‘Akkoo koo Kaartumitti qofaatti duutee awwaallachuu hin dandeenye’

Madda suuraa, AZHAAR SHOLGAMI
Azhaar Sholgaamii akkoo ishee sababii waraanaatiin du'an awwaallachuuf yaalaa jirti.
Maanguddoon tun erga du'anii guyyoota lakkoofsisaniiru, garuu hagam akka ta’e eenyuuyyu hin beeku. Sababii waraanaatti mana ishee magaalaa Kaartuun kan lolli itti hammaatee jiru keessatti danqamtee, qofaa ishee taatee lubbuun ishee darbe.
Azhaar Ameerikaa Niiw Yoork teessee wanta Sudaan keessatti ta’aa jiru ilaalaa, akkoo ishee olfachuuf yaalaa turte. Amma immoo, reeffa akkoo ishee baafachuuf baayyee yaalaa jirti.
Ishee qofa miti. Lolli cimaan magaalaa gudditti Sudaan keessatti adeemsifamaa jiru reeffa namoota lubbuun isaanii darbe sassabuu rakkisaa taasiseera.
Walii galteen namoomaa qamoolee lamaaniin Jimaataa Jeddaatti taasifaame, addattii hojjettooti gargaarsaa reeffa namoota lola kanaan ajjeefamanii akka sassabanii, galmeessanii fi awwalaan gargaaruuf kan taasifamedha.
“Daandirratti reeffa namootaa fi hospitaalota cufaman argaa oolla,” jedha Dhaabbata Fannoo Diimaa Idil Addunyaatti Hogganaan Afrikaa Paatrik Yuseef.
“Qajeelfamni gargaarsa namoomaa inni haaraa ibsame kun dhugumaan hojii namoomaa irrratti ni gargaara jedheen abdadha.”
Hanga ammaatti hin gargaarre, sababiin isaas qaamooleen lamaanuu waadaa waraqaa irratti seenaan dhugaatti geeddaruuf ammatti walii galtee dhukaasa dhaabuurra hin geenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkoo fi akaakaan Azhaar, Abdallaa Sholgaamii fi Alaweeyaa Reeshwaan, yeroo lolli kun hammaachaa dhufe biyyatti keessatti danqamani.
Kaartuum daandii Baladiyaarra, mana isaanii olla wiirtuu humna waraanaa fi imbaasii Biriteen jiru keessa jiraacha turan. Naannoon sun qamoolee wal lolaa jiraniif – humna waraanaa Sudaan fi humnoota RSF – dirree waraanaa ta’e.
Obbo Sholgamii, lammii Biriteen, rasaasaan si’a sadii rukutamee yemmuu miidhame, haadhi warraa isaa qaama hir’uu taate manatti qofaa ishee hafte. Carroomee lubbuun isaa oolee, amma maatiin isaa Sudaan keessaa isa baasuuf yaalaa jiru.
Ta’us garuu wa’ee hadha warraa isaa, akkayaa Azhaar, Alaweeyaa irraa homaa dhaga’uu hin dandeenye. Torban hedduuf imbaasii Biriiteenitti bilbila irra daddeebiin bilbilaa turanis gargaarsa argachuu hin dandeenye.
Akkayaa fi akaakaan ishee, yeroo lammileen Biriteen biyyatti keessaa baafamaa turanitti gara buufata xiyyaara deemuun waan dhaabaniif, Kaartuum keessatti danqamanii boodatti hafani.
Guyyaa sadii dura Imbaasii Tarkii, olla mana akkayaa ishee jiru irraa bilbilameefii, akka lubbuun akkayaa ishee darbe itti himame.
Azhaar waan itti himame amanuu hin dandeenye.
“Deebisee bilbileefiin , “tarii koomaa keessa jirti, rukkuttaa onnee ishee ilaaltaniittuu? Qaamni ishee ho’iinsa akka qabu ilaaltaniittu?’ jedhee yemmuun gaafadhu qaamni ishee bososaa akka ture natti hime,” jetti.
“Qofaashee, ho’iinsa kan keessa humna elektirikii malee, sagalee boombiin dammaqaa akka turte yemmuun yaadu na dhukkuba.”
Dubaartiin biraa BBC’n dubbise, eessuma naannicha keessa jiraatu Ahmad jedhamu qabdi. Nageenya isheef sodaatte eenyummaa ishee ibsuu hin feene, garuu seenaa kana nutti himteetti.
Maatiin Ahmad waliin biyyatti keessaa ba’uuf jecha mana fira isaaniitti walitti qabamaa turani. Waraqaa ragaa isaa mana isaa naannaa Riyaad jirutti akka dagate yemmu yaadate, fudhachuuf demee hin deebi’iin hafe.
Guyyaa ja’a booda obboleessi isaa nama reeffa mana Ahmad dura jiru adda baasuuf yaalaa jiru irraa bilbilameefi.
Ahmad loltoota RSF mana isaa keessatti yemmu argatu, isa ajjeessanii, mana isaa saamanii deemani jechuun namni kun obboleessa isaatti hime.
Hanga hojjettoonni gargaarsaa achi ga’anitti ollootni reeffa Ahmad laastikiin maranii kaa’aanii turani. Obdiin waan hin jirreef, achummatti isa awwaaluu barbaadanii turani garuu maatiin isaa akka anni akkanumaan daandiirratti awwaalamu hin eeyyamne.
Kanaaf hanga ammaatti reeffi isaa laastikiin maramee achuma jira.
Azhaar ammayyi namni tokko deemee reeffa akkayaa ishee akka fuudhuuf haala mijeessuuf yaalaa jirti.
Dhaabbatni guyyaa waliqalteen Jeddaa taasifame irratti reeffa ishee fuudhuuf yaalanii turan, dhuukaasa jidduu waan seenaniif ofirra deebi’ani.
“Akkookoo waliin baayyee walitti siqna turre,” jetti. “Gara Niw Yoorkitti imaluukoon dura haasaa keenyaa dhumaa irratti, qofaakootti na dhiifta jedheen sodaadha naan jettee turte.”
“Ittan kolfe. Wanti fe’e yoo uumame, qofaatti tasumaan si hin dhiisuu… yeroo hunda si waliinan jira jedheeni… amma akkan ishee gaddisiisetti natti dhaga’ama.“












