Namichi US ‘abaarsa kaadhimaa koo narraa kaasuu dadhabde jechuun' toshituu himate

Nama hegeree namaa dubbisu

Madda suuraa, Getty Images

Kaaliforniyaatti namichi, toshituu(falfaltuu), tosha kaadhimaa duriin irratti godhame siin fashalsa ittiin jechuun waadaa galte raawwachuu dhabuu isheef mana murtiitti himate.

Mawuroo Restireeppoo, dubartiin Sofiyaa Adaamsi jedhamtu, yoo inni doolaara 5,100 kaffale abaarsa irraa kaasuun gaa’ila isaa olchuu akka dandeessu waada seenteefi turte jechuun himata gowwomsaa Mana Murtii Olaanaa Toraansitti dhiyeesseera.

Aadde Adaams, yoo abaarsi kun hin kaafamu ta’e, innii fi maatiin isaa “gammachuu akka dhabanii fi balaarra akka bu’an,” Retireeppotti himuun ishee ibsameera.

Amma miidha isheen uumteef beenyaan doolara 25,000 akka kaffalamuuf gaafateera.

Himannaa Restireeppoon dhiyeesse hedduu keessaa yakka itti gaafatamummaa fudhachuu dhabuu, gowwomsaa fi beekaa miidhaa miraa geessisuu kan jedhu keessa jiru.

Restireeppoo akka jedhutti Aadde Adams waliin kan wal qunname erga Google irratti beeksisa toshituu barbaadee argatee boodadha.

Marsariitiin Adaamsi isheen “ogeetti jaalala toshaa” fi “Leenjii jireenyaa irratti Ph.D” akka qabdu eera, kana irratti hundaa’uni himata dhiyaateen dubartiin kun “ Restireeppoon nama ogummaa sirri qabu waliin akka haasa’aa jiru akka itti fakkaatu” gooteetti jedha.

Yeroo wal arganitti Aadde Adaamsi kaardii tarooti jedhamu dubbisuun “abaarsi toshituun jaalallee isaa durii qacarte” irra akka jiru itti himuun, yoo abaarsi kun hin kaafamu ta’e isa, ijoollee isaa fi gaa’ila isaa balaarra akka buusu itti himuu ishee, manni murti dhaga’eera.

Jalqaba qabdii doolara 1,000 kaffalus, Aadde Adamsi gaa’ila isaa“ homaa akka hin gargaarre” fi ammayyuu hiribba dhabuu, dhiphachuu fi gaddaan akka rakkachaa jiru himeera.

Himata kanaan abbaan warraa Adaamsi, intalli ishee fi namni mana ishee kireessuus himatamaniiru.