Ajjeechaa falfaltuu ganda Indiyaa guutuu raase

Miseensota maatii ajjeefamani

Indiyaatti miseensonni maatii shan falfaltoota jedhamanii himatamuun jiraatti gubamuufi ajjeefamuun booda kanneen gocha suukaneessaa kanarraa hafan ammallee waan tahe amanuu hin dandeenye.

Manishaa Devii (maqaan kan jijjiirame) jiraattuu magaalaa Tetgamaa, naannoo Bihaariiti, halkan Adoolessa 6 bara jireenya ishee keessatti isa gaddisiisaa ture.

Halkan sa'aatii 4:00 irratti, gareen dheekkamsaan guutame mana firoottan ishee dura walitti qabame – gaafa barii'u, manguddoo ganna 71 dabalatee namoonni shan ajjeefamaniiru.

Haala kanaan, gochi raawwatu naannoo Bihaari keessatti qofa miti. Akka gabaasa waajirri Hindii yakka qoratuu National Crime Records Bureau jedhuutti, bara 2000 hanga 2016tti, namoonni 2,500 ol – baay'een isaanii dubartoota – Hindii keessatti falfaltoota jedhamuun ajjeefamaniiru.

Garuu ajjeechaan Tetgamaa rifachiisaa kan taheef, sababii miseensonni maatii shan takkaatti ajjeefamaniifi.

Namoonni mirgaaf duulan akka jedhanitti amantiin falfala Hindii hawaasa hark-qalleeyyii keessatti akkaan babal'atee jira. Kunis taatee Bihaariitti mudate kana dabalata.

Kanneen falfaltoota warreen jedhaman ajjeesaniifi miidhamtoonni miseesnota saba Oraa'oon jedhamuu yoo tahan barootaaf waliin jiraataniiru.

Taateen gaafa Adoolessa 6 garuu wal-qooduu dhihoo araaramuu hin dandeenye fideera.

Amma daandiin Tetgaamaa callisaan guutameera - maatii waarreen du'aa alatti kaan naannicharraa baqatanii bahaniiru. Kaan ammoo dhokatanii jiru.

BBC'n maatii miidhamtootaafi poolisiin waan halkan sana tahe akka itti himaniif dubbiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manishaa Devii akka jettetti, sagalee jeequmsaa dhageessee, gara mana Babulaal Oraa'on –lafa ilmi hangafaa Kaatoo Deevii jiraatu – deemtee uummata baay'ee walitti qabame argite.

Babulaal, niitii isaa Siitaa Devii, ilma isaanii Manjit, fi haadha warraa ilma isaanii Raanii Devii kanneen ajjeefaman keessaati. Ilma isaanii xiqqaa qofatu lubbuun hafe.

Poolisiin gabaasa yakkaa (FIR) isa jalqabaa irratti, kan marsariitii irrattillee baaseen, nama ganda sanaa keessaa tokko – Raamdev Oraa'on – shakkamaa jalqabaati ittiin jedheera.

Poolisiin akka jedhanitti, ilmi Raamdev guyyaa kudhan dura dhukkubsatee du'eera , garuu Kaatoo Deeviifi maatiishee falfalaan ilma koo ajjeestan jechuun himateera. Amantaan kuni maal irratti akka hundaa'e ifatti waan beekamu hin jiru.

Poolisiin akka ibsaetti, Raamdev achi buuteen isaa waan dhabameef, poolisiin isa barbaadaa jira.

Halkan sana Raamdeev ilma obboleessa isaa akka malee dhukkubsate gara iddoo namoota miidhamanii fidee dhufee ture.

Maanishaa Deeviin mucaan sun lafarra ciisee yeroo isaan waan aadaa raawwachaa amantii isaaniin kadhaataafii akka turan dubbatti.

Firri Maanishaa biraa ammoo haadha warraa Baabulaa 'falfaltoota' jechuun dhukkuba maatisaaf himataa turee jetti.

''Kaatoon manaa baafamtee mucaa dhukkubsate sana sa'atii tokkoof walakkaa keessatti akka fayyistu gaafatamte.'' Deeviin ollaa deemterraa maatiishee lubbuun arguu yoo feete deebitee akka dhuftu itti himame.

Firri isheen lammataa, ajjeechaaa kana argite Kaatoon namoonni ganda sana qalbiitti akka deebi'an gaafattullee, isaan garuu ittuu aaruutti ka'an.

''Yeroo Baabelaliifi Maanjiit gidduuf seenuuf yaalan jarri isaan haleelan. Raanii Deeviinis yeroo abbaa warraashee eeguuf jettu haleelamteetti,''

Ilmaan dhiiraa inni lubbuun hafe booda poolisiitti yoo dubbatu hamma tahe baqachuuf yaalee dukkana keessatti dhokatee yeroo maatiinsaa gubamaniifi fannifaman ijaan arguu hime.

Poolisin garee yakkaa kanaan shakkeef dhiiraafi dubartii 23 maqaa kan dhahe kan ibse, yoo tahu namoota 150-200 tahan ammoo garee kana keessa turan jedheera.

''Gareen kuni ulee, waxxeefi meeshaa qara qabu qabatanii ture. Namoota miidhan hunda walitti hidhanii gara bishaan boollaa tokk dhaqachuun akkan isaan haleelan''

Sanadni poolisiin akka agarsiisutti namoonni yeroo ibiddaan gubamuf fudhataman namoonni haleellaarraa lubbuun hafan fa'i jiru. Sana booda madaabaraa keessa kaa'amanii tiraaktaraan fudhataman jedha.

Mana jireenyaa

Poolisiin akka jedhutti, guyyaa ittaanu hundisaanii jiraan gubamanii reeffisaanii boolla bishaanii keessaa baafame.

Abbaan alangee naannichaa Anshuul Kumaara duran shanan isaaniiyyuu jiraan gubaman jedhanillee qorannoon reeffaa garuu gabaasa murtaa'aa hin baasne.

''Ragaan qorannoon reeffaa gubamanii ajjeefamuufi haleelamuun booda ajjeefamuu himu hin argamne,''

Waan ajaa'ibaa ammoo gochaan suukaneessaa kuni waajirri poolisii km7 fagaatee otoo jiruuti kan mudate.

Poolisiin gochaan kuni raawwachuun sa'atii 11 booda qaqqabuusaaf dhiifama gaafachuun ''balleessaa keenya'' jedheera.

Namni hoggantummaa poolisiirra ture kaafamuun bakka buufamee nama jiinii baasa jedhame dabalatee namoonni yakka kanaan hidhata qaban afur to'atamaniiru. Kaan baqarra jiru.

BBC'n nama 'jinnii'' arii'u jedhamanii kan amma gaaddisa seeraa jala jiran akkasumas Raamdeev amma achi buuteensaa hin baramne dubbisuu hin dandeenye.

Dhimma ajjeechaa kanarratti garee qorannoo addaa kan dhaabbate yoo tahu namoota ganda kanaa amantii falfalaa sirrii hin taanetu ajjeechaatti oofe jedhan.

Qondaaloti naanoo kanatti yakki falfalaan wal-qabatu kana dura uumamee hin beeku jedhan.

Hojjettuun tajaajila hawaasaa Miiraa Deevii garuu gandi kuni barnoota gatii hin qabneef mana hakiimiirra namni gaafa dhukkubsatu lafa falfalaa geessu jette.

Gandi Teegaamaa jedhamtu magaalaa Puurniyaa irraa km11 kan fagaattu yoo tahu lafa jireenyaa maatii 22ti

Jiraataan gandichaa tokko tullaa boqqolloo gaafas gubate agarsiisuun haala suukaneessaa sanan yaadata.

Maanishaa Deeviin manashee dura teesse ajjeechaa suukaneessaa ijaan argiteen gadditi.

''Dhaabannee namoota ajjeefaman lubbuu baafachuuf yeroo wixxifatan ilaalaa turre, humna hin qabnu ture. Amma gochaan sun qalbii keenya keessaa hin badu,'' jette.