Lakkoofsi namootaa waraana Sudaan baqachuun Itoophiyaa seenanii '12,000 ol gahe'

haadhaa fi daa'ima harree koranii gara Chaaditti baqachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin hedduun gara biyyoota ollaatti baqachaa jiru. Maatiin kun gara Chaaditti baqatan - Caamsaa 1, 2023

Lakkoofsi lammilee biyyoota garagaraa waraana Sudaanitti hammaate baqatanii gama daangaa Matammaa cehuun Itoophiyaa seenanii guyyuu dabalaa jiraachuun himame.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Waajirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA) akka beeksisetti, guyya guyyaan namoonni 1,000 ol tahan daangaa cehanii Itoophiyaa seenaa kan jiran oggaa tahu, dabalaas jira.

Gabaasa jaarmiyaan kun gaafa Jimaataa baaseen, waraana biyyattiitti dhalateen namoonni gama Matammaan daangaa cehanii biyyattii seenan 12,000 ol tahuu hime.

Godina Gondar Lixaa Matammaa, ulaa Itoophiyaa fi Sudaan daangeessuun, kanneen lubbuusaanii baraaruuf daangaa cehaa jiran keessaa garri caalan lammilee Itoophiyaa ennaa tahan, lammiileen biyyoota kaanis keessatti argamuu ragaan UN kun ni hima.

Gaafa Caamsaa 4, 2023 gama Matammaan buqqaatonni 1,113 biyya kan galan ogguu tahu, kanneen keessaa walakkaa ol kan tahan lammilee Itoophiyaati.

Kanneen hafan ammoo: Sudaan, Ertiraa, Somaaliyaa, Ameerikaa, Siiriyaa, Gaanaa fi kaanis keessatti akka argaman jaarmiyaan kun ibse.

Lammileen daangaa qaqqabaniifi waraqaa imalaa barbaachisu qaban, gara biyyasaanitti yookaan ammoo achuma Itoophiyaa seenuuf naannoo daangaa gadhiisuun isaanis himameera.

Haaluma walfakkaatuun lammileen Itoophiyaas, bakka dhalootaa isaaniitti deebi'aa jirus jedhame.

Jaarmiyaan UN kun akka himetti, kanneen achuma daangaarra jiran qarqaarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.

Rakkoo namoomaa kanaaf deebii barbaachisu akka kennituuf, dhaabbatichi Itoophiyaaf doolaarri miiliyoona $76.9 ni barbaachisa jedhamu akka gaafatameef ibseera.

Dabaluunis tajaajila fayyaa dabalatee dhimmootni barbaachisan kaaniis dabaluun, haalichi akka hin hammaanne qolachuun barbaachisaadha jedha Ocha'n.

Waraana Sudaanii fi humna addaa RSF jedhamu jidduu lola adeemaa jiruun, yoo xiqqaate lammileen Itoophiyaa saddeet lubbuu dhabuusaanii embasiin Itoophiyaa biyyattii jiru torbanootaan dura beeksisee ture.

Lola hamaa torban sadeessoof itti fufe kanaan, namoonni dhibbatti lakkaa'aman lubbuu kan dhaban ennaa tahu, kanneen 450,000 tahan ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. 115,000 kan tahanis biyyoota ollaatti baqataniiru.

Ajajaan Waraana Sudaan fi biyyattii bulchaa kan jiran Jen. Abdal Fattaah al-Burhaan fi dureen humna RSF Jen. Mohaammad Hamdaan Dagaaloo, falmii akkaan cimaa tahe keessa jiru.

Humnoonni lameen kun torbanoota darban keessa waliigaltee dhukaasa dhaabuu adda addaa godhanis, osoo hin kabajin hafaniiru. Amma garuu yeroo jalqabaaf bakka bu'oota isaaniin Sa'udii Arabiyaatti fuulleetti walarguun, mari'achuuf akka jiran himameera.