Namoonni beekamoofi dureeyyiin seexanaaf wareega kennuun maaliif hamatamu?

Kuni seenaa nama sodaaachisudha. Keewwata miira isin jeequs qabaachuu mala.
Miseensonni Paartii Demookiraatii Ameerikaa du’aafi dulluma jalaa miliqanii dargaggummaan jiraachuuf daa’imman butanii dhiigasaanii seexanaaf gabbaru jedhamuun hamatamu.
Oduun akkasii hamii qalbii keenya qabatu dha. Tahus Hilaarii Kiliintan akkasheen Luusifar hin waaqessitu nama/ daa’ima hin nyaattus miti taha.
Hamiin akkasii oduu shiraa Kiwoonoon (QAnon) jedhamurraa dhufe. Warreen oduu shiraa xaxan kuni yaada akkasii kana waaqeffannaa seexanaa bara gidduugaleessaarraa fudhachuun Paartii Demookiraatii humnaafi uumama namaan olitti gochaa hamminaa akka hojjetan fakkeessuuf fayyadamu.
Jette jetteen waaqeffannaa Seexanaa akkasii garuu hangam waan dhugaadha? Ragaa jiruun waan dhugumaan seenaa keessatti tahaa mirkaneessuuf rakkisaadha.
Bara 1233 Phaaphaasiin Garmanii 9ffaan dhimma waaqeffannaa seexanaa biyyattii guutuutti geggeefamuun baayyee kan yaadda’ee ture fakkata.
Jarreen seexana waaqessan jedhaman akka dararuufi yakka isaanii saaxiluuf Kiristaana abbaa simboo kan tahe Konaard Von Maarbarg erge.
Waan Konaard waaqessitoota seexanarraa dhagahe jedhee deebi'ees kan nama rifaasisu ture. Ibiddaan akka isaan gubu doorsisnaan gochaa dhagahuf namatti hin tolle fa'i akka amanan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waan jarri kun wareega seexanaaf jecha raawwatanis boodarra barreefama labsii Phaaphaasii Giriigoorii Vooks Iin Raamaa jedhamu irratti baheera.
Vooks Iin Raamaan akka jedhutti, ‘‘namichi tokko fattee wajjin waaqessitoota seexanaa kanatti itti mul’ata warri seexana waaqessan kunneen yoo isa dhungatan amantii isaanii Kaatolikii isaan irraanfachiisuun, gochaa sagaagaltummaa irratti akka hirmaannu nu godha,'' jedhu.
Seenaa kana keessa adurreen gurraatti gaansa barbaadduufi hudduurra dhungatamuu gaafattus jirti.
Labsiin Vooks Iin Raamaa jarreen kanarrtti waraana bal’aa irratti gaggeessuuf labse isaanis baay’inaan qonnaa bultoota turan. Yeroos qonnaan bultoonni immoo gibirri nutti baay’ate jechuun mootummaa irratti diddaa dhageessisaa turan.
Deebii kanaafis tarkaanfiin gama bataskaana Kaatolikiin kennamus boodatti harkifatee raawwiitiin dhugoomuufi.
Labsii Vook Iin Raamaa ija shakkiin yoo ilaalle, himannaan waaqeffannaa Seexanaa kuni meeshaa siyaasaati. Haalli akkasii kunis seenaa keessatti itti fufeema maayii itti bahamaa ture.
Bara 1789tti bataskaannii Kaatololikii Warraaqsa Faransaayiin humni laaffate, warraaqsicha duuba Seexanatu jira jechuun labsuu jalqabde.
Bara 1970tti qondaaloti waraanaa Biriitish Kaaba Ayarlaanditti waraana ture garee hidhattootaa hojii seexanaa akka hojjetan fakkeessuuf jecha dirree waraanaatti fannoo amantii Kiristaanaa gadi garagalchanii dhaabu ture.
Ameerikaattis bara 1984tti haati tokko bakka oolmaa daa’immanii mucaanshee baratutti, daa’imman irratti miidhaan saalaa akka qaqqabuufi seexanaaf wareega akka raawwatan dubbatte.
Boodarra qorannoodhaan dubartiin kuni rakkoo sammuu cimaa sodaa gara malee keessa ishee galchu akka qabdu bira gahamus, miidiyaalee Ameerikaa fi warreen wangeela labsina jedhan dhimmicha hafarsuun bal’inaan waliingahurraa isaan hin hambisne.
Oolmaan daa’immanii kuni namoonni dirqamaan foon namaa akka nyaatan gochuu fi saatawwaa qaluu fa’iin himannaan guddaa irratti banamee ture.
Dhimma raawwate jedhame kana ragaadhaan deeggaruun waan hin danda'amne tahus, yeroosaatti himannaawwan 12,000 banamuun namoonni gara waggaa 21 hidhaa dabarsan turan.
Barreessaan Richaard Beek jedhamu boodarra maqaa hojii seexanaa jedhuun garee adda baafaman adamsuun siyaasa akka qabu katabe.
Sirna seeraa biyya tokkoo sodaan akkasii kuni amansiisuun akka fakkeenyaatti fudhatamuu danda'a.
Seenaa keessatti namoonni garee tokko irratti xiyyeeffachuun nama ajjeesan akka Seexana waaqessan dubbachuun hinuma jira.
Tahus hamiin wareega ykn waaqeffannaa seexanaa irratti dubbatamu baayyeen seenaa keessatti waan qabatamaa akka hin taane mirkanaa'eera.

Gareen namoota Waaqatti hin amanne waldaa dhaabuun seexana waaqessina jedhanii amantoota aarsuuf yaalan garuu jiru.
Kanaan ala wareegni seexanaaf kennama jedhamu kuni kan ragaan hin deeggaramne hamii duubnisaa siyaasa qabu kan soba irratti hundaa'edha.
Namoonni sooressa tahan akkasumas aangoo qaban yakka suukaneessaa tahe raawwachuu danda'u.
Falfalaafi wareega seexanaaf kennamuun hojjetu hamiin jedhu garuu ragaan kan hin deeggaramneefi mirkana kan hin qabnedha.
Waan hammeenyaa amma addunyaarratti raawwatu qorachuu yoo feene seenaa akkasii duubatti dhiisuu qabna.












