanyaachoo geeddare
Daanyaachoon namummaa har'aa kana akka qabaatuuf taateen Bishooftuutti isa mudate, guyyaan haadha manaasaa waliin walarge, bu'uura ta'uu hime.
''Guyyaan sun anaaf suukanneessaa ture. Sana dura guyyaa sadiif nyaataa fi dhugaatii afaaniin hin qabnen ture. Dabalataan hashiishii fayyadamaa waanan tureef baayyee beela'een ture. Bakka namni tokkollee na hin beeknetti du'uu ga'een ture.''
Daannyaachoon ''yoon du'ellee Finfinnee bakka namni na beeku, reenfa kiyya kaasuu danda'utti naaf wayya jedhee,'' gara Finfinneetti qajeele.
''Ijoolleen buufata konkolaataa keessaa birrii 35 naaf kennan. Imalan eegale. Haati warraakoo ammaa kunis konkolaataa an ittiin imalaa ture keessa turte. Seensa Finfinneetti sakatta'iinsaaf buunee wayita deebinu namoonni kaan teessoo kiyya waan qabataniif ishee biran gadi taa'e.''
Daanyaachoon seenaasaa shamarree bira taa'e (haadha manaasaa har'aaf) wayita qoodu isheen miira gaddaan liqimfamtee baayyee boosse jedhe.
''Gara manashee na geessite. Anis suduudaan fooyya'uu, dandamachuun eegale. Kitaaba dubbisuun eegale. Karaa waaqaarratti cimuun eegale. Dhumarratti raajii dhalate an hin beeku- araada sana hunda dhiiseen of arge,'' jedhe.
Daanyaachoon manashee [haadha manaasaa ammaa] osoo jiraatuu araada irraa dandamatee ofitti deebi'uun daandii barsiisuurratti deebi'e.
Jalqaba bilisaan barattoota qo'achiisuu (tutorial) eegale, kanatu gara addunyaa barsiisummaatti isa qajeelche.
''Barattoota kutaa saddeettaffaa ministiriif qophaa'an qo'achiisaan ture. Barattoonni kunneen akka gaariitti akkan barsiisuu danda'u deemanii daarektara mana barumsaatti himan.''
Yeroo sadi ari'amee akkamiin carraa barsiisuu argate?
Wayita Daanyaachoon araada hundarraa sammuusaa bilisoomsee hojiif qophii ta'etti carraan tokko isa mudate.
Magaalaa Bishooftuutti kan argamu Manni Barumsaa Beeteliheem jedhamu barsiisaa Fiiziksii dhabee barbaadaa ture.
''Manni barumsaa kun barsiisaan Fiiziksii waan jalaa deemeef hanga argannutti bakkasaa nuuf cufi naan jedhan. Yeroo sana an waraqaa ragaa hin qabu. Kanaafuu dareema eeguufan seene. An garuu barsiisummaa waanan jaalladhuuf daree eeguu osoo hin taane bareecheen barsiisuu eegale. ''
''Guyyaa lama, sadi haala kanaan ergan barsiisee booda daarektarri mana barumsaa dhufee wayita barattoota gaafatu haalli barsiisuu koo akka isaaniif ta'e itti himan,'' kan jedhu Daanyaachoon, haala kanaan jalqabee hanga idileen barsiisuutti akka ga'e ibse.
''Waggaa sadaffaarratti fedha kiyyaan gadhiiseen barattoota maneen barnootaa Bishooftuu kaanitti baratanis tajaajiluuf murteesse.''
Daanyaachoon maallaqa haadha manaasaa waliin qusatan ''birrii kuma 9'' akka ollaa bitaa fi mirgaa meeshaa mana keessaa bitanii of faayuu dhiisuun, giddugala tajaajila qo'achiisuu barattootaaf kennu (Tutorial Centre) banatan. School of My Seed jechuun moggaasan.
''Barattoota 16n jalqabne. Kudhan tola baratu, ja'ansaanii qofatu kaffalu. Kaayyoon keenya tajaajiluu malee bu'aa maallaqaa hin turre. Barattoota magaalaa Bishooftuu tajaajiluu qabna jennee eegalle.''
Ji'a sadi booda lakkoofsi barattootaa 80 ga'uu kan himu Daanyaachoon, ''lakkoofsi barattootaa wayita dabalaa deemu kutaan tokko, kan ittiin eegalle, waan ga'uu dideef kutaa lammataa daballe, kunis nu ga'uu didnaan sadaffaa daballe,'' jedha.
Daanyaachoon gamoo kireeffatee hojjetu irratti kutaa biraa kireeffachuun mana kitaabaa akka banes hime.
''Mana kitaabaa guddaa sa'atii 24 tajaajila kennudha. Kun seenaa ijoollummaa koon walqabata. Mana gandaa keessa jiraanna turre.''
''Abbaa fi haadha kiyyarratti ibsaa hin ibsu jedheen irraa fagaadhee bakka deemeen qo'ataa ture,'' kan jedhu Daanyaachoon ''Mana kitaabaa kanttis ijoollee maatiinsaanii mana gandaa keessaa jiraatantu bal'inaan itti fayyadamu. Achi bulaa dubbisu danda'u,'' jedhe.
Namni Fiiziksii salphisee barsiisu kun barnootaan akkam ture?

Madda suuraa, Dagnachew Shambal
Daanyaachoon kutaa sagalirraa akka barnoota Fiiziksii jaallatu ibse.
Waliigalatti addunyaa barnootaa keessatti jijjiirama kan agarsiisuu eegales kutaama kanarraati.
''Hanga kutaa saddeetii barataa gonkumaa barnoota hin fudhanne (hin galleef) keessaa tokkon ture. Qormaata kutaa saddeetii [ministirii] barattoota kaanirraan hojjedhe.''
Gandasaanii keessaa kan mana barumsaa dhuunfaatti barate isa qofa ta'uu kan hime Daanyaachoon, kunis sababa abbaansaa waardiyaa mana barumsichaa ta'aniif carraa bilisaan barachuu waan argateef ta'uu hime.
''Qabxiin wayita dhufu jalqaba natti himame. Ganda keenya sanaa ana qofatu mana barumsaa dhuunfaatti barataa ture. Abbaan koo barnootaaf iddoo guddaa waan kennuuf dhuunfaatti na galche,'' jedhe.
''Abbaan koo fageenyarraa fiigaa dhufee olfuudhee na baate, na naannesse. Guddoo gammade. Qabxii 96 fidde bar naan jedhe.''
''Hanga guyyattii sanaatti barachuun koo abbaa koo akka gammachiisu hin beekun ture,'' kan jedhu Daanyaachoon, ''edaa abbaa koo kan gammachiisu karaa inni irratti dadhaberratti yoon bu'aa buusedha kan jedhu yaaduun jalqabe,'' jedhe.
Erga guyyaa sana miira gammachuu imimmaaniin ibsame abbaasaarraa argee booda barnootasaatti cimaa ta'ee akka itti fufe ibse.
''Kutaa sagal eegaluu dura waqtii gannaa ture guutummaa mana kitaabaattin dabarse. Ganama ba'een galgala gala. Irra caalaa kitaaba herregaan dubbisa. Wayita barnootaa kutaa saglaffaa eegallu barnooti naaf salphate.''
Daanyaachoon kutaa sagal gaafa ga'u gama maraan jijjiirama bu'uuraa ofirratti arge.
''Ganna kanan qo'achaa ture herrega. Garuu herregi waan naaf salphateef warri kaanis natti hin cimne. Yeroo jalqabaaf kutaa saglaffaatti sadarkaa keessa galeen sadaffaa ba'e. Waanan yaadee hin beeknetu ta'e. Isa boodagaa barnoota kiyya cimseen qabe,'' jedhe.
''Wayita barsiisaan hin jirre ba'een akkuma barsiisaatti gabatee gurraacharratti barreessuun barsiisaan ture. Qormaati wayita dhihaatu barattoota qo'achiisuun eegale,'' jechuun jijjiirama guddaa, isallee raaje, keessa akka seene hime.
Yuniversitii Finfinneettis waggaa jalqabaa wayita xumuru barattoota haaraa seenan barsiisaa akka ture, akkasumas wayita Chaayinaatti yeroo lama deemee barachaa tures fuulduratti ba'ee barsiisaa akka ture hime.
''Dhumarratti ari'amullee yeroon Chaayinaatti barachaa turetti barattoota qo'achiisaan ture. Yoo barsiisaan hin dhufin hafu achi ba'een barsiisa. Barattoota Uzbeekistaan, Kazaakistaan, Baangilaadesh, Raashiyaa fi kaanirraa dhufan qo'achiisaan ture.''
Barnootasaa karaa onlaayinii baratee akka xumure hime, ammas barnoota adda addaa onlaayinii barachaa akka jiru ibse.
Barsiisummaa durirraa akka jaallataa ture kan hime Daanyaachoon ''garuu barsiisaa nan ta'a jedhee gonkumaa yaadee hin beeku,'' jedha.
''Giddugalli kiyya cufamuun hamilee na buuse''
Daanyaachoon osoo barnoota Fiiziksii barsiisuu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti bal'inaan qoodamus, giddugalli isaa Bishooftuu garuu Keemistirii, Herrega, Afaan Ingilizii, Baayooloojii qo'achiisaa ture.
''Dhaabbata guddaa ture. Hojjettoota 14 qabna ture.''
Daanyaachoo giddugala barattoota qo'achiisu haala kanaan Bishooftuutti hundeessee erga babal'isee booda haala hin eegamneen jalaa cufamuu hime.
Sababa giddugallisaa cufameef bal'inaan ibsuu baatus, ergasii fedhiisaatiin barattoota tajaajiluu akka itti fufe hime.
''Maaliif akka cufame nuufis ifa miti. Ajaja 'cufaa' jedhu qofa ofirratti argine. Duraan Waajjirri Barnootaa magaalaa Bishooftuu baayyee nu gargaaraa ture. Boodarra garuu akka cufnu nu dirqamsiisan. Nuuf hin galle.''

Madda suuraa, Dagnachew Shambal
Daanyaachoon akka jedhutti giddugalli isaa barattoota 100 keessummeessuu danda'a, barattoonni maatiinsaanii galmeessisuuf fedhii agarsiisan garuu 300 turan.
''Kunneen hunda keessaa qormaataan calalla. Kana gidduutti barattuu tokkoof qabxiin hin dhufin hafe. Isheenis maqaa nu balleessite. Yogguma sana na waamanii cufi naan jedhan,'' jechuun sababa cufamuu giddugala kanaa waan shakku hime.
Bishooftuutti bakka hojiisaa karaa qabsiisetti akkasumas bakka barattoota hedduu gargaaruuf haala isa dandeessisurra ga'etti karoorrisaa gufachuutti akka gaddu ibse.
''Ammas na jalaa cufamuu danda'a,'' sodaa jedhurraa kan ka'e giddugala biraa magaalaa Finfinneetti banuu akka dhiisellee hime.
''Ergan ijaaree booda boris ajaja nama tokkoon kan diigamu yoo ta'e maal bu'aa qaba. Kan Bishooftuurratti waanan jiilleef Finfinneetti banuu dhiiseera,'' jedhe.
Barattoota meeqa ga'oomsan?

Madda suuraa, Dagnachew Shambal
Daanyaachoon erga hojii qo'achiisuu kana eegalee Bishooftuutti barattoota 2000 caalan tajaajiluu hime.
''Kana qofa miti, bara 2016 barattoota kutaa 12ffaa 45 ta'an maatiirraa fudhachuun ciree, laaqana fi irbaata isaanii dandeenyee qopheessaa turre. Haati warraa kiyya nyaata qopheessitiif. An nan qo'achiisa. Mana barumsaatii ba'anii nu bira dhufu. Nu biraa bulaa qo'ataa turan.''
Barattoonni kunneen Wiixataa hanga Sambataa haala kanaan ji'oota afuriif isaan biratti qo'achuu fi guyyaa Dilbataa qofa maatii bira deemaa akka turan hime.
''Akka mana barumsaa bultii addaa turre. Barattoonni 45 hundinuu nu bira bulaa erga qophaa'aa turanii booda hunduu yuniversitii galan.''
Daanyaachoon akka jedhutti barattoota kunneen keessaa 20 kan ta'an qormaata yunivarsitiin Finfinnee qopheessu darbuun amma Addis Ababa Institute of Technology (AIT) jiru.
''Kanneen hafan ammoo Yuniversitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee (AASTU), Yunivarsitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa (ASTU), Yuniversitii Arbaa Minci jiru. Kanneen nu biratti qo'ataa turan hunduu amma milkaa'inarra jiru.''

Madda suuraa, Dagnache Shambal
''Kara onlaayinii barsiisuuttin jira''
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti qoodamaa jiru erga dhaabbatisaa cufamee booda, kan osoo inni barattoota barnoota Fiiziksii qo'achiisuu waraabame ta'uu hime.
Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee kan jiraatu Daanyaachoon, hojii tola ooltummaa (barattoota qo'achiisuu) ammas itti fufee akka jiru hime.
''Amma magaalaa Finfinneetti mana kireeffadheen kara onlaayinii barattoota tajaajiluu itti fufe. Barattoota Itoophiyaa hunda bira ga'uuf yaalii taasisaan jira.''
Duraan barattoota Itoophiyaa biyyoota akka Keeniyaa, Israa'el, Ameerikaa, Kanaadaa, Ingiliiz, Jarmanii keessa jiran lakkoofsaan 16 ta'an zoomiidhaan barsiisaa akka ture ibse.
''Hundeensaanii Itoophiyaa ta'anii kanneen biyyoota alaa kunneen keessa jiraatan onlaayiniin barsiisuun galiis argachaan ture. Ammallee Finfinneetti hojii akkasii hojjechaan jira. Barattoota barana qormaata kutaa 12ffaa fudhatan 100 qo'achiisuufis karoorfadheera.''












