'Waa'ee keenya himuu gaafa hanqanne seenaan keenyas dagatamaa deema'

Madda suuraa, Naggaa Wadaajoo
Komishinara Itti Aanaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaa kan ta'an Obbo Naggaa Wadaajoo kitaabilee qabeenya tuurizimii Oromiyaa fi Itoophiyaarratti xiyyeefatan lama barreessuun eebbisisaniiru.
Kitaabileen 'ABC Tuurizimii Oromiyaa' fi 'ABC Tuurizimii Itoophiyaa' jedhaman kunneen Dilbata ALI Waxabajjii 1, 2017 eebbifaman.
Dhimma kitaabileesaaniirratti BBC'f yaadasaanii kan kennan Obbo Naggaa, "Kitaabileen kun daa'imman ol adeemtonniifi ol guddattoonni beekumsa tuurizimii akkasumas beekumsa biyyaafii naannoo isaaniitiin qaramanii akka guddatan yaadamee qophaa'an" jedhan.
Kitaabileen kun akkaataa umrii daa'immanii gituun hambaalee tuurizimii aadaa, seenaa fi umamaa Oromiyaafi Itoophiyaa qubeewwan A-Z fayyadamuun kan barsiisaniifi beeksisan akka ta'es himaniiru.
Kitaabileen kun Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliiziin qophaa'uu kan himan Obbo Naggaan, hojiin afaanota biyya keessaafii biyya alaa birootti hiikuu eegalamuus himaniiru.
"Afaanota Chaayinaa, Faransaayii fi Arabiffaan hiikamaa jiru, xummuramaa jira. Afaanota biyya keessaa birootti hiikuufis sochii eegalleerra" jedhan.
Kitaabileen kunneen daa'imman biyya keessa jiraniin cinatti daa'imman diyaaspooraa biyyoota garagaraa keessa jiraniifis kan qophaa'an ta'uu kan himan barreessichi, kitaabileen kun tokkon tokkoon qubeetti fayyadamuun hawwataalee tuurizimii oromiyaa fi Itoophiyaa kan barsiisan akka ta'e himan.
"Fakkeenyaaf 'A' jedhee 'Arba' jedha. Arbi Oromiyaa keessatti eessatti akka argamu ibsee ijoolleen immoo waa qoratanii akka barataniif dhumarratti gaafiin ni jiraata.
Kanaaf 'A' jedhee 'Arba', 'B' jedhee 'Boorana' jechaa hamma 'Z' 'Zanyaa' meeshaa qonnaa naannoo Harargeetti beekamu akka sanatti deema" jedhan.
Kitaabileen kun fakkiiwwanfii suuraalee fedhii dubbisuufiii barachuu daa'immanii dabalaniin kan dabaalaman akka ta'anis Obbo Naggaan himaniiru.
'Inaaffaatu na kakaase'

Madda suuraa, Naggaa Wadaajoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kitaabilee hambaalee tuurizimii barsiisuufii hubachiisuurratti xiyyeeffatan kunneen barreessuuf dhimmoonni garagaraa sababa akka ta'aniif Obbo Naggaa Wadaajoo himu.
Sababoota kunneen keessaa tokkommoo naannoon Oromiyaas ta'e Itoophiyaan qabeenya tuurizimiin kan badhaadhan ta'uusaanii akka ta'e eeru.
Sababni inni lammaffaammoo jaalala daa'imman barsiisuuf qaban akka ta'e kan himan barreessichi, 'ijoollee kana qixa gaariin yoo qajeelchite salphaatti waa barsiisuu dandeessa.
Warri biyyoota Lixaa investimantii guddaa baasanii ijoolleesaanii barsiisu, bu'aasaas dhandhamachaa jiru. Gara keenyammoo yeroo dhuftu diinagdeen keenya jira, haalli itti dhufne jira, aadaan nuqabee jira, danqaawwan garagaraatu jiru. Kana hunda keessattimmoo ijoolleen dagatamuu danda'u" jedhan.
Kanaafis kitaabileen kun qabeenyawwan tuurizimii biyyattii keessa jiran akkaataa umrii daa'immanii gituunfii duudhaafii seenaa osoo hinfaallessin qophaa'uu himaniiru.
Dabalataan gama hog-barruu daa'immanii guddisuutiinis gahee akka qabaatu himuun, "Kitaabni kun rakkoo hog-barruu daa'immanii wajjin walqabatee jiru hundasaa hiika jechuu osoo hintaanee gumaacha isa xiqqaadha" jedhan.
Kitaabilee kunneen barreessuuf dhimmi sababa ta'eef inni biraan immoo qormaata gama hubannoo tuurizimii uumuun jiru akka ta'e Obbo Naggaan himu.
"Hubannoon kun haala walqixa ta'een nama hunda bira waan hinjirreef nama hunda bira akka gahuuf tooftaa adda addaa fayyadamuun ni barbaachisa" jedhan. Kanaafis kitaabileen kun kallattiin daa'immaniif kan qophaa'an akka ta'anis dubbatan.
"Osoo daa'imummaarraa kaasnee qarree boodarra yoo xiqqaate waa'ee tuurizimii yemmuu dubbannu 'maal jechuudha?' jedhee namni sidhaabu hinjiraatu" jedhan.
Hojiin gama kanaan biyyoota biroo keessatti hojjetamu bal'aa ta'uu kan himan barreessichi, "Inaaffaadha kan na kakaase, inaaffaa guddaan qaba. Biyyoonni qabeenya tuurizimii hanga keenya hingeenye qabaatanii garuummoo baay'ee kan dhaadheffamuuf jiru" jedhan.
Kanaafis beekanii beeksisuurratti hanqinni waan jiruuf hanqina kana duuchuun akka barbaachisuus himuun, "Hanguma nuti waa'ee keenya himuu hanqanne seenaan keenyas dagatamaa deema" jedhan.
Insaayikiloopiidiyaa Tuurizimii Oromiyaafi Itoophiyaa

Madda suuraa, Naggaa Wadaajoo
Kitaabni mataduree 'ABC Tuurizimii Itoophiyaa' jedhu qabeenya tuurizimii seenaa, aadaa fi umamaa naannolee Itoophiyaa hunda bifa madaalawaa ta'een ofkeessatti kan qabate akka ta'e barreessaan kitaabichaa Obbo Naggaa Wadaajoo himaniiru.
Kanaan dura hojiileen beeksisaafii piroomooshinii qabeenyawwan tuurizimii kutaalee Kaaba biyyattiitti argaman qofaaf xiyyeeffannoo kennuun hojjetamaa turan kan jedhurratti komiiwwan yemmuu dhiyaataan ni dhagahama.
Haata'u malee, kitaabileensaanii daa'imman qabeenyawwan tuurizimii biyyattii isa tokko beekanii isa biraa akka hin wallaalle bifa gochuu danda'uun kan qophaa'an akka ta'an Obbo Naggaan himu.
"Kitaaba 'ABC Tuurizimii Itoophiyaa' yeroo qopheessinu naannolee biyyattii keessa jiranfii bulchiinsi magaalotaa lamaan akka hammataman taasifneerra" kan jedhan Obbo Naggaa, qabeenyawwan tuurizimii naannolee garagaraa keessatti argaman bifa madaalawaa ta'een kitaabicha keessatti akka hammataman gochuusaanii himaniiru.
Gama biraatiin "Dhaloota boruuf galaa tokko keenyee osoo deemnee gaariidha jedheen yaada" kan jedhan barreessichi, "Daa'imman tuurizimii biyyasaanii akka beekan qofa osoo hintaanee gama diinagdeenis akka irraa fayyadamanin barbaada" jedhaniiru.
Haaluma kanaan tokkon tokkon qubeetiif kitaaba Insaayikiloopiidiyaa Tuurizimii Oromiyaa fi Itoophiyaa qopheessaa akka jiranis himaniiru.












