Sochiin 'Seexana ifatti waaqessuu' Ameerikaatti babal'ataa dhufe maalidha?

Amerikaatti ifatti seexana waaqessuun baramaa dhufeera. Waanti dur golatti dhoksaan raawwatamu amma ifatti seera qabeessa ta'ee ija addunyaa duratti raawwatamaa jira.
Inumaayyuu beeksisa hojjatanii, barjaa maxxansanii koottaa nu wajjin seexana waaqessaa jechuu bira gahameera.
Ameerikaa Boostanitti walgahii guddaan seexana waaqessuu gaggeeffamee jira. Namoonni kun ammoo Satanists-Warra Seexana Waaqeessan jedhamuun beekamu.
Galma walgahii keessatti wantoonni sirna seexana waaqessuuf barbaachisan hundi qophaa'aniiru. Ibsaan shaamaa qabsiifamee jira. Galmicha keessa gara fuulduraa ammoo iddoon sirni garaa garaa itti gaggeeffamu wal-tajjiitu jira.
Bifa urjiitin kan hojjatame peentaagiraamii ykn rog-shaneen bifa adiin hojjatame wal-tajjicha fuuldura kaa'amee jira.
Wantota sirna seexana waaqessuu kanarratti raawwataman keessaa tokko "cuphaa dhiisisuu" kan jedhamudha. Kunis wanta dur sirna namoota amantii kiristaanaa keessa turaniin raawwataman itti gansiisaniidha.
Namoonni sirna waaqeffannaa seexanaa kanarratti hirmaatan wayyaa fuula isaanii dhoksuufi guraacha uffatu. Harki isaanii cancalaan erga hidhamee booda irraa hiikama- walabummaa isanii labsachuu aarsiisa akka namoonni achirratti hirmaatan jedhanitti
Cuuphaa Kiristaanummaa dur itti cuuphaman sana ganuu isaanii agarsiisuf ammoo Macafa Qulquluu ciranii gatu.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Warri saala wal-fakkaataa leellisan ammoo baay'inaan irratti akka hirmaatan dubbatu.
"Akka nama saala wal-fakkaataa jaalatuutti yeroo hunda ati abaarsa kan jedhuu baay'ee na yaaddessaa ture. Galma Seexanaa dhufuun koo kanarratti baay'ee na gargaare. Muxannoon isaas baayyee cimaa akka ta'e ifadha.''
Galmi Seexaa (The Satanic Temple) mootummaa US'tiin qaama seerummaa qaba. Ameerikaa, Awurooppaafi Awustiraaliyaa keessatti namoota adda bahanii seexana tajaajilaniifi galma itti waaqeffatan ifatti qabu.
Ji'a Eblaa keessa walgahii guddaa SatanCon jedhamu gaggeeffataniiru.
Namoonni kun Luusifar ykn Si'oolitti hin amannu jedhu. Seexanni waanta sadrkaa yadatti jiruufi waan aangoo qabu tokko gaafachuufi saayinsiitti amanuu namaaf cimsuudha jedhu.
Namoonni yaada akkasiitti amanan gaafa walitti dhufan amantii fakkaata jedhu.
Yeroo sirna garaa garaa raawwatan ammoo mallattoo seexanaa fayyadamu: fakkeenyaf, yeroo gaa'ila raawwatan ykn maqaa haaraa moggaafatan.
Mallattoolee kanneen keessaa tokko mallattoo fannoo Kiristaanaa gadi garagalchanii iddoo aarsaa isaanirra gochuudha. Sana booda, sagalee isaanii ol kaasanii "Galanni seexanaaf!" jedhu.
Kun Kiristaanotaaf arrabsoo gudaadha. Mana sagadaa Seexanaatti oduu himaa kan ta'e Deeks Desjaardins "Kun dogoggora, mallattoodhuma nuti fayyadamnu hedduu isaatu arabbsoodha," jedha.
"Nu keessa namoota fannoo gadi garagalchanii godhatan qabna. Yeroo saganta keenya eeggallus Macaafa Qulqulluu ciruun wantoota nuti goonu keessaa tokkoodha," jechuun Macaafni Qulqulluun jaalattoota saala wal-fakkaataa (LGBTQ) fa'aa waan balaaleffatuuf akka ciran dubbata.

Madda suuraa, Reuters
Warri Satanists jedhaman kunneen namni amantii barbaade mirga namaatti akka hin buuneefi nama aarsuf akka hin hojjanne dubbatu.
Haata'u garuu kiristaanonni waldaa garaagaraa irraa dhufan bakka warri seexana waaqessan itti walitti qabamanitti bahuun mormiifi ergaa garaa garaa dabarsaa turan.
Isaan keessaa tokko, "Qalbii geeddaradhaatii wangeelatti amanaa. Seexanni ilmaan warra of-tuultuu hundumaa irratti mo'ee jira," jechuun barjaa irratti barreeffateera.

Madda suuraa, Reuters
Waldaa Kaatolikii irraa warra seexana waaqessaniin mormuuf kan baate Miishel Shivlar, "Waaqayyo itti agarsiisuf baane, waan fokkisaa kana hin fudhannu, nuti warri Kaatolikii adda babahii uummata warra seexana waaqessaniif (Satanists) hin dhiifne," jette.
Bakka walgahiin kun itti gaggeffamettu namoonni warri sirna seexana waaqessuu irratti argaman miira garaa garaa keessatti argamu. Waan akka gaanfaa, qeensa bineensaa fakkaatu, tumaa qaamaa bifa garaa garaa qabuufi mallattoo garaa garaatin of-gammachiisu.
Muuziqaa garaa garaafi barsiifnis ni kennama. Waa'ee seexana waaqesuu ykn Seexaniziimii fi ofiin of-gammachiisuu irratti baruumsi ni kennma.

Madda suuraa, THE BOSTON GLOBE VIA GETTY IMAGES
'Siidan Seexanaa nuuf haa dhaabatu'
Xiyyeeffannoo namoota kanaa keessaa tokko siyaasa leellisuudha. Amantiifi mootummaan ykn biyyi gargar bahuu qabu jedhu. Kaayyoo isaanii galmaan gahuuf ammoo dheekkamsaafi mallattoo garaa garaa fayyadamu.
Fakkeenyaf, Oklahaamaa keessatti siidan seexanaa meetira 2.8 dheeratu nuuf haa dhaabatu jechuun mana murtiitti himatanii turan. Bakki isaa ammoo iddoo kanaan dura siidan 'Ajaja Kurna Macaafa Qulqulluu' itti dhaabatee tureedha.
Booda manni murtii himata isaanii irraa ka'uun siidan 'Ajaja Kurnan Macaafa Qulqulluu' akka ka'u murteesse.

Dubartiin mirga ulfa baasuu qabdi jedhaniis falmu. Kanumarraa ka'uun baruma kana karaa onlaayinii kilinika banuun nama ulfa baasuu barbaadef kiniinii ulfa baasuu karaa mana poostaa erguu eegalaniiru.
Dubartoonni ulfa baasuf ilaalcha amantii isaan ittisu irraa sirna bilisa isaan taasisus tajajila kenninu qabna jedhu. Osoo ulfa hin baasin dura waanti sammuu isaanii ceepha'u akka hin jiraannef waan irra deddeebin jedhaniifi sirni gaggeeffamu jira.
Kunis ulfa baasun sirriidha jedhanii sammuu isaanii amaniisuf isaan gargaara jechu namoonni kun.
Seexanni nama jaalatee beekamoo?
Artistoonnifi warri mi'a addaa addaa gurguran meeshaalee mallattoo seexanaati jedhame qaban gurguruuf Galma Seexanaa bira ijaajjanii jiru.
Bobboca gara garaa kan "Seexanni si jaalata!" jedhu fa'i ofirraa qabu gurguru. Meeshaalee biroos "kan seexanni nu eebbiseedha" jedhanii gurguru.
Bobocafi huccuuwwan garaa garaa kan mallattoo seexanaa 'Baafomit' jedhamee beekamu ofiraa qabus ni gurguru. Baafomit mallattoo seexanaa qaama namaa fakkaatu garuu kan mataansaa mata re'ee fakkaatuufi wantoota gara garaa ofiraa qabudha.
Galmi Seexana kun T-shartii ofiin maxxansiisee gurguru qaba. Miseensota irraa qarshii hin sassaabu. Deeggarsaafi galii gurgurtaa meeshaalee mallattoo seexanaa ofirraa qabaniin socho'a.
Nagaan buli Baafomet!
Kitaaba ijoollee haaraa mata duree 'Nagaan buli Baafomet' jedhu qopheessun maxxansaniiru.
Kunis ijoollee gara waaqeffaanaa seexanaatti hawwachuufi namoota haalala dhaabbatanii ilaalan irraa adda baasanii hawwachuuf kan karooorfameedha.
Galmi Seexanaa qajeelfamoota ittiin gageeffamu torba qaba: nama hubachuuf dursa kennuu, qaama ofirratti abbaa ta'uu, mirga namoota biroo kabajuu, mira nama mufachiisuu dabalatee jechuudha.

Kaalifoorniyaa irraa sagantaa seexana waaqessuurratti argamuuf xayyaaran kan Boostan deemte Araseelii Roojas qajeelfamni Seexanizimii kun isheef ta'uu dubbatti.
"Anatu ofirratti hin beekin ture malee duraanuu Satanist ture," jetti.
Jalqabaaf bara 2020 waa'ee Seexanizimii TikTok irratti arguu himte: "Jalqaba sana ilaalen sodaadhe. Ijoollee fa'aa aarsaa godhuuf dhiisuusanii adda baafachuun barbade!
''Sana booda aadaa sanii nan baradhe. Walgahii isanii hirmaachus nan eegale...[ijoollee qalanii akka aarsaa] hin dhiyeessa, mallatodhuma fayyadamu malee isaanoo namoota gaaridha!
Waa'een Seexanizimii ifati sirriitti beekamuu kan eegale fiilmii bara 2019 hojjatame "Hail Satan" jedhu kan Peenii Leen waa'ee qajeelfama Galma Seexanaa keesatti ibse irratti ture.
Bara 2019 miseensonni isaanii 10,000 turan amma gara 700,000 tti guddataniiru.
Namoota walgahii gudda seexana waaqessuu ji'a Eblaa keessa Bostanitti gaggeeffame irratti aangawoota mootummaa naannoo, injinaroota, ogeeyyii fayyaafi ogumaagaraa garaa keessa hojjatan hirmaaraniiru.
Jaalattoonni saala wal-fakkaataa (LGBTQ) heddus irratti hirmaataniiru.
Miidiyaalen Ameerikaa heddu garee kana akkasumaan beekamtii argachuufi qalbii namaa hawwachufmalee akka waan qabatama wayii hin qabneetti dhiyeessu.
"Waanta nuti jennu namoonni akka waan gatii qabu wayiitti fudhachuuf ni rakkatu. Garuu nuti waan jennu ifaan ifati dubbanna malee fakkeessinee of-hin dhiyeennu," jedha namoota sagantaa Galma Seexanaa deeman keessaa tokko.
Taayifuun Niiks nama ganna 30 keessa jiruudha. Miseensa Galma Seexanaa yoo ta'u maqaa "Satanym" jedhamuun beekama. Dur Waaqni hin jiru jedhee amana ture. Dhiyeeny kana garuu ilaalcha Seexanizimii hordofuu eegale.
"Seexanizimiin waan ani amanu hunda bakka naaf bu'a. Qaama ofiirratti abbaa ta'uu [qaama ofii akka barbaadan gochuu], gara laafina, kabaja, saayinsii dabalatee.
"Seexanni namoota gataman, namoota nama kaanirraa adda ta'anii yaadan bakka bu'a," jechuun amantota Kiristaanaa ammoo balaaleffata.












